Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Then Solomon began building our Father's house in Jerusalem, on Mount Moriah, where our Father had appeared to his father David, at the site David had prepared on Ornan the Jebusite's threshing floor. Solomoonis Yerusaalem keessatti iddoo Waaqayyo abbaa isaa Daawititti mulʼatetti Tulluu Mooriyaa irratti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe. Iddoon kunis iddoo Daawit oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti qopheessee dha.
2 He began building in the second month, second day, in the fourth year of his reign. Innis bara mootummaa isaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii lammaffaa jiʼa lammaffaatti ijaaruu jalqabe.
3 These are the foundations Solomon laid for building the house of our Father: length about ninety feet by the earlier standard, width about thirty feet. Solomoonis mana qulqullummaa Waaqaa ijaaruudhaaf jedhee hundee dheerinni isaa akka safartuu duriitti dhundhuma jaatama taʼee dhundhuma digdama balʼatu ni buuse.
4 The portico across the house's front, along the width of the house, was about thirty feet wide; its height was 120 feet. He covered the inside with pure gold. Gardaafoon fuula mana qulqullummaa dura tures lafa irra dheerinni isa akkuma balʼina mana qulqullummaatti dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Innis keessa manichaatti warqee qulqulluu uffise.
5 He paneled the large room with cypress wood, covered it in fine gold, and added palm trees and chains. Kutaa guddaa mana sanaattis muka birbirsaa maxxansee warqee qulqulluu itti uffise; fakkii meexxiitii fi foncaatiinis ni miidhagse.
6 He adorned the house with precious stones for beauty, and the gold was from Parvaim. Mana qulqullummaa sanas dhagaawwan gati jabeeyyiitiin ni bareeche. Warqeen inni itti fayyadames warqee Farwaayim ture.
7 He covered the house—beams, thresholds, walls, doors—with gold, and carved cherubim on the walls. Innis dareeraawwan, michichilawwan balbalaa, dhaaba manaatii fi cufaawwan mana qulqullummaatti warqee uffise; keenyan manaa sana irrattis fakkii Kiirubeelii soofe.
8 He made the Most Holy Place, its length matching the house's width—about thirty feet—and its width also thirty feet. He overlaid it with about twenty-three tons of fine gold. Innis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe ijaare; lafa irra dheerinni iddoo sanaas balʼina mana qulqullummaatiin wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Keessa isaa illee warqee qulqulluu taalaantii dhibba jaʼa itti uffise.
9 Nails weighed about twenty ounces of gold; he covered the upper rooms with gold. Mismaaronni warqees saqilii shantama ulfaatu ture. Kutaawwan ol aananittis akkasumas warqee uffise.
10 In the Most Holy Place he made two carved cherubim, gilded them. Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti kiirubeelii lama hojjechiisee warqee itti uffise.
11 Together the cherubim's wings spanned about thirty feet: one wing of the first cherub, about seven and a half feet, touched the house wall; its other wing, also about seven and a half feet, touched the second cherub's wing. Qoochoon kiirubeelii lamaanii walumatti dhundhuma digdama ture. Qoochoon kiirubii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dheeratee keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee Qoochoon kiirubii lammaffaa tuqa.
12 The second cherub's wing, about seven and a half feet, touched the house wall; its other wing, also about seven and a half feet, joined the first cherub's wing. Akkasumas qoochoon kiirubii lammaffaa inni tokko dhundhuma shan dheeratee gama kaaniin keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee qoochoo kiirubii jalqabaa sanaa tuqa.
13 The wings of these cherubim spread about thirty feet; they stood on their feet, facing the main hall. Qoochoowwan kiirubeelii kanneenii dhundhuma digdamii shan diriirfaman. Kiirubeeliin kunneenis fuula isaanii gara galma guddichaatti deebifatanii miilla isaaniitiin dhaabatan.
14 He made the curtain of blue, purple, and crimson yarn and fine linen, with cherubim woven into it. Innis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa hojjetee fakkii kiirubeelii isa irratti tolche.
15 In front of the house he made two pillars, each about fifty-three feet tall, topped with a capital about seven and a half feet high. Innis fuula mana qulqullummaa duratti utubaawwan lama kanneen walumatti dhundhuma soddomii shan dheeratan tolche; tokkoon tokkoon isaaniis guutuu dhundhuma shan dheeratu mataa irraa qabu turan.
16 He made chains like a necklace, put them atop the pillars, made one hundred pomegranates, and fastened them to the chains. Foncaa wal keessa loofames hojjetee mataa utubaawwanii irra kaaʼe. Akkasumas roomaanoota dhibba tokko hojjetee foncaa sanatti qabsiise.
17 He set up the pillars in front of the temple, one to the right, one to the left, naming the right one Jachin and the left one Boaz. Innis utubaawwan sana tokko karaa kibbaatiin kaan immoo karaa kaabaatiin fuula mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin Yaakiin kan karaa kaabaatiin immoo Boʼeez jedhee moggaase.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]