Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 4 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 He made a bronze altar thirty feet long, thirty feet wide, and fifteen feet high. Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma kudhan taʼe ni tolche.
2 He made the cast-metal Sea, round: fifteen feet across, seven and a half high, forty-five around. Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche; naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe.
3 Below the rim, figures of oxen encircled it, about seven to every foot around the Sea, cast in two rows as one piece with it. Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti fakkii korommii kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Korommiin sunis tarree lamaan Gaanii sana wajjin walumatti baqfamanii hojjetaman.
4 The Sea stood on twelve oxen, three facing north, three west, three south, three east, resting on them, their hindquarters all inward. Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture.
5 About three inches thick, its rim like a cup's, like a lily's flower, holding about 17,000 gallons. Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma sadii qabata ture.
6 He made ten washing basins, five south, five north, to rinse what was used for the burnt offerings; the Sea was for the priests to wash in. Innis caabii dhiqannaa kudhan tolchee shan gama kibbaatiin, shan immoo gama kaabaatiin ni kaaʼe. Miʼoonni aarsaa gubamuuf fayyadanis caabiiwwan kanneen keessatti miiccamu ture; Gaanicha garuu lubootatu dhiqannaadhaaf itti fayyadama ture.
7 He made ten gold lampstands as specified, five for the temple's south side, five for the north. Innis akkuma seerri ajajutti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman kudhan tolchee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe.
8 He made ten tables, placed them in the temple—five south, five north—and one hundred gold basins. Minjaala kudhan hojjetee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe. Akkasumas waciitii warqee kan ittiin dhiiga facaasan dhibba tokko ni tolche.
9 He made the priests' court, the great court, its doors, and plated their doors with bronze. Innis oobdii lubootaa, oobdii guddichaa fi cufaawwan oobdii ni hojjete; cufaawwan sanas naasii itti uffise.
10 He placed the Sea on the south side, at the southeast corner. Gaanichas karaa kibbaatiin golee kibba baʼaa keessa ni kaaʼe.
11 Huram made the pots, shovels, and basins. So Huram finished the work he did for King Solomon in the house of our Father: Huuraam okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche. Huuraamis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon Mootichaaf hojjechaa ture fixe; hojiin kunis:
12 the two pillars; the two bowl-shaped capitals atop the pillars; the two networks covering those capitals; Utubaawwan lamaan; guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan; wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan;
13 400 pomegranates for the two networks, two rows each, covering the two capital bowls on the pillars; wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
14 the stands and the basins on the stands; baattuuwwan caabii isaanii wajjin;
15 the one Sea and the twelve oxen beneath it. gaanichii fi korommiin loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
16 Pots, shovels, meat forks, and all their utensils—Huram-abi made these for King Solomon, for our Father's house, of polished bronze. okkotee, waan ittiin daaraa hammaaran, qabduu fooniitii fi miʼoota akkanaa hunda. Miʼi Huuraam-Abiin mana qulqullummaa Waaqayyootiif jedhee Solomoon Mootichaaf hojjete hundinuu naasii cululuqfame irraa hojjetame.
17 The king had them cast in clay molds in the Jordan plain between Succoth and Zeredah. Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise.
18 Solomon made all these items in such quantity that the bronze weight could not be determined. Solomoonis miʼoota kanneen hunda baayʼinaan hojjechiise; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.
19 Solomon made all the furnishings for our Father's house: the golden altar and tables with the bread of the Presence. Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise; isaanis: iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame; minjaala buddeenni Ilaalchaa irra ture;
20 The pure gold lampstands with their lamps, to burn before the inner sanctuary as prescribed; baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetamanii fi ibsaawwan isaanii; ibsaawwan kunneenis akka akkuma seeraatti fuula iddoo qulqulluu duratti ibsaniif tolfaman;
21 the gold flowers, lamps, and tongs (these were of the purest gold). daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee qulqulluu irraa hojjetaman;
22 Pure gold: the wick trimmers, sprinkling bowls, dishes, censers, and the temple's doorways—inner doors to the Most Holy Place, and the main hall's doors. waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa warqee qulqulluu irraa hojjetaman; akkasumas cufaawwan mana qulqullummaa cufaawwan gara keessaa kanneen Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutii fi cufaawwan galma guddichaa kanneen warqee irraa hojjetaman.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]