Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 21 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Jehoshaphat rested with his ancestors, buried with them in the City of David; his son Jehoram reigned instead. Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2 Jehoram's brothers, sons of Jehoshaphat: Azariah, Jehiel, Zechariah, Azariah, Michael, Shephatiah. All these were sons of Jehoshaphat king of Israel. Obboloonni Yehooraam ilmaan Yehooshaafaax Azaariyaa, Yehiiʼeel, Zakkaariyaas, Ezaariyaas, Miikaaʼelii fi Shefaaxiyaa jedhaman ture. Isaan kunneen hundi ilmaan Yehooshaafaax mooticha Israaʼel sanaa turan.
3 Their father gave them many gifts—silver, gold, precious things—and fortified cities in Judah, but gave the kingdom to Jehoram, because he was firstborn. Abbaan isaaniis kennaa meetii, kan warqeetii fi miʼoota gatii guddaa baasanii akkasumas magaalaawwan Yihuudaa keessaa kanneen dallaa jabaa qaban isaanii kenne; garuu sababii inni hangafa taʼeef mootummaa isaa Yehooraamiif kenne.
4 Once Jehoram rose over his father's kingdom, he grew strong and killed all his brothers with the sword, and also some of Israel's officials. Yehooraam erga mootummaa abbaa isaa irratti jabaatee dhaabatee booddee obboloota isaa hundaa fi qondaaltota Israaʼel tokko tokko goraadeedhaan ni fixe.
5 Jehoram was thirty-two years old when he became king, and he reigned eight years in Jerusalem. Yehooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche.
6 He walked in the way of Israel's kings, as Ahab's house had done, for Ahab's daughter was his wife, and he did evil in our Father's eyes. Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
7 Yet our Father would not destroy the house of David, because of the covenant he made with David, and his promise to give him and his sons a lamp forever. Taʼus Waaqayyo sababii Daawit wajjin kakuu galeef mana Daawit balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni isaa fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
8 In Jehoram's days Edom rebelled against Judah's rule and set up their own king. Bara Yehooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate.
9 Jehoram crossed with his commanders and all his chariots. He rose at night and struck the Edomites surrounding him and the chariot commanders. Kanaafuu Yehooraam qondaaltota isaatii fi gaariiwwan isaa hunda wajjin achi dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe.
10 Edom rebelled against Judah's rule to this day; Libnah also rebelled then, because he had abandoned our Father, the God of his ancestors. Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis sababii Yehooraam Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiiseef yeruma sanatti fincile.
11 He built high places on Judah's hills, led Jerusalem's people to prostitute themselves, and drew Judah astray. Tulluuwwan Yihuudaa irrattis iddoowwan sagadaa ijaaree akka namoonni Yerusaalem sagaagalan gochuudhaan Yihuudaa karaa irraa jalʼise.
12 A letter came to him from Elijah the prophet: Your Father, God of your ancestor David, says: Because you haven't walked in the ways of your father Jehoshaphat, or the ways of Asa king of Judah, Yehooraamis xalayaa Eeliyaas raajicha biraa ergame tokko ni argate; xalayaan sunis akkana jedha: “Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: ‘Ati karaa abbaa kee Yehooshaafaax irra yookaan karaa Aasaa mooticha Yihuudaatti hin adeemne.
13 but walked like Israel's kings, led Judah and Jerusalem's people to be unfaithful, as Ahab's house led Israel, and killed your brothers—your father's house—men better than you, Ati garuu karaa mootota Israaʼel irra deemuudhaan akkuma manni Ahaab godhe sana Yihuudaa fi saba Yerusaalem sagaagalchiifte. Obboloota kee miseensota mana abbaa keetii kanneen sirra wayyan sana illee ni fixxe.
14 now your Father will strike your people, children, wives, and all your goods with a great plague. Kanaafuu Waaqayyo amma saba kee, ilmaan kee, niitota kee fi waan ati qabdu hunda dhaʼicha hamaadhaan dhaʼuuf jira.
15 You will have a severe intestinal disease, until day by day your intestines come out. Ati mataan kee iyyuu dhukkuba marʼumaanii kan guyyaa guyyaadhaan hammaachaa deemuun qabamta; dhuma irrattis dhukkubichi marʼumaan kee alatti yaasa.’ ”
16 Our Father stirred up against Jehoram the spirit of the Philistines and Arabs near the Cushites. Waaqayyos Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase.
17 They attacked Judah, invaded it, and seized all the goods found in the king's palace, plus his sons and wives, leaving him no son except Jehoahaz, his youngest. Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef.
18 After all this, our Father struck him with an incurable disease in his intestines. Waan kana hundaa booddee Waaqayyo dhukkuba marʼumaanii kan hin fayyineen Yehooraamin ni dhaʼe.
19 In time, after two years, his intestines came out because of his disease, and he died in agony. His people made no fire for him, as they had for his ancestors. Innis oolee bulee dhuma waggaa lammaffaatti sababii dhukkuba hamaa sanaatiif marʼumaan isaa keessaa ni kufe; akka malees dhiphatee ni duʼe. Namoonni isaa akka abbootii isaatiif godhan sana ulfina isaatiif jedhanii ibidda hin bobeessine.
20 He was thirty-two when crowned king; he reigned eight years in Jerusalem. He died unmourned, buried in the City of David, but not among the kings' tombs. Yehooraam yeroo mootii taʼetti nama waggaa soddomii lamaa ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Yeroo inni duʼetti namni tokko iyyuu isaaf hin gaddine; innis Magaalaa Daawit keessatti awwaalame malee lafa mootonni itti awwaalamanitti hin awwaalamne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]