Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 22 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The people of Jerusalem made his youngest son Ahaziah king in his place, since the raiders who came with the Arabs into the camp had killed all the older sons. So Ahaziah son of Jehoram king of Judah became king. Sababii Saamtonni Araboota wajjin qubata loltootaa seenan sun ilmaan isaa hangafoota hunda fixaniif namoonni Yerusaalem Ahaaziyaa ilma Yehooraam sana iddoo isaa buusanii mootii godhan. Kanaafuu Ahaaziyaa ilmi Yehooraam mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu ni jalqabe.
2 Ahaziah became king at twenty-two and reigned one year in Jerusalem. His mother was Athaliah, granddaughter of Omri. Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte.
3 He too followed the ways of Ahab's house, for his mother counseled him to do evil. Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe.
4 He did evil in our Father's eyes, like Ahab's house, for after his father's death they were his counselors, to his ruin. Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
5 He followed their advice too, joining Joram son of Ahab, Israel's king, to fight Hazael king of Aram at Ramoth-gilead, where the Arameans wounded Joram. Inni yeroo Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel wajjin Raamooti Giliʼaaditti Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf duuletti gorsuma isaanii duukaa buʼe. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
6 So he returned to Jezreel to recover from the wounds he received at Ramah fighting Hazael king of Aram. Ahaziah son of Jehoram king of Judah went down to Jezreel to see Joram son of Ahab, because he was wounded. kanaafuu inni madaa isaan yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yehooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.
7 Ahaziah's downfall came from our Father when he visited Joram. On arriving, he went out with Jehoram against Jehu son of Nimshi, whom our Father had anointed to destroy the house of Ahab. Sababii inni Yehooraamin gaafachuu dhaqeef Waaqni Ahaaziyaatti badiisa fide. Ahaaziyaan yommuu achi gaʼetti Yehuu ilma Nimshii sana simachuuf Yooraam wajjin gad baʼe. Yehuun immoo nama Waaqayyo akka inni mana Ahaab balleessuuf dibee dha.
8 As Jehu carried out judgment on Ahab's house, he found Judah's officials and Ahaziah's nephews who served Ahaziah, and killed them. Yehuun utuu mana Ahaabitti muraa jiruu qondaaltota Yihuudaa fi ilmaan firoota Ahaaziyaa kanneen Ahaaziyaa tajaajilaa turan argee isaan ni galaafate.
9 He searched for Ahaziah, who was captured while hiding in Samaria. They brought him to Jehu and killed him, then buried him, saying, "He is Jehoshaphat's son, who sought our Father with all his heart." So Ahaziah's house had no one strong enough to hold the kingdom. Ergasii immoo inni Ahaaziyaa barbaacha ni deeme; namoonni Yehuus Samaariyaadhaa iddoo inni itti dhokatee turee qabanii Yehuutti fidanii isa ni ajjeesan. Isaanis, “Inni ilma Yehooshaafaax namicha garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaade sanaa ti” jedhanii isa ni awwaalan. Kanaafuu mana Ahaaziyaa keessaa namni aangoo mootummaa qabachuu dandaʼu tokko illee hin turre.
10 When Athaliah, Ahaziah's mother, saw her son was dead, she set out to destroy all the royal offspring of Judah's house. Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mana mootii Yihuudaa guutumaan guutuutti balleessite.
11 But Jehoshabeath the king's daughter took Joash son of Ahaziah, stealing him from among the royal sons about to be killed, and hid him with his nurse in a bedroom. So Jehoshabeath, King Jehoram's daughter, Jehoiada the priest's wife and Ahaziah's sister, hid him from Athaliah, so she did not kill him. Yehooshebaati intalli Yehooraam Mootichaa garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhachuudhaan guddiftuu isaa wajjin dinqatti ni dhoksite. Yoshabeti intalli Iyyooraam Mootichaa, niitiin Yehooyaadaa lubichaa sun obboleettii Ahaaziyaa turte; isheenis akka Ataaliyaan isa hin ajjeefneef mucaa sana dhoksite.
12 He stayed hidden with them in the house of our Father six years while Athaliah reigned over the land. Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda isaan wajjin mana qulqullummaa Waaqaa keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]