Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 23 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In the seventh year Jehoiada took courage and made a covenant with the commanders of hundreds—Azariah son of Jeroham, Ishmael son of Jehohanan, Azariah son of Obed, Maaseiah son of Adaiah, and Elishaphat son of Zichri. Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti jabina ofii isaa ni argisiise. Innis ajajjuuwwan dhibbaa jechuunis Azaariyaa ilma Yirooham, Ishmaaʼeel ilma Yehohaanaan, Azaariyaa ilma Oobeed, Maʼaseyaa ilma Adaayaa fi Eliishaafaax ilma Zikrii wajjin kakuu seene.
2 They traveled through Judah, gathered the Levites from all its cities and the family heads of Israel, and came to Jerusalem. Isaanis guutummaa Yihuudaa keessa deemanii magaalaawwan hunda keessaa Lewwotaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel walitti ni qaban. Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanittis,
3 The whole assembly made a covenant with the king in the house of our Father. Jehoiada told them, "Look, the king's son will reign, as our Father promised about David's sons. waldaan guutuun mana qulqullummaa Waaqaa keessatti mooticha wajjin kakuu seene. Yehooyaadaanis akkana isaaniin jedhe; “Akkuma Waaqayyo waaʼee sanyii Daawit waadaa gale sanatti, ilmi mootichaa mootii ni taʼa.
4 Do this: a third of you—priests and Levites entering on the Sabbath—will be gatekeepers at the thresholds. Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin lubootaa fi Lewwota guyyaa Sanbataa hojiitti ramadamtan keessaa harka sadii keessaa harki tokko karra,
5 A third at the king's house, a third at the Gate of the Foundation, and all the people in the courts of the house of our Father. harka sadii keessaa harki tokko masaraa mootummaa, harka sadii keessaa harki tokko immoo karra ‘Karra Hundee’ jedhamu sana eegaa; namoonni kaan hundi immoo oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argamuu qabu.
6 Let no one enter the house of our Father except the priests and the serving Levites; they may enter, for they are holy. Everyone else is to keep guard for our Father. Lubootaa fi Lewwota hojii irra jiran malee namni tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyoo hin seenin; isaan sababii qulqullaaʼaniif seenuu ni dandaʼu; warri kaan hundi garuu waan Waaqayyo isaan ajaje eeguu qabu.
7 The Levites must surround the king, each with weapon in hand; whoever enters the house is to be put to death. Stay with the king wherever he comes and goes." Lewwonni tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii mootichatti naannaʼanii dhadhaabachuu qabu. Namni mana qulqullummaa seenu kan biraa kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.”
8 The Levites and all Judah did exactly as Jehoiada the priest commanded. Each took his men—those coming on duty the Sabbath with those going off—since Jehoiada the priest did not dismiss any of the divisions. Lewwonnii fi namoonni Yihuudaa hundinuu akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Sababii Yehooyaadaan lubichi gareewwan eegumsaa keessaa tokko illee gad hin dhiisiniif tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan ni fudhatan.
9 Jehoiada the priest gave the commanders of hundreds King David's spears and large and small shields, kept in our Father's house. Innis eeboowwan, gaachanawwan gurguddaa fi xixinnaa Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Waaqaa keessa turan ajajjuuwwan dhibbaatiif ni kenne.
10 He stationed all the people, each with weapon in hand, from the south side of the temple to the north side, surrounding the altar, the temple, and the king. Akka namoonni hundi miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibba mana qulqullummaatii hamma karaa kaaba mana qulqullummaatti iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii dhaabatan ni godhe.
11 They brought out the king's son, crowned him, gave him the covenant law, and made him king. Jehoiada and his sons anointed him and shouted, "Long live the king!" Yehooyaadaa fi ilmaan isaa ilma mootichaa fidanii mataa isaa irra gonfoo kaaʼan; isaanis garagalcha kakuu itti kennanii akka inni mootii taʼe ni labsan. Isa dibaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii ni iyyan.
12 Hearing the sound of people running and praising the king, Athaliah came to them at our Father's house. Ataaliyaan yommuu waca namoota fiiganii mooticha leellisanii dhageessetti, isaan bira gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqxe.
13 She looked—there was the king standing by his pillar at the entrance, officers and trumpeters beside him, all the people of the land rejoicing and blowing trumpets, singers with instruments leading the praise. Then Athaliah tore her clothes and shouted, "Treason! Treason!" Yeroo isheen ilaaltetti mootichi balbala irra utubaa isaa bira dhaabatuu ni argite. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan; faarfattoonni immoo meeshaa muuziiqaatiin faarfannaa qajeelchaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
14 Jehoiada the priest summoned the commanders of hundreds over the army and said, "March her out through the ranks; kill with the sword anyone who follows her." For the priest had said, "Do not kill her in the house of our Father." Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman erge. Lubichi, “Mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ishee hin ajjeesinaa” jedhee tureetii.
15 They seized her; when she reached the Horse Gate's entrance by the king's house, they killed her there. Kanaafuu isaan akkuma isheen karra “Karra Fardaa” jedhamu kan masaraa mootii duraa geesseen qabanii achumatti ishee ni ajjeesan.
16 Then Jehoiada made a covenant among himself, all the people, and the king to be our Father's people. Yehooyaadaan akka inni, sabnii fi mootichis saba Waaqayyoo taʼaniif kakuu ni dhaabe.
17 All the people went to Baal's temple and tore it down, smashed its altars and idols, and killed Mattan, Baal's priest, before the altars. Sabni hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan.
18 Jehoiada put the Levite priests in charge of our Father's house, whom David had assigned there, to offer burnt offerings to our Father, as written in Moses' law, with joy and song as David had ordered. Ergasii Yehooyaadaan luboota Lewwota turan kanneen Daawit mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ramadee ture sanatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa ni kenne; isaan akkuma Seera Musee keessatti barreeffame sanatti aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessuu qabu; Daawit akka isaan gammachuu fi faarfannaadhaan aarsaa kana dhiʼeessan ajajee tureetii.
19 He stationed gatekeepers at the gates of our Father's house so no one unclean in any way could enter. Akkasumas inni akka namni karaa kamiin iyyuu xuraaʼe tokko iyyuu ol hin seenneef balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo dura eegdota ni dhaabe.
20 He took the commanders of hundreds, the nobles, the rulers of the people, and all the people of the land, and brought the king down from the house of our Father, through the Upper Gate into the king's house, and seated him on the royal throne. Innis ajajjuuwwan dhibbaa, namoota bebeekamoo, bulchitoota sabaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee mana qulqullummaa Waaqayyootii mooticha gad baasee fide. Isaanis karaa, “Karra Ol aanu” jedhamuutiin masaraa mootummaa seenanii mooticha teessoo mootummaa irra teessisan.
21 All the people of the land rejoiced, and the city grew calm, for Athaliah was killed with the sword. Saboonni biyyattii hundi ni ililchan; sababii Ataaliyaan goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]