Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 24 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Joash became king at seven, and reigned forty years in Jerusalem. His mother Zibiah was from Beersheba. Yooʼaash yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte.
2 Joash did what was right in our Father's eyes all the days of Jehoiada the priest. Yooʼaash bara Yehooyaadaa lubichaa hunda keessa waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.
3 Jehoiada chose two wives for him, and Joash had sons and daughters. Yehooyaadaan niitota lama isaaf file; innis ilmaanii fi intallan ni dhalche.
4 Some time later, Joash set his heart on restoring the house of our Father. Yeroo xinnoo booddees Yooʼaash mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuuf murteesse.
5 He gathered the priests and Levites, told them, "Go to Judah's cities, collect money from all Israel yearly to repair your Father's house—hurry." But the Levites didn't hurry. Innis lubootaa fi Lewwota walitti waamee, “Gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana qulqullummaa Waaqa keessanii haaromsuuf oolu Israaʼeloota hunda irraa walitti qabaa. Kanas ammuma godhaa” isaaniin jedhe. Lewwonni garuu dafanii hin goone.
6 The king summoned Jehoiada the chief priest: "Why haven't you required the Levites to bring the tax from Judah and Jerusalem that Moses, our Father's servant, and the assembly set on Israel for the tent of testimony?" Kanaafuu mootichi Yehooyaadaa lubicha hangafticha waamee, “Ati maaliif akka Lewwonni gibira Museen garbichi Waaqayyoo fi yaaʼiin Israaʼel akka dunkaana dhuga baʼumsaatiif baafamu murteessan sana Yihuudaa fi Yerusaalem irraa walitti qaban hin godhin?” jedheen.
7 Athaliah's sons, that wicked woman, broke into our Father's house and even used all the holy things of our Father's house in worship of the Baals. Yeroo sana ilmaan Ataaliyaa dubartittii hamtuu sanaa mana qulqullummaa Waaqaa cabsanii seenanii miʼoota qulqulleeffaman illee Baʼaalin tajaajiluuf itti ni fayyadaman.
8 At the king's order, they made a chest and set it outside our Father's house gate. Kanaafuu mootichi akka isaan sanduuqa maallaqni itti walitti qabamu hojjetanii karaa alaatiin balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo bira kaaʼan ni ajaje.
9 They announced in Judah and Jerusalem: bring our Father the tax Moses, our Father's servant, set on Israel in the wilderness. Akka isaan qaraxa Museen garbichi Waaqaa sun yeroo gammoojjii keessa turanitti Israaʼeloota ajaje sana Waaqayyoof fidaniif Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin tokko ni baʼe.
10 All the officials and all the people rejoiced, bringing and dropping their gifts into the chest until full. Qondaaltonni hundii fi sabni hundi buusii isaanii gammachuudhaan fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa ni buusan.
11 Whenever the Levites brought the chest to the king's officials and saw it full of money, the royal secretary and chief priest's officer emptied it and returned it to its place. Daily they collected much money. Yommuu sanduuqichi Lewwotaan gara qondaaltota mootiitti fidamee qondaaltonni sun akka maallaqni baayʼeen isa keessa jiru arganitti barreessaan mootichaa fi ajajaan lubicha hangafaa dhufanii maallaqa sana sanduuqa keessaa garagalchanii sanduuqicha iddoo isaatti deebisu ture. Isaanis guyyuma guyyaan akkas godhanii maallaqa akka malee baayʼee walitti ni qaban.
12 The king and Jehoiada gave it to workers on our Father's house, who hired masons and carpenters to restore it, and iron and bronze workers to repair our Father's house. Mootichii fi Yehooyaadaanis maallaqa sana warra mana qulqullummaa Waaqayyoo hojjechiisuuf itti gaafatamummaa fudhatanitti ni kennan. Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf namoota dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaa, akkasumas mana qulqullummaa haaromsuudhaaf hojjettoota sibiilaa fi naasii ittiin ni qaxaran.
13 Workers labored; repair progressed by their hands. They restored our Father's house to its form and strengthened it. Hojjettoonni qaxaraman waan jabaatanii hojjetaniif hojiin sun isaaniif ni milkaaʼe. Mana qulqullummaa Waaqaas akkuma duraan turetti deebisanii ni haaromsan; ni jabeessanis.
14 When finished, they brought the rest of the money to the king and Jehoiada, making from it articles for our Father's house: vessels for service and burnt offerings, dishes, gold and silver vessels. They offered burnt offerings in our Father's house continually, all Jehoiada's lifetime. Erga fixanii booddees maallaqa hafe fidanii mootichaa fi Yehooyaadaatti ni kennan; maallaqa sanaanis miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo jechuunis miʼoota tajaajilaa fi kan aarsaan gubamu ittiin dhiʼeeffamu akkasumas caabiiwwan, miʼoota warqee fi meetii ittiin ni hojjetan. Isaanis bara Yehooyaadaa keessa utuu gargar hin kutin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti aarsaa gubamu dhiʼeessaa turan.
15 Jehoiada grew old and full of years, then died; at his death he was 130 years old. Yehooyaadaanis bara dheeraa jiraatee dulloomee waggaa dhibba tokkoo fi soddomatti ni duʼe.
16 They buried him in the City of David among the kings, for doing good in Israel toward our Father and his house. Innis sababii Israaʼel keessatti Waaqaa fi mana qulqullummaa isaatiif waan gaarii hojjeteef Magaalaa Daawit keessatti mootota biratti ni awwaalame.
17 After Jehoiada died, Judah's officials came and bowed to the king, and he listened to them. Erga Yehooyaadaan duʼee booddee qondaaltonni Yihuudaa dhufanii amanamummaa mootichaaf qaban ni ibsan; innis isaan dhaggeeffate.
18 They abandoned our Father's house, God of their ancestors, served Asherah poles and idols—so anger came on Judah and Jerusalem for this guilt. Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo Waaqa abbootii isaanii dhiisanii siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo ni waaqeffatan. Sababii balleessaa isaaniifis dheekkamsi Waaqaa Yihuudaa fi Yerusaalemitti ni dhufe.
19 Yet our Father sent them prophets to bring them back to himself; they warned them, but they wouldn't listen. Akka isaan gara isaatti saba deebisaniif Waaqayyo raajota isaanitti erge; raajonnis isaanitti rageessan; isaan garuu dhagaʼuu hin barbaanne.
20 Then the Spirit of our Father came on Zechariah son of Jehoiada the priest. He stood before the people and said, "This is what our Father says: Why break his commands? You won't succeed—you abandoned him, so he abandons you." Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja Waaqayyoo eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin Waaqayyoon dhiiftaniif innis isin dhiiseera’ ” jedheen.
21 They conspired against him, stoning him in our Father's house courtyard at the king's command. Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan.
22 King Joash forgot the kindness Zechariah's father Jehoiada had shown him and killed his son. As Zechariah was dying he said, "May our Father see and require it." Yooʼaash mootichi arjummaa Yehooyaadaan abbaan Zakkaariyaas isaaf godhe sana hin yaadanne; qooda kanaa inni ilma isaa ni ajjeese; innis yeroo duʼutti, “Waaqayyo waan kana haa argu; haaloos haa baʼu” jedhe.
23 At the turn of the year Aram's army attacked Joash, invaded Judah and Jerusalem, killed all the people's officials, sent all their plunder to Damascus's king. Dhuma waggaa sanaattis loltoonni Sooriyaa Yooʼaashitti ni duulan; Yihuudaa fi Yerusaalem qabatanii hooggantoota sabaa hunda ni fixan. Isaanis waan boojiʼan hunda gara Damaasqootti mootii isaaniitti ni ergan.
24 Though Aram's army came with few men, our Father gave a much larger army into their hand, since Judah abandoned our Father, the God of their ancestors. So judgment fell on Joash. Loltoonni Sooriyaa namoota xinnoo qabatanii dhufan illee Waaqayyo loltoota akka malee baayʼee harka isaaniitti dabarsee ni kenne. Sababii Yihuudoonni Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii dhiisaniif Yooʼaashitti murtiin murame.
25 When the Arameans left, leaving him badly wounded, his servants conspired against him for the blood of Jehoiada the priest's son, killing him on his bed. He died and was buried in the City of David, not in the kings' tombs. Warri Sooriyaa yommuu baʼanitti Yooʼaashin akka malee madeessanii ni deeman. Qondaaltonni isaas sababii inni ilma Yehooyaadaa lubichaa ajjeeseef isatti mariʼatanii siree isaa irratti isa ajjeesan. Kanaafuu inni duʼee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne.
26 Conspirators against him: Zabad son of Shimeath, Ammonite woman, and Jehozabad son of Shimrith, Moabite woman. Warri isatti mariʼatanis Zaabaad ilma Shimeʼaati dubartii Amoon sanaa fi Yehoozaabaad ilma Shimriiti dubartii Moʼaab sanaa turan.
27 His sons, the many prophecies against him, and rebuilding our Father's house are written in the Book of the Kings' commentary; his son Amaziah reigned in his place. Seenaan ilmaan isaa, raajiiwwan waaʼee isaa dubbataman hedduunii fi seenaan haaromfamuu mana qulqullummaa Waaqaa kitaaba seenaa moototaa keessatti barreeffameera. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]