Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 25 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Amaziah became king at twenty-five and reigned twenty-nine years in Jerusalem. His mother was Jehoaddan of Jerusalem. Amasiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa, Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
2 He did what was right in the eyes of our Father, but not wholeheartedly. Innis waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe ni hojjete; garuu garaa guutuudhaan miti.
3 Once the kingdom was firmly his, he executed the servants who had killed his father the king. Inni erga jabeessee toʼannaa isaa jalatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe.
4 But he did not put their children to death, as written in the Law, the book of Moses, where our Father commanded, "Parents must not die for their children, nor children for their parents; each dies for his own sin." Taʼus inni akka waan Seera keessatti, Kitaaba Musee keessatti kan Waaqayyo, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti tarkaanfii fudhate malee ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin fixne.
5 Amaziah gathered Judah, organized them by ancestral houses under commanders of thousands and hundreds, for all Judah and Benjamin. He counted those twenty and up: 300,000 chosen men fit for war, handling spear and shield. Amasiyaa saba Yihuudaa walitti waamee akkuma maatii isaaniitti ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa guutummaa Yihuudaa fi Beniyaam keessatti ramade. Sana booddees warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe walitti qabee akka namoonni duulaaf qophaaʼan kanneen eeboo fi gaachana qabachuu dandaʼan kuma dhibba sadii taʼan argate.
6 He also hired 100,000 strong warriors from Israel for about 7,500 pounds of silver. Akkasumas Israaʼel keessaa loltoota jajjaboo kuma dhibba tokko meetii taalaantii dhibba tokkoon ni qaxarate.
7 A man of our Father came to him: "King, don't let Israel's army go with you, for our Father is not with Israel—all these Ephraimites. Garuu namni Waaqaa tokko isa bira dhufee akkana jedheen; “Yaa mootii, sababii Waaqayyo Israaʼel wajjinis taʼu namoota Efreem kam iyyuu wajjin hin jirreef loltoonni Israaʼel kunneen si wajjin hin duulin.
8 Even if you fight bravely, our Father will overthrow you before the enemy, for our Father has power to help or overthrow." Yoo ati sodaa malee lola dhaqxe illee Waaqni fuula diinota keetii duratti si kuffisa; Waaqni gargaaruufis kuffisuufis humna qabaatii.”
9 Amaziah asked the man of our Father, "But what about the roughly 7,500 pounds of silver I gave Israel's troops?" He replied, "Our Father can give you far more than this." Amasiyaa immoo, “Garuu taalaantiin dhibbi ani loltoota Israaʼeliif baase sun maal haa taʼu ree?” jedhee nama Waaqaa sana ni gaafate. Namni Waaqaa sun immoo deebisee, “Waaqayyo waan sana caalu iyyuu siif kennuu ni dandaʼa” jedheen.
10 So Amaziah sent home the troops that came to him from Ephraim. They burned with anger against Judah and returned home enraged. Kanaafuu Amasiyaa loltoota biyya Efreemii isa bira dhufan sana akka isaan biyya isaaniitti deebiʼaniif gad dhiise. Isaanis Yihuudaatti aaranii akka malee dheekkamaa gara biyya isaaniitti deebiʼan.
11 But Amaziah took courage, led out his people to the Valley of Salt, and struck down 10,000 men of Seir. Amasiyaa humna isaa jabeeffatee loltoota isaa gara Sulula Soogiddaatti erge; achittis namoota Seeʼiir kuma kudhan ni fixe.
12 Judah's men also captured 10,000 alive, took them to the cliff top, and threw them down, smashing them all to pieces. Loltoonni Yihuudaas namoota kuma kudhan biraa boojiʼan; fiixee kattaa tokkoottis ol baasanii achi irraa gad isaan dadarbatan; hundi isaaniis caccabanii hurraaʼan.
13 Meanwhile the troops Amaziah sent back, not letting them join the battle, raided Judah's cities from Samaria to Beth-horon, struck down 3,000 people, and carried off much plunder. Loltoonni Amasiyaa akka isaan isa wajjin hin duulleef gara biyya isaaniitti deebisee erge sun garuu magaalaawwan Yihuudaa kanneen Samaariyaadhaa hamma Beet Horoonitti jiran ni dhaʼan. Isaanis namoota kuma sadii ajjeesanii boojuu baayʼee fudhatanii deeman.
14 After Amaziah defeated the Edomites, he brought back the gods of Seir's people, set them up as his own gods, bowed to them, and burned offerings to them. Amasiyaa yommuu namoota Edoom fixee deebiʼetti waaqota saba Seeʼiir fudhatee gale. Innis akkuma waaqota isaatti dhaabbatee sagadeefii aarsaa gubamu isaaniif ni dhiʼeesse.
15 So our Father's anger burned against Amaziah, and he sent a prophet, who asked, "Why seek this people's gods, which couldn't save their own from your hand?" Waaqayyos akka malee Amasiyaatti aaree raajii tokko itti erge; raajiin sunis, “Ati maaliif waaqota saba kanaa kanneen saba ofii isaa iyyuu harka keetii baasuu hin dandeenye gorsa gaafatta?” jedheen.
16 As he spoke, the king said, "Did we make you the king's counselor? Stop! Why be killed?" The prophet stopped but said, "I know our Father has determined to destroy you, because you did this and ignored my counsel." Mootichis utuma inni dubbachaa jiruu, “Nu akka ati mootii gorsituuf si muudneerraa? Calʼisi! Maaliif rukutamta?” jedheen. Raajiin sunis ni calʼise; garuu, “Sababii ati gorsa koo dhagaʼuu diddee waan kana gooteef, ani akka Waaqni si balleessuuf murteesse nan beeka” jedheen.
17 Amaziah king of Judah consulted his advisers, then sent to Joash son of Jehoahaz, son of Jehu, king of Israel: "Come, let us face each other in battle." Amasiyaa mootichi Yihuudaa erga gorsitoota isaatiin mariʼatee booddee, “Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa” jedhee qoosaa kana gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ni erge.
18 Joash king of Israel answered Amaziah king of Judah: "A Lebanon thistle sent to a Lebanon cedar, saying, 'Give your daughter to my son as wife.' But a wild Lebanon beast passed and trampled the thistle. Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; “Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme.
19 You said, 'Look, I have struck down Edom,' and your heart grew proud, boasting. Stay home. Why court disaster and fall—you and Judah with you?" Ati, ‘Kunoo ati dhugumaan Edoomin moʼatteerta’ ofiin jettee amma of tuulaa jirta. Amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?”
20 But Amaziah wouldn't listen—this was from our Father, to hand them over for seeking Edom's gods. Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; sababii isaan waaqota Edoom duukaa buʼaniif Waaqni harka Yooʼaashitti dabarsee isaan kennuuf murteesseeraatii.
21 So Joash king of Israel marched up, and he and Amaziah king of Judah faced off at Beth-shemesh in Judah. Kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa biyya Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan.
22 Judah was defeated by Israel, and everyone fled to his own home. Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate.
23 Joash king of Israel captured Amaziah king of Judah, son of Joash, son of Jehoahaz, at Beth-shemesh, took him to Jerusalem, and broke down its wall from the Ephraim Gate to the Corner Gate—about 600 feet. Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalemitti isa fidee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture.
24 He took all the gold, silver, and articles found in the house of our Father in Obed-edom's care, plus the palace treasures and hostages, and returned to Samaria. Innis warqee fi meetii hunda, akkasumas miʼa mana qulqullummaa Waaqaa keessatti argamu kan Oobeed Edoom eegaa ture hunda, qabeenya masaraa mootummaa fi namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe.
25 Amaziah son of Joash, king of Judah, lived fifteen years after Joash son of Jehoahaz, king of Israel, died. Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate.
26 The rest of Amaziah's acts, first to last, are they not written in the Book of the Kings of Judah and Israel? Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
27 After Amaziah turned from following our Father, they conspired against him in Jerusalem, and he fled to Lachish. But they sent men after him there and killed him. Yeroo Amasiyaa Waaqayyoon duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan.
28 They brought him back on horseback and buried him with his ancestors in the City of Judah. Isaanis fardaan isa fidanii Magaalaa Yihuudaatti abbootii isaa biratti isa ni awwaalan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]