Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 20 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Later, Moabites and Ammonites, with some Meunites, came to make war on Jehoshaphat. Kana booddee Moʼaabonnii fi Amoononni Miʼuunota tokko tokko wajjin Yehooshaafaaxin loluuf dhufan.
2 Messengers came and reported to Jehoshaphat, "A vast army comes against you from beyond the Dead Sea, from Edom, already at Hazazon-tamar" (En-gedi). Namoonni tokko tokkos dhufanii, “Waraanni akka malee guddaan isaa Edoom gama Galaanaatii sitti dhufaa jira. Duulli kunis kunoo Een Gaadii lafa Hazezoon Taamaar jedhamu gaʼee jira” jedhanii Yehooshaafaaxitti himan.
3 Jehoshaphat was afraid, so he set himself to seek our Father, and proclaimed a fast throughout Judah. Yehooshaafaaxis waan akka malee sodaateef Waaqayyoon waammachuuf murteeffate; guutummaa Yihuudaa keessattis sooma labse.
4 Judah gathered to seek our Father; from every town of Judah they came to seek him. Namoonni Yihuudaas gargaarsa Waaqayyoo barbaacha walitti ni qabaman; isaan dhugumaan isa barbaacha magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaa ni dhufan.
5 Then Jehoshaphat stood up in the assembly of Judah and Jerusalem, in our Father's house, before the new courtyard. Yehooshaafaaxis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdii haaraa dura waldaa Yihuudaa fi Yerusaalem gidduu dhaabatee
6 He said: "O our Father, God of our ancestors, are you not our Father in heaven? You rule all kingdoms of nations. Power and might are in your hand; none can stand against you. akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, Waaqa abbootii keenyaa, ati Waaqa samii keessa jiraattu mitii? Ati mootummoota sabootaa hunda bulchita; humnii fi jabinni si harka jiru; namni siin mormuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
7 Our Father, didn't you drive out this land's people before your people Israel, giving it forever to Abraham your friend's descendants? Yaa Waaqa keenya, ati jiraattota biyya kanaa fuula saba kee Israaʼel duraa baaftee biyyattii bara baraan sanyiiwwan Abrahaam michuu kee sanaaf hin kenninee?
8 They have lived in it and have built you a sanctuary in it for your name, saying, Isaanis biyya sana keessa jiraatanii Maqaa keetiif mana qulqullummaa ni ijaaran; akkanas jedhan:
9 if disaster comes on us—sword of judgment, plague, or famine—we'll stand before this house and before you, for your name is in this house, and cry out to you in our distress, and you'll hear and save. ‘Yoo wanni hamaan nutti dhufe, yoo goraadeen, murtiin yookaan dhaʼichi yookaan beelli nutti dhufe, nu fuula kee dura mana qulqullummaa kan Maqaa keetiin waamamu kana dura dhaabannee dhiphina keenya keessatti sitti iyyanna; atis nu dhageessee nu oolchitta.’
10 Now: Ammon, Moab, and Mount Seir—you would not let Israel invade them when they came from Egypt; Israel turned away from them and did not destroy them. “Amma garuu namoonni Amoon, kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen ati akka Israaʼeloonni yeroo Gibxii dhufanitti isaan hin tuqne gootee akkasiin badiisa oolan sun as jiru.
11 See how they repay us, coming to drive us from the possession you gave us to inherit. Kunoo akka isaan biyya ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu baasuudhaan galata keenya nuu deebisuuf dhufan ilaali.
12 Our Father, won't you judge them? We're powerless against this vast army coming against us; we don't know what to do, but our eyes are on you." Yaa Waaqa keenya ati isaanitti hin murtuu? Nu waraana guddaa nutti dhufe kana of irraa deebisuudhaaf humna hin qabnu. Nu waan goonu hin beeknu; iji keenya garuu sirra jira.”
13 All Judah stood there before our Father, with their little ones, their wives, and their children. Namoonni Yihuudaa hundinuu niitota isaanii, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin fuula Waaqayyoo dura dhadhaabatanii turan.
14 Then our Father's Spirit came on Jahaziel son of Zechariah, son of Benaiah, son of Jeiel, son of Mattaniah, a Levite of Asaph's line, amid the assembly. Yahiziiʼeel ilma Zakkaariyaas ilma Benaayaa, ilma Yeʼiiʼeel ilma Mataan Lewwicha sanyii Asaaf sana utuma inni waldaa keessa dhabatuu Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe.
15 He said: "Listen, all Judah, Jerusalem's residents, and King Jehoshaphat. This is what our Father says to you: Do not fear or be terrified by this vast army—the battle isn't yours but our Father's. Innis akkana jedhe; “Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Waaqayyo akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Waaqaa ti malee kan keessan miti.
16 Tomorrow go down against them: they're climbing the Ziz ascent; you'll find them at the valley's end, facing the Jeruel wilderness. Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu.
17 You won't need to fight this battle. Take your places, stand firm, and watch our Father rescue you, Judah and Jerusalem. Don't fear or lose heart. March out against them tomorrow, for our Father is with you.'" Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Waaqayyo isin wajjin dhaabata.’ ”
18 Jehoshaphat bowed face-down, and all Judah and Jerusalem's people fell in worship before our Father. Yehooshaafaax adda isaatiin lafatti gombifame; namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem hundinuus fuula Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamanii ni sagadan.
19 Then the Levites from the Kohathites and Korahites stood to praise our Father, Israel's God, with a loud voice raised high. Ergasii immoo garee Qohaatii fi Qooraahi keessaa Lewwonni tokko tokko dhaabatanii, sagalee guddaadhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel ni galateeffatan.
20 At dawn they went out to Tekoa's wilderness. As they went out, Jehoshaphat stood and said, "Hear me, Judah and people of Jerusalem. Trust your Father and you'll stand firm; trust his prophets and you'll succeed." Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanii gammoojjii Teqooʼaatti ni qajeelan. Yehooshaafaaxis akkuma isaan baʼaniin dhaabatee, “Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem na dhaggeeffadhaa! Isin ni jabaattuutii Waaqayyo Waaqa keessan amanadhaa; raajota isaa illee amanaa isin ni milkooftuutii” jedhe.
21 After consulting the people, Jehoshaphat appointed singers to our Father to praise his holy splendor, marching ahead of the army: "Give thanks to our Father, for his faithful love endures forever." Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii, “Waaqayyoon galateeffadhaa; jaalalli isaa bara baraan jiraataatii” jechaa Waaqayyoon faarfatanii sababii ulfina qulqullummaa isaatiif isa leellisaniif faarfattoota muude.
22 As they began to sing and praise, our Father set ambushes against the Ammonites, Moabites, and the people of Mount Seir who were attacking Judah, and they were struck down. Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis Waaqayyo namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman.
23 Ammon and Moab turned against Mount Seir's people to destroy and annihilate them; once Seir's people were finished, Ammon and Moab turned and slaughtered each other. Namoonni Amoonii fi Moʼaab namoota Tulluu Seeʼiir irraa dhufan guutumaan guutuutti barbadeessuudhaaf itti kaʼan. Isaanis erga namoota Seeʼiir dhufan sana fixanii booddee deebiʼanii wal fixan.
24 When Judah reached the wilderness lookout and looked toward the vast army, they saw only corpses fallen on the ground—no one had escaped. Namoonni Yihuudaas yommuu iddoo gara gammoojjiitti garagalee jiru gaʼanii waraana guddaa sana ilaalanitti reeffa lafatti kufe qofa argan; namni tokko iyyuu hin miliqne.
25 Jehoshaphat and his people came to plunder the dead, finding abundant goods, clothing, and valuables—too much to carry, so gathering it took three days. Kanaafuu Yehooshaafaaxii fi namoonni isaa boojuu isaanii guurrachuu dhaqan; isaanis miʼa lolaa hedduu fi uffata akkasumas miʼoota gatii guddaa baasan kan guurratanii fixuu hin dandeenye achitti ni argatan. Boojuun argames waan akka malee baayʼee tureef walitti qabuuf bultii sadii fudhate.
26 On day four, they gathered at the Valley of Beracah and praised our Father there—so it's named Valley of Beracah to this day. Bultii afuraffaatti lafa itti Waaqayyoof galata dhiʼeessan sana Sulula Beraakaa keessatti walitti qabaman. Kanaafuu iddoon suni hamma harʼaatti Sulula Beraakaa jedhamee waamama.
27 All the men of Judah and Jerusalem, Jehoshaphat leading, returned there with joy, for our Father gave them joy over their enemies. Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem sababii Waaqayyo waan isaan ittiin diinota isaanii irratti gammadan isaaniif kenneef Yehooshaafaaxiin hoogganamanii gammachuudhaan Yerusaalemitti deebiʼan.
28 They entered Jerusalem with harps, lyres, and trumpets, and went to the house of our Father. Isaanis Yerusaalem seenanii baganaa, kiraaraa fi malakata qabatanii gara mana qulqullummaa Waaqayyoo ni dhaqan.
29 Fear of our Father fell on all the surrounding kingdoms when they heard our Father fought Israel's enemies. Mootummoonni biyyoota hundaas yommuu akka itti Waaqayyo diinota Israaʼel lole dhagaʼanitti Waaqa sodaachuun isaan qabate.
30 So Jehoshaphat's kingdom was at peace, for his Father gave him rest on every side. Mootummaan Yehooshaafaaxis waan Waaqni isaa karaa hundaan boqonnaa isaaf kenneef nagaadhaan ni jiraate.
31 Jehoshaphat reigned over Judah, crowned at thirty-five, twenty-five years in Jerusalem; his mother, Azubah daughter of Shilhi. Akkasiin Yehooshaafaax mootii taʼee Yihuudaa ni bulche. Inni yeroo mootii Yihuudaa taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte.
32 He walked in his father Asa's ways, never turning aside, doing right in our Father's eyes. Innis karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete.
33 Yet the high places stayed; the people still had not set their hearts on their ancestors' God. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis qalbii isaanii gara Waaqa abbootii isaaniitti hin deebine ture.
34 Jehoshaphat's other acts, first to last, are in Jehu son of Hanani's records, found in the Book of Kings of Israel. Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa seenaa Yehuu ilma Hanaanii kan kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffame sana keessatti barreeffamaniiru.
35 Later Jehoshaphat king of Judah allied with Ahaziah king of Israel, who did evil. Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate.
36 He joined with him to build a fleet of trading ships to go to Tarshish, built at Ezion-geber. Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan.
37 Eliezer son of Dodavahu of Mareshah prophesied against Jehoshaphat: "For allying with Ahaziah, our Father broke your work apart." The ships wrecked and couldn't sail to Tarshish. Eliiʼezer raajichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, “Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef Waaqayyo hojii kee ni diiga” jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]