Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 19 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Jehoshaphat king of Judah returned safely to his house in Jerusalem. Yeroo Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa nagaadhaan gara masaraa isaa Yerusaalemitti deebiʼetti,
2 Jehu son of Hanani the seer met King Jehoshaphat and asked, "Should you help the wicked and love those who hate our Father? For this, wrath from our Father is on you. Yehuun raajichi ilmi Hanaanii sun isa simachuuf baʼee akkana isaan jedhe; “Ati nama hamaa gargaaruu fi warra Waaqayyoon jibban jaallachuu qabdaa? Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo sitti dhufeera.
3 Still, good is found in you: you cleared the Asherah poles from the land and set your heart to seek our Father." Taʼus waan ati siidaawwan Aasheeraa barbadeessitee fi sababii garaan kee Waaqa barbaaduudhaaf qophaaʼaa taʼeef wanni gaariin si biratti argameera.”
4 Jehoshaphat lived in Jerusalem, then went out again among the people, from Beersheba to Ephraim's hill country, turning them back to our Father, God of their ancestors. Yehooshaafaax Yerusaalem keessa jiraate; innis Bersheebaadhaa hamma biyya gaaraa Efreemitti saba gidduu deemee akka isaan gara Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitti deebiʼan godhe.
5 He appointed judges in the land, in all the fortified cities of Judah, city by city. Innis biyya sana keessatti magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hundatti abbootii murtii muude.
6 He told the judges, "See what you do—you judge not for people but for our Father, and he is with you in every case you decide. Akkanas jedheen; “Waan hojjettan qalbeeffadhaa; Waaqayyo isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii.
7 Now let fear of our Father be on you. Watch and act, for with our Father there is no injustice, no favoritism, no bribery." Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.”
8 Also in Jerusalem, Jehoshaphat appointed some Levites, priests, and heads of Israel's ancestral families to render the judgment of our Father and to settle disputes; they returned to Jerusalem. Yehooshaafaax akkasumas Yerusaalem keessatti akka isaan seera Waaqayyoo eegsisanii dubbii wal dhabiisaatiif illee araara buusaniif Lewwota, lubootaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel tokko tokko muude. Isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
9 He commanded them: "Act this way, in fear of our Father, faithfully and wholeheartedly. Innis akkana jedhee isaan ajaje; “Isin amanamummaa fi garaa guutuun Waaqayyoon sodaachaa tajaajiluu qabdu.
10 Whenever your brothers in their cities bring you a dispute—over bloodshed, or over law and commandment, statutes and rulings—warn them, so they don't incur guilt before our Father, bringing wrath on you and your brothers. Do this, and you will not incur guilt. Himatawwan namoota biyya keessanii kanneen magaalaa keessa jiraatan irraa waaʼee dhiiga dhangalaasuu yookaan waaʼee seeraa, waaʼee ajajawwanii, waaʼee labsii yookaan qajeelcha diduu irratti gara keessan dhufan, akka isaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjenneef akeekkachiisaa. Yoo kanaa achii dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessanitti ni dhufaa. Waan kana godhaa; isinis cubbuu hin hojjettan.
11 Now, Amariah the chief priest oversees you in every matter of our Father; Zebadiah son of Ishmael, leader of Judah's tribe, in every matter of the king. The Levites serve as officials before you. Be strong and act—may our Father be with those who do good." “Waan kan Waaqayyoo taʼe kam irratti iyyuu Amariyaan lubichi hangafti, waan kan mootii taʼe kam irratti iyyuu Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼeel hoogganaan gosa Yihuudaa isin irratti muudamaniiru; Lewwonni immoo qondaaltota taʼanii fuula keessan dura ni tajaajilu. Jabaadhaa hojjedhaa; Waaqayyo warra waan gaarii hojjettan wajjin haa jiraatu.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]