Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 19 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Yeroo Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa nagaadhaan gara masaraa isaa Yerusaalemitti deebiʼetti, 2Yehuun raajichi ilmi Hanaanii sun isa simachuuf baʼee akkana isaan jedhe; “Ati nama hamaa gargaaruu fi warra Waaqayyoon jibban jaallachuu qabdaa? Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo sitti dhufeera. 3Taʼus waan ati siidaawwan Aasheeraa barbadeessitee fi sababii garaan kee Waaqa barbaaduudhaaf qophaaʼaa taʼeef wanni gaariin si biratti argameera.”

Yehooshaafaax Abbootii Murtii Muude

4Yehooshaafaax Yerusaalem keessa jiraate; innis Bersheebaadhaa hamma biyya gaaraa Efreemitti saba gidduu deemee akka isaan gara Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitti deebiʼan godhe. 5Innis biyya sana keessatti magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hundatti abbootii murtii muude. 6Akkanas jedheen; “Waan hojjettan qalbeeffadhaa; Waaqayyo isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii. 7Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.”

8Yehooshaafaax akkasumas Yerusaalem keessatti akka isaan seera Waaqayyoo eegsisanii dubbii wal dhabiisaatiif illee araara buusaniif Lewwota, lubootaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel tokko tokko muude. Isaanis Yerusaalem keessa jiraatan. 9Innis akkana jedhee isaan ajaje; “Isin amanamummaa fi garaa guutuun Waaqayyoon sodaachaa tajaajiluu qabdu. 10Himatawwan namoota biyya keessanii kanneen magaalaa keessa jiraatan irraa waaʼee dhiiga dhangalaasuu yookaan waaʼee seeraa, waaʼee ajajawwanii, waaʼee labsii yookaan qajeelcha diduu irratti gara keessan dhufan, akka isaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjenneef akeekkachiisaa. Yoo kanaa achii dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessanitti ni dhufaa. Waan kana godhaa; isinis cubbuu hin hojjettan.

11“Waan kan Waaqayyoo taʼe kam irratti iyyuu Amariyaan lubichi hangafti, waan kan mootii taʼe kam irratti iyyuu Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼeel hoogganaan gosa Yihuudaa isin irratti muudamaniiru; Lewwonni immoo qondaaltota taʼanii fuula keessan dura ni tajaajilu. Jabaadhaa hojjedhaa; Waaqayyo warra waan gaarii hojjettan wajjin haa jiraatu.”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]