Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 18 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Now Jehoshaphat had great riches and honor, and he allied himself with Ahab by marriage. Yehooshaafaax yeroo kanatti qabeenyaa fi ulfina guddaa qaba ture; innis karaa fuudhaatiin Ahaabitti ni firoome.
2 Some years later he went down to Ahab in Samaria, where Ahab slaughtered many sheep and oxen for him and for the people who were with him, urging him to attack Ramoth-gilead. Innis waggoota muraasa booddee Ahaabin arguuf gara Samaariyaatti gad buʼe. Ahaabis isaa fi namoota isa wajjin turaniif hoolotaa fi sangoota baayʼee qalee akka inni Raamooti Giliʼaad lolu isa sossobate.
3 Ahab king of Israel asked Jehoshaphat king of Judah, "Will you go with me to Ramoth-gilead?" He answered, "I am as you are, my people as yours; we join you in the war." Ahaab mootichi Israaʼel, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa gaafate. Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koos akkuma saba keetii ti; nu waraana kana irratti isin wajjin dhaabanna” jedhee deebise.
4 But Jehoshaphat said to the king of Israel, "First seek the word of our Father." Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe.
5 So the king of Israel gathered the prophets, 400 men, and asked them, "Will we go to Ramoth-gilead for battle, or hold back?" They said, "Go up, for God will hand it over to the king." Kanaafuu mootichi Israaʼel raajota dhibba afur walitti qabee, “Nu Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baanu moo dhiisnu?” jedhee ni gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Waaqni dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif.
6 But Jehoshaphat said, "Is there not still a prophet of our Father here whom we can consult?" Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate.
7 Israel's king told Jehoshaphat, "One man remains through whom we can ask our Father, but I hate him—he never prophesies good about me, only bad. He is Micaiah son of Imlah." Jehoshaphat replied, "The king shouldn't say that." Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen.
8 Then the king of Israel summoned an officer and said, "Bring Micaiah son of Imlah quickly." Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
9 The king of Israel and Jehoshaphat king of Judah sat each on his throne, dressed in robes, on the threshing floor at the entrance of Samaria's gate, with all the prophets prophesying before them. Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan.
10 Zedekiah son of Chenaanah made iron horns and said, "God says: 'With these you will gore the Arameans until they are destroyed.'" Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse.
11 All the prophets prophesied the same, saying: "Go up to Ramoth-gilead and win; our Father will hand it to the king." Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan.
12 The messenger sent to summon Micaiah told him, "The prophets' words all favor the king. Let yours match theirs—speak favorably." Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
13 But Micaiah said, "As surely as our Father lives, I will say only what my Father says." Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni koo jedhu qofan isatti hima” jedhe.
14 When he came, the king said, "Micaiah, will we go to battle at Ramoth-gilead, or will I hold back?" He said, "Go up and win; they'll be handed to you." Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo ani dhiisu?” jedhee isa gaafate. Miikaayaanis, “Isaan dabarfamanii harka keetti kennamuutii waraanii moʼadhu” jedhee deebise.
15 But the king said to him, "How many times must I make you swear to tell me only the truth in the name of our Father?" Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen.
16 Micaiah said, "I saw all Israel scattered on the mountains, like sheep without a shepherd. And our Father said, 'They have no master; let each return home in peace.'" Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’ ”
17 Israel's king said to Jehoshaphat, "Didn't I tell you he'd prophesy nothing good about me, only evil?" Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
18 Micaiah said, "Then hear the word of our Father: I saw our Father seated on his throne, all heaven's armies standing at his right and left. Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi; ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee, ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin dhadhaabatanuu nan arge.
19 And our Father said, 'Who will entice Ahab king of Israel to go up and fall at Ramoth-gilead?' One said this, another that. Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaab mooticha Israaʼel gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha.
20 A spirit came forward, stood before our Father, and said, 'I will entice him.' And our Father asked him, 'How?' Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Ati maaliin isa dogoggorsita?’ jedhee isa gaafate.
21 He said, 'I will go out and be a lying spirit in the mouth of all his prophets.' Then our Father said, 'You will lure him and also prevail. Go out and do so.' “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen.
22 So now, our Father has put a lying spirit in the mouth of these prophets of yours, and our Father has declared disaster against you." “Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneenii keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.”
23 Then Zedekiah son of Chenaanah came up, struck Micaiah on the cheek, and said, "Which way did the Spirit of God go from me to speak to you?" Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate.
24 Micaiah said, "You'll see it that day when you go into an inner room to hide." Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
25 The king of Israel said, "Take Micaiah back to Amon the city governor and to Joash the king's son, Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii,
26 and say, 'The king says: Put this man in prison on meager rations of bread and water until I return safely.'" ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
27 Micaiah said, "If you ever return safely, our Father has not spoken through me." Then he said, "Listen, all you people!" Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
28 So the king of Israel and Jehoshaphat king of Judah went up to Ramoth-gilead. Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan.
29 The king of Israel said to Jehoshaphat, "I will disguise myself and go into battle, but you wear your robes." So the king of Israel disguised himself, and they went into battle. Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
30 The king of Aram had ordered his chariot captains, "Fight no one, small or great, but only the king of Israel." Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaatiin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje.
31 When the chariot captains saw Jehoshaphat, they said, "That is Israel's king," and turned to fight him. But Jehoshaphat cried out, and our Father helped him, drawing them away from him. Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; Yehooshaafaax garuu guddisee iyye; Waaqayyos isa gargaare. Waaqnis isa irraa isaan deebise;
32 When the chariot captains saw he was not Israel's king, they stopped chasing him. ajajjoonni gaariiwwaniis yommuu akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganitti isa ariʼuu dhiisan.
33 A man drew his bow at random and struck the king of Israel between the joints of his armor. He told his chariot driver, "Turn around and get me out of the fighting; I'm wounded." Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa qomee sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi. Ani madaaʼeeraatii” jedhe.
34 The battle raged that day. Israel's king was held up in his chariot facing the Arameans until evening, then died at sunset. Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootiin Israaʼelis ol jedhee hamma aduun dhiitutti gara warra Sooriyaatti garagalee irkatee gaarii isaa keessa oole. Yommuu biiftuun lixxettis ni duʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]