Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 17 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 His son Jehoshaphat became king in his place and strengthened himself against Israel. Yehooshaafaax ilmi Aasaa iddoo abbaa isaa mootii taʼe; Israaʼelittis ni cime.
2 He stationed troops in all Judah's fortified cities and garrisons in the land of Judah and in the cities of Ephraim that his father Asa had captured. Innis magaalaawwan Yihuudaa kanneen jabeeffamanii ijaaraman hunda keessa loltoota ni qubachiise; Yihuudaa fi magaalaawwan Efreem kanneen abbaan isaa Aasaan qabatee ture keessas loltoota magaalaa eegan ni kaaʼe.
3 Our Father was with Jehoshaphat, for he walked his father David's earlier ways, not seeking the Baals. Sababii Yehooshaafaax bara dargaggummaa isaa keessa karaa abbaan isaa Daawit jiraachaa ture irra deddeebiʼeef Waaqayyo isa wajjin ture. Inni Baʼaal duukaa hin buune;
4 Instead, he sought the Father his father served, obeyed his commandments, and not the practices of Israel. waan Israaʼeloonni hojjetan duukaa buʼuu dhiisee Waaqa abbootii isaa duukaa buʼuudhaan ajaja isaa ni eege.
5 So our Father secured the kingdom in his hand; all Judah brought gifts to Jehoshaphat, and he had great wealth and honor. Waaqayyos harka isaa jalatti mootummaa cimsee ni dhaabe; akka inni qabeenyaa fi ulfina guddaa qabaatuufis Yihuudoonni hundi Yehooshaafaaxiif kennaa fidaa turan.
6 His heart was devoted to our Father's ways; he removed the high places and Asherah poles from Judah. Garaan isaas karaa Waaqayyootiif banamaa ture; kana malees iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi siidaawwan Aasheeraa Yihuudaa keessaa ni balleesse.
7 In his reign's third year he sent his officials Ben-hail, Obadiah, Zechariah, Nethanel, and Micaiah to teach in Judah's cities, Bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti akka isaan magaalaawwan Yihuudaa keessatti barsiisaniif qondaaltota isaa jechuunis Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakkaariyaas, Naatnaaʼelii fi Miikaayaasin ni erge.
8 and the Levites with them: Shemaiah, Nethaniah, Zebadiah, Asahel, Shemiramoth, Jehonathan, Adonijah, Tobijah, Tob-adonijah; and with them the priests Elishama, Jehoram. Lewwonni tokko tokko isaan wajjin turan; jarris: Shemaaʼiyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaaheel, Shemiiraamoot, Yoonaataan, Adooniyaa, Xoobbiyyahuu fi Xoob-Adooniyaa feʼa. Luboonni immoo Eliishaamaa fi Yehooraam turan.
9 They taught throughout Judah, carrying the Book of our Father's Instruction, going to all Judah's cities, teaching the people. Isaanis Kitaaba Seera Waaqayyoo fuudhanii deemanii guutummaa Yihuudaa keessatti ni barsiisan; magaalaawwan Yihuudaa hunda keessas deemanii saba ni barsiisan.
10 The dread of our Father fell on all the kingdoms around Judah, so they made no war on Jehoshaphat. Sababii sodaachisni Waaqayyoo mootummoota biyyoota naannoo Yihuudaa jiran irra buʼeef isaan Yehooshaafaax wajjin wal hin lolle.
11 Some Philistines brought Jehoshaphat gifts and silver tribute; the Arabs brought flocks: 7,700 rams, 7,700 male goats. Filisxeemonni tokko tokko kennaawwanii fi meetii akka gibiraatti fidanii Yehooshaafaaxiif ni kennan; Araboonni immoo bushaayee jechuunis korbeeyyii hoolaa kuma torbaa fi dhibba torbaa fi korbeeyyii reʼee kuma torbaa fi dhibba torba fidaniif.
12 Jehoshaphat grew more and more powerful, and he built fortresses and storage cities in Judah. Yehooshaafaaxis ittuma caalchisee jabaachaa ni deeme; Yihuudaa keessattis daʼannoowwanii fi magaalaawwan miʼa itti kuusan ni ijaare;
13 He had large supplies in the cities of Judah, and mighty warriors in Jerusalem. inni mankuusaalee baayʼee magaalaawwan Yihuudaa keessaa qaba ture. Loltoota muuxannoo qabanis Yerusaalem keessa turse.
14 Their enrollment by ancestral house: from Judah, commanders of thousands—Adnah the commander, with him 300,000 mighty warriors; Haalli isaan itti maatii maatiidhaan hiriiranis kana: Yihuudaa keessaa ajajjoota gareewwanii 1,000: Adinaahi ajajjichi loltoota 300,000 wajjin;
15 next to him was Jehohanan the commander, and with him 280,000; isatti aanee Yehohaanaan ajajjichi loltoota 280,000 wajjin;
16 next Amasiah son of Zichri, who volunteered for our Father, with him 200,000 mighty warriors. isatti aanee immoo Amaasiyaa ilma Zikrii kan tajaajila Waaqayyootiif jedhee of kenne loltoota 200,000 wajjin.
17 From Benjamin: Eliada, a mighty warrior, and with him 200,000 armed with bow and shield; Gosa Beniyaam keessaa: Eliyaadaan loltuun jabaan sun loltoota xiyyaa fi gaachana qabatan 200,000 wajjin;
18 next to him Jehozabad, and with him 180,000 equipped for war. isatti aanee immoo Yehoozaabaad namoota lolaaf qophaaʼan 180,000 wajjin hiriire.
19 These men served the king, besides those he stationed in the fortified cities throughout Judah. Isaan kunneen namoota inni magaalaawwan guutummaa Yihuudaa keessatti jabeeffamanii ijaaraman keessa qubachiiseen alatti warra mooticha tajaajilaa turanii dha.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]