Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 16 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In Asa's thirty-sixth year, Baasha king of Israel invaded Judah, fortifying Ramah to keep anyone from leaving or entering Asa king of Judah's territory. Bara mootummaa Aasaa keessa waggaa soddomii jaʼaffaatti Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
2 Asa took silver and gold from the storerooms of our Father's house and the royal house, and sent them to Ben-Hadad king of Aram, living in Damascus, with this message: Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa isaa keessaa baasee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaaf ni erge.
3 "Let there be a treaty between me and you, as there was between my father and your father. See, I'm sending you silver and gold. Go now and break your treaty with Baasha king of Israel, so he withdraws from me." Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
4 Ben-Hadad agreed with King Asa and sent his army commanders against Israel's cities. They struck down Ijon, Dan, Abel-maim, and all Naphtali's store cities. Ben-Hadaadis yaada Aasaa mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Isaanis magaalaawwan Iiyoon, Daan, Abeel Maayimii fi magaalaawwan mankuusa Niftaalem hunda rukutan.
5 When Baasha heard of it, he stopped fortifying Ramah and abandoned his work. Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee hojii ofii isaa dhaabe.
6 King Asa mustered all Judah; they carried off the stones and timber Baasha had fortified Ramah with, and with them he fortified Geba and Mizpah. Aasaan Mootichis namoota Yihuudaa hunda ni fide; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaanis Gebaa fi Miisphaa ittiin ijaarrate.
7 Then Hanani the seer came to Asa king of Judah and said to him, "Because you relied on Aram's king and not your Father, his army escaped your hand. Yeroo sanattis Hanaaniin ilaalaan sun Aasaa mooticha Yihuudaa bira dhufee akkana jedheen; “Waan ati Waaqayyo Waaqa kee dhiiftee mootii Sooriyaa amanatteef loltoonni Sooriyaa si harkaa baʼaniiru.
8 Weren't Cushites and Libyans a vast army with countless chariots and horsemen? Because you relied on your Father, he gave them to you. Namoonni Itoophiyaa fi Liibiyaa gaariiwwanii fi abbootii fardaa kanneen akka malee baayʼee qaban sun loltoota jajjaboo hin turree? Taʼus waan ati Waaqayyoon abdatteef inni dabarsee harka keetti isaan siif kenne.
9 For our Father's eyes scan the whole earth, to strengthen those whose heart is fully devoted to him. You acted foolishly in this; from now on you will have wars." Iji Waaqayyoo warra garaa guutuun isa amanatan jajjabeessuuf guutummaa addunyaa ni ilaalaatii. Sababii ati hojii gowwummaa hojjetteef kana booddee waraanni sirraa hin caamu.”
10 Asa raged at the seer for this and jailed him in the stocks, for he was furious with him about it; he also brutally oppressed some people at that time. Aasaan sababii kanaaf ilaaltuu sanatti ni aare; akka malee dheekkamees mana hidhaa keessa isa buuse. Yeruma sanatti Aasaan namoota tokko tokko gara jabinaan ni cunqurse.
11 Asa's acts, first to last, are written in the Book of the Kings of Judah and Israel. Wanni bara mootummaa Aasaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.
12 In his thirty-ninth year of reign, Asa's feet grew diseased, the disease severe. Yet even in his illness he did not seek our Father, but only the doctors. Aasaanis bara mootummaa isaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti dhukkuba miillaatiin akka malee ni dhiphate. Taʼus inni dhukkuba akka malee hamaa kana keessatti illee ogeeyyii fayyaa malee gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanne.
13 Then Asa rested with his fathers, dying in the forty-first year of his reign. Ergasii Aasaan bara mootummaa isaa keessa waggaa afurtamii tokkoffaatti duʼee abbootii ofii isaa wajjin boqote.
14 They buried him in his own tomb, cut for himself in the City of David, laid him on a funeral bed covered with spices and various blended perfumes prepared by skilled perfumers, and lit a great fire for him. Isaanis awwaala inni Magaalaa Daawit keessatti dhagaa cabsee ofii isaatii qopheeffatetti isa ni awwaalan. Wasaasaa urgooftuuwwanii fi shittoodhaan guutame irra isa ni ciibsan; ulfina isaatiifis ibidda guddaa bobeessan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]