Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

1 Peter 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 So put away all malice and all deceit and hypocrisy and envy and all slander. Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa.
2 Like newborn babies, crave pure milk of the word, so you grow into salvation, Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;
3 now that you have tasted that the Lord is good. isin gaarummaa Gooftaa dhandhamattaniirtuutii.
4 As you come to him, the living stone rejected by people but chosen, precious to our Father. Isin erga gara isaa, gara Dhagaa jiraataa namoonni tuffatanii Waaqni garuu filate gati jabeessa sanaa dhuftanii,
5 You too are being built, like living stones, into a spiritual house and a holy priesthood, offering spiritual sacrifices our Father accepts through Jesus Christ. isinis akkuma aarsaa hafuuraa kan karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa biratti fudhatamaa taʼe dhiʼeessuudhaan luboota qulqullaaʼoo taʼuuf akkuma dhagaawwan jiraatootti mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu.
6 Scripture says: "See, I set in Zion a chosen, precious cornerstone; whoever believes in him will never be put to shame." Katabbiin Qulqulluun, “Kunoo, ani Xiyoon keessa, dhagaa tokko, dhagaa golee filatamaa gati jabeessa nan kaaʼa; namni isa amanatu kam iyyuu hin qaanaʼu” jedhaatii.
7 This honor, then, is for you who believe. For those who don't, the stone the builders rejected has become the cornerstone, Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu, “Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera.”
8 and a stumbling stone, a rock that trips them. They trip because they disobey the word—exactly what they were appointed for. Akkasumas, “Dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼe” jedhameera. Isaanis waan dubbii sanaaf ajajamuu didaniif gufatan; dhugumaanuu isaan kanumaaf ramadaman.
9 But you are a chosen people, a royal priesthood, a holy nation, a people belonging to our Father, to proclaim the praises of the one who called you from darkness into his amazing light. Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.
10 Once you were not a people, now you are our Father's people; once you had not received mercy, now you have received mercy. Isin dur saba Waaqaa hin turre; amma garuu saba Waaqaa ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.
11 Dear friends, I urge you—foreigners and exiles—to avoid fleshly desires that war against your soul. Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa.
12 Live good lives among the nations, so that when they slander you as wrongdoers, they may see your good deeds and glorify our Father on the day he visits us. Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Waaqni nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa.
13 Submit to every human authority for the Lord's sake—whether the emperor, as supreme, Gooftaadhaaf jedhaatii taayitaa namaa hunda jalatti bulaa; mootii taayitaa ol aanaa qabu
14 or to governors, sent by the emperor to punish wrongdoers and praise those who do good. yookaan bulchitoota inni akka isaan namoota balleessaa hojjetan adabanii warra waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffataniif erge hundumaa jalattis bulaa.
15 For this is our Father's will: that by doing good you silence the ignorant talk of foolish people. Waaqni akka isin waan gaarii hojjechuudhaan haasaa wallaalummaa namoota gowwaa afaan qabachiiftan fedhaatii.
16 Live as free people—not using freedom to cover evil—but as servants of our Father. Akka warra bilisummaa qabaniitti jiraadhaa; bilisummaa keessan immoo hammina dhoksuuf itti hin fayyadaminaa; garuu akka tajaajiltoota Waaqaatti jiraadhaa.
17 Respect everyone, love the family of believers, fear our Father, honor the emperor. Nama hunda kabajaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqa sodaadhaa; mootiifis ulfina kennaa.
18 Servants, submit to your masters with full respect—not only the good and gentle, but also the harsh. Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa.
19 For it is commendable if someone bears up under the pain of unjust suffering, mindful of our Father. Namni tokko yoo Waaqaaf jedhee dhiphina dabaan isatti dhufe obse galata qaba.
20 What credit is it to endure a beating for doing wrong? But enduring suffering for doing good—this is commendable before our Father. Isin yoo sababii balleessaa hojjettaniif dhaanamtanii obsitan galata maalii argattu? Garuu yoo sababii waan qajeelaa hojjettaniif dhiphattanii obsitan kun fuula Waaqaa duratti galata qaba.
21 You were called to this, since Christ suffered for you too, leaving an example for you to follow in his steps. Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Kiristoos akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.
22 "He committed no sin, and no deceit was found in his mouth." “Inni cubbuu hin hojjenne; sobni afaan isaatii hin baane.”
23 When they hurled their insults at him, he did not retaliate; when he suffered, he made no threats, but entrusted himself to the one who judges justly. Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne.
24 He himself bore our sins in his body on the tree, so that we might die to sin and live for righteousness; by his wounds you have been healed. Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.
25 For you were straying like sheep, but now have returned to the Shepherd and Guardian of your souls. Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]