Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

1 Peter 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Peter, apostle of Jesus Christ, to the chosen exiles scattered through Pontus, Galatia, Cappadocia, Asia, and Bithynia. Phexros ergamaa Yesuus Kiristoos irraa, Gara filatamtoota Phonxoos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiyaa fi Biitaaniyaa keessa bibittinnaaʼan
2 Chosen by our Father's foreknowledge, made holy by the Holy Spirit, to obey Jesus Christ and be sprinkled with his blood: grace and peace multiplied to you. kanneen akka beekumsa Waaqa Abbaatti, karaa hojii qulqulleessuu Hafuuraatiin, akka Yesuus Kiristoosiif ajajamanii fi akka dhiigni isaa isaanitti facaafamuuf filatamaniitti: Ayyaannii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.
3 Blessed is our Father, and the Father of our Lord Jesus Christ: by his great mercy he gave us new birth into a living hope through Jesus Christ's resurrection from the dead, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;
4 into an inheritance that can never perish, spoil, or fade, kept in heaven for you, akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera;
5 protected through faith by our Father's power for the salvation ready to be revealed in the last time. isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.
6 You rejoice greatly in this, though now, briefly, you may have had to be distressed by various trials. Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.
7 These have come so that your faith—tested and found genuine, worth more than fire-refined gold that still gets destroyed—may bring praise, glory, and honor when Jesus Christ appears. Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe.
8 Though you've never seen him, you love him; though you don't see him now, you trust him, rejoicing with joy beyond words and full of glory, Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu;
9 for you are receiving the goal of your faith, the salvation of your souls. isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.
10 Prophets who spoke of the grace meant for you investigated and searched carefully into this salvation, Raajonni waaʼee ayyaana isinii kennamuuf jiru sanaa dubbatan sun itti jabaatanii waaʼee fayyina kanaa qorachaa, iyyaafachaas turan;
11 searching for the time and situation the Spirit of Christ in them pointed to, when he predicted Christ's sufferings and the glories after them. isaanis yommuu Hafuurri Kiristoos inni isaan keessa ture sun waaʼee dhiphina Kiristoosiitii fi waaʼee ulfina itti aanu sanaa duraan dursee dubbatetti yoomii fi haala akkamii keessa akka taʼu beekuuf yaalaa turan.
12 It was revealed to them: they served not themselves but you, when they spoke of these things now announced to you through those who preached the good news to you by the Holy Spirit sent from heaven. Even angels long to look into these things. Namoonni Hafuura Qulqulluu isa samiidhaa ergameen wangeela isinitti lallaban sun waan amma isinitti himan keessatti utuu ofii isaanii hin taʼin isin akka tajaajilan ifa ni taʼeef; waan kana ergamoonni iyyuu gad fageenyaan arguu hawwu.
13 So, minds braced for action and fully sober, hope completely on the grace to be brought to you when Jesus Christ is revealed. Kanaafuu mudhii qalbii keessanii hidhadhaa; warra of qaban taʼaa; abdii keessanis guutumaan guutuutti ayyaana yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti isinii kennamu sana irra kaaʼadhaa.
14 As obedient children, don't let yourselves be shaped by the desires you once followed in your ignorance. Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa.
15 But just as the one who called you is holy, so be holy in all you do; Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa;
16 for it is written: "Be holy, because I am holy." “Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
17 Since you call on a Father who judges every deed without favoritism, spend your exile time here in reverent fear. Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana “Abbaa” jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa.
18 You know silver and gold—things that decay—didn't rescue you from the empty life passed down from your ancestors, Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii.
19 but with Christ's precious blood, a lamb without defect or stain. Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
20 Chosen before the world's foundation, revealed in these last times for your sake. Inni utuu addunyaan hin uumamin duraan dursee beekame; garuu isiniif jedhee bara dhumaa kana keessa mulʼate.
21 Through him you believe in our Father, who raised him from the dead and glorified him, so your faith and hope are in our Father. Isinis karaa isaatiin Waaqa warra duʼan keessaa isa kaasee ulfina isaaf kenne sanatti amantu; kunis akka amantii fi abdiin keessan Waaqayyo taʼuuf.
22 Having purified your souls by obeying the truth for sincere love of the brothers, love each other deeply from a pure heart. Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.
23 For you have been born again—not of perishable seed but imperishable—through the living, enduring word of our Father. Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.
24 For, "All people are like grass, and all their glory like the flowers of the field; the grass withers and the flowers fall, “Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
25 but the word of our Father endures forever." And this is the word that was preached to you. dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata.” Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]