Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

1 Peter 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Likewise, wives, submit to your own husbands, so that even if some disobey the word, they may be won without a word by their wives' conduct, Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa;
2 seeing your pure, reverent conduct. isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu.
3 Do not let your beauty be the outward kind—braided hair, gold jewelry, fine clothing. Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin;
4 But let it be the hidden person of the heart, the undying beauty of a gentle, quiet spirit, precious in our Father's sight. qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Waaqaa duratti gatii guddaa qabu haa taʼu.
5 For this is how the holy women of old who hoped in our Father adorned themselves, submitting to their own husbands, Dubartoonni qulqulloonni durii warri Waaqa abdatanis akkasuma dhirsoota isaaniitiif ajajamuudhaan of miidhagsan;
6 as Sarah obeyed Abraham, calling him lord. And you have become her children if you do good, fearing no terror. Saaraanis Abrahaamiin “Gooftaa” jettee waamaa isaaf ajajamaa turte. Isinis yoo waan qajeelaa hojjettanii fi sodaachuu baattan intallan ishee ti.
7 Husbands, similarly, live with your wives with understanding, honoring each as the weaker vessel and as coheirs of the grace of life, so your prayers aren't hindered. Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.
8 Finally, all of you, be of one mind, sympathetic, loving one another as family, tenderhearted, and humble. Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa.
9 Do not repay evil for evil or insult for insult, but bless instead—you were called to this, so you may inherit blessing. Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.
10 For, "Whoever desires to love life and to see good days, let him keep his tongue from evil and his lips from speaking deceit. “Namni jireenya jaallatu, kan bara gaariis arguu hawwu kam iyyuu, arraba isaa hammina irraa, hidhii isaa immoo soba dubbachuu irraa haa eeggatu.
11 Let him turn away from evil and do good; let him seek peace and pursue it. Inni hammina irraa deebiʼee gaarii haa hojjetu; nagaa haa barbaadu; duukaa haa buʼus.
12 For the eyes of our Lord are on the righteous, and his ears are open to their prayer, but the face of our Lord is against those who do evil." Iji Gooftaa qajeeltota irra jiraatii; gurri isaas kadhata isaaniitiif banamaa dha; garuu fuulli Gooftaa warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.”
13 Now who is there to harm you if you are eager to do what is good? Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha?
14 But if you suffer for righteousness, you are blessed. Don't fear their fear, don't be shaken. Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. “Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas.”
15 Set Christ apart as Lord in your hearts. Always be ready to answer anyone who asks the reason for your hope, but with gentleness and respect. Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;
16 Keep a clear conscience, so that when you're slandered, those who insult your good conduct in Christ are shamed. isinis yommuu namoonni waaʼee keessan waan hamaa dubbatanitti akka warri amala gaarii isin Kiristoos keessatti qabdan sana arrabsan qaanaʼaniif yaada gaarii qabaadhaa.
17 Better to suffer for doing good, if that's our Father's will, than for doing evil. Dhiphachuun keessan fedhii Waaqaa yoo taʼe, hamaa hojjettanii dhiphachuu irra gaarii hojjettanii dhiphachuu wayya.
18 For Christ too suffered once for sins, the righteous for the unrighteous, to bring us to our Father—put to death in flesh, made alive in spirit, Kiristoosis Waaqatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame;
19 in which he also went and proclaimed to the spirits in prison, erga jiraataa taasifamee immoo dhaqee hafuurota mana hidhaa jiranitti lallabe;
20 who disobeyed long ago, when our Father waited patiently in Noah's days as the ark was being built, in which a few—eight people—were brought safely through the water. isaanis bara Nohi keessa utuu dooniin ijaaramaa jiruu, yeroo Waaqni obsaan eegetti warra hin ajajaminii dha. Doonii kanaanis nama muraasa, walumatti nama saddeeti qofatu badiisa bishaanii jalaa baʼe;
21 This corresponding baptism now saves you too—not removing body dirt, but appealing to our Father for a good conscience—through Jesus Christ's resurrection, bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Waaqaaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin isin fayyisa;
22 who entered heaven and is at our Father's right hand, with angels, authorities, and powers subject to him. Kiristoos samiitti ol baʼee mirga Waaqaa jira; ergamoonni Waaqaa, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]