Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Numbers 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 This is the family line of Aaron and Moses, when our Father spoke with Moses on Mount Sinai. Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti yennaa Muuse'etti dubbate, maatiin Muuse'ee fi Aaronii isaan kana.
2 These are the names of the sons of Aaron: Nadab the firstborn, then Abihu, Eleazar, and Ithamar. Ilmaan Aaronii angafichi Naadaab, kuun Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar.
3 These are the names of Aaron's sons, the anointed priests whom Moses ordained to serve as priests. Isaan kun worra hayyoota te'anee hujii hayyumma'aa hujiisaaf muudamane.
4 Nadab and Abihu died before our Father in the wilderness of Sinai when they offered unauthorized fire before him; they had no children. So Eleazar and Ithamar served as priests before Aaron their father. Naadaabii fi Abiihuun goomolee Siina'aatitti ibidda hin ajajaminiin Mootii Waan Maraa duratti ciincaa yennaa dhikeessane du'ane. Isaan ijoollee hin qabanu. Tanaaf Ele'azaarii fi Itaamaar qofatti yennaa abbaan isaanii Aaron jiru hayyoota te'ee tajaajilane.
5 Then our Father said to Moses: Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
6 "Bring the tribe of Levi near and set them before Aaron the priest, to serve him. «Gosa Lewwi'ii fidiitii, hayyicha Aaron akka qarqaaranuuf fuula isaa duratti dhikeessi.
7 They are to keep his duties and those of the whole community before the tent of meeting, performing the tabernacle's service. Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa duratti isaa fi wolde'a gumi'ii duudi'iif, hujii dunkaanii dhugaa bayaa hujan.
8 They are to guard all the tent of meeting's equipment and the Israelites' duty, doing the tabernacle's service. Isaan meya Dunkaanii Woldeenna'aa mara eegaa, hujii dunkaanii dhugaa bayaa keessaalle hujiisaan kolbaa Israa'elii tajaajilan.
9 Give the Levites to Aaron and his sons; they are given entirely to him from among Israel's people. Lewwooti Israa'eloota keessaa Aaronii fi ilmaan isaatiif waan kennamaneef, ati Aaronii fi ilmaan isaatiif isaan kenni.
10 Appoint Aaron and his sons to guard their priesthood; any outsider who comes near must die." Aaronii fi ilmaan isaa akka hujii hayyumma'aa hujanuuf ati isaan muudi. Nami dhibiin addee woyyittii bira yoo dhikaate ammoo ijjeefamuu ti» jedhe.
11 Then our Father said to Moses: Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
12 "Look, I have taken the Levites from among the Israelites in place of every firstborn that opens the womb among the Israelites. The Levites are mine. «Kunoo ani Israa'eloota keessaa addee ilma angaficha kennansa fudhadhu, Israa'eloota mara keessaa ani Lewwoota fudhadheera. Tanaaf, Lewwooti kiyya.
13 Every firstborn is mine. The day I struck down every firstborn in Egypt, I set apart for myself every firstborn in Israel—both man and animal. They will be mine. I am your Father." Ani Mootii Waan Maraa ti; angafooti marti kiyya waan te'aneef, ani biyya Gibxi'ii keessatti, angafoota worra Gibxootaa mara yennaa ijjeese, angafoota hori'iitii fi angafoota ijoollee Israa'elootaa mara akka isaan kiyya te'anu filadheera. Tanaaf Lewwooti kiyya te'aneeran» jedhe.
14 Then our Father spoke to Moses in the wilderness of Sinai: Mootiin Waan Maraa goomolee Siina'aa keessatti Muuse'een,
15 "Count Levi's sons by fathers' houses and clans; count every male a month old and up." «Lewwoota akka maatii maatii isaaniitii fi akka fira isaaniititti, dhiira dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokko olii mara laakkowi» jedhe.
16 So Moses counted them at the word of our Father, just as he had been commanded. Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti isaan laakkowe.
17 These were the sons of Levi by their names: Gershon, Kohath, and Merari. Maqaan ilmaan Lewwi'ii Gershoon, Qehaatii fi Meraari.
18 These are the names of the sons of Gershon by their clans: Libni and Shimei. Maqaan ilmaan Gershoonii akka fira fira isaaniititti Liibnii fi Shime'i.
19 The sons of Kohath by their clans: Amram, Izhar, Hebron, and Uzziel. Maqaan ilmaan Qehaatii akka fira fira isaaniititti Amraam, Yizhaar, Hebroonii fi Uzii'el.
20 Merari's sons by clan: Mahli and Mushi. These are the Levite clans by fathers' houses. Maqaan ilmaan Meraarii akka fira fira isaaniititti Maahilii fi Mushiis; isaan kun akka fira fira abbootii isaanii ta duriititti maatii Lewwootaa ti.
21 From Gershon: the Libnite clan and the Shimeite clan—these are the Gershonite clans. Firri Liibniitii fi shime'ii sanyii Gershoonii ti. Isaan kun fira Gershoonotaa ti.
22 The number of males counted, a month old or older, was 7,500. Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii wolumatti 7,500.
23 The clans of the Gershonites camped behind the tabernacle on the west. Firri Gershootaa dunkaanii dhugaa bayaatiin duuba karaa aduun seentu qubatanuu ti.
24 The leader of the fathers' house of the Gershonites was Eliasaph son of Lael. Sooressi fira Gershoonotaa, Eliyaafii ilma Laa'elii ti.
25 Gershon's sons at the tent of meeting cared for the tabernacle, the tent, its covering, and the entrance screen of the tent of meeting. Ilmaan Gershoonotaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti dunkaanii dhugaa bayaa, irbuusa isi'ii woliin, gollaa Dunkaanii Woldeenna'aa,
26 The courtyard's curtains and its entrance screen, surrounding the tabernacle and altar, and its cords for all its service. gollaa badhinna dalleya keessaa, gollaa badhinna dalleya keessaa ka adaala dunkaanii dhugaa bayaatii fi addee ciinca'aa, wodaroota isi'ii, hujii waan kanaan wol qabatte maraayyuu eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban.
27 From Kohath came the Amramite clan, the Izharite clan, the Hebronite clan, and the Uzzielite clan; these are the clans of the Kohathites. Amraam, Yizhaar, Hebroonii fi Uzii'el gosa Qehaatii ti; isaan kun maatii Qehaatii ti.
28 Males a month old and up numbered 8,600, in charge of the sanctuary. Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii 8,600. Isaan kun addee woyyittii eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban.
29 The clans of the sons of Kohath camped on the south side of the tabernacle. Firri Qehaatii dunkaanii dhugaa bayaa gara kibbaatitti qabatanuu ti.
30 The leader of the fathers' house of the Kohathite clans was Elizaphan son of Uzziel. Sooressi fira Qehaatii, ilma Uzii'elii Elzaafaan.
31 They cared for the ark, the table, the lampstand, the altars, the sanctuary vessels used in service, the screen, and all its work. Isaan kun Saanduqa Gondooro'oo, xarapheessaa, waan issaa irra keyanu, addee ciinca'aa, meya addee Woyyitti'ii ka isaan itti fayyadamanu, golla'aa fi hujii waan kanaan wol qabaatte mara eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban.
32 Eleazar son of Aaron the priest was chief leader of the Levites, in charge of those guarding the sanctuary. Ilmi Aaronii Ele'azaar sooressa bulchaa Lewwootaa ti; inni worra addee Woyyittii eegiisaaf itti gaafatantoota te'ane irratti muudame.
33 From Merari: the Mahlite clan and the Mushite clan—these are Merari's clans. Firri Maahiliitii fi Mushii fira Meraarii jala jiran; isaan kun fira Meraarii ti.
34 The number of males counted, a month old or older, was 6,200. Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii 6,200.
35 Leader of Merarite clans' ancestral house: Zuriel son of Abihail; they camped on the tabernacle's north side. Sooressi fira Meraarii ilma Abiihaayilii Zurii'el. Isaan dunkaanii dhugaa bayaa cinaa gara kaabaatiin qubatanuu ti.
36 Merari's sons were charged with the tabernacle's frames, crossbars, posts, bases, all its equipment, and all its service, Ilmaan Meraarii mikikkila dunkaanii dhugaa bayaa, danqaraa, utubaa, miila utuba'aa, hujii waan kanaan wol qabate mara,
37 as well as the posts of the surrounding courtyard with their bases, pegs, and cords. utubaa badhinna dalleya keessaatitti naannowaneeranu, miila utubooti dhaabbatanu woliin, chikaala'aa fi wodaroo dunkaani'ii eegiisaaf muudamane.
38 Camped east of the tabernacle, in front of the tent of meeting toward sunrise, were Moses, Aaron, and his sons, who kept charge of the sanctuary for the Israelites; any outsider who approached was to be put to death. Muuseen, Aaronii fi ilmaan isaa dunkaanii dhugaa bayaa san karaa aduun baatuun Dunkaanii Woldeenna'aa dura gara ila boru'uutiin qubatanuu ti. Isaan Israa'eloota bakka bu'anee addee woyyittii eegiisaaf itti gaafatantoota. Nami dhibiin ka itti dhikaate ijjeefamuu ti.
39 All the Levites whom Moses and Aaron counted at our Father's command, by their clans, every male a month old and up: 22,000. Muuse'ee fi Aaron akka Mootiin Waan Maraa isaan ajajetti Lewwoota keessaa akka fira fira isaaniititti worri laakkowane, dhiirti martinuu ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii wolumatti 22,000.
40 Then our Father said to Moses, "Count every firstborn male of Israel a month old or older, and record the number of their names. Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Israa'eloota keessaa dhiira angafa ta ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii mara laakkowiitii, maqaa maqa'aan galmeessi.
41 Take the Levites for me—I am your Father—in place of every firstborn among the people of Israel, and the Levites' livestock in place of every firstborn among Israel's livestock." Ani Mootii Waan Maraa ti; ati addee angafoota Israa'elootaa mara worra Lewwootaa, addee angafoota horii Israa'elootaa mara horii worra Lewwootaa naaf fuudhi» jedhe.
42 So Moses counted every firstborn among the people of Israel, just as our Father had commanded him. Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje Israa'eloota keessaa dhiira angafoota mara laakkowe.
43 All firstborn males, a month or older, listed by name: 22,273. Dhiirti angafooti ta ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii ka maqaa maqa'aan galmeeffamane wolumatti 22,273.
44 Then our Father spoke to Moses: Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbatee,
45 "Take the Levites instead of every firstborn among Israel's people, and the Levites' livestock instead of theirs. The Levites will be mine. I am your Father. «Ani Mootii Waan Maraa ti. Ati addee angafoota Israa'elootaa mara Lewwoota, addee angafoota horii Israa'elootaa mara angafoota horii Lewwootaa naaf fuudhi. Lewwooti kiyya te'anuu ti.
46 To redeem the 273 firstborn Israelites exceeding the Levites' count. Laakkossi dhiira angafoota Israa'elootaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadiin laakkossa Lewwootaa caalan. Isaan kana wodiisaaf,
47 Collect about 2 ounces per person, by sanctuary standard (each measure about half an ounce of silver). tokko tokkoo isaaniitiif akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, meetii sheeqelii shan shan fuudhi. Meetiin sheeqeliin tokko geraa diddama.
48 Give the money to Aaron and his sons as the redemption price for the extra firstborn sons." Beesee Israa'eloota irraa fuudhiitii, marroo ilmaan angafoota Israa'elii 273 ka wodamuu qabanuu saniif Aaronii fi ilmaan isaatiif kenni!» jedhe.
49 So Moses collected the redemption money from the firstborn sons who exceeded the number of the Levites; Maarre Muuseen beesee ilmaan angafoota Israa'elootaa ka laakkossi isaanii Lewwoota caalee ka wodamiisaa san fuudhe.
50 from Israel's firstborn sons he took 1,365—about 2 ounces, by the sanctuary standard. Beeseen inni Israa'eloota worra angafoota te'anee dhalatane irraa fuudhe, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti meetiin tun gara kiiloogiraama 15.5 teeti.
51 Moses gave the redemption money to Aaron and his sons, by our Father's word, just as our Father commanded Moses. Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti beesee isaan ittiin wodamane san Aaronii fi ilmaan isaatiif kenne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]