Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Numbers 4 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Our Father spoke to Moses and Aaron, saying: Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
2 "Count the Kohathites among the Levites, by clan and ancestral house. «Lewwoota keessaa ilmaan Qehaatii akka firaa fi maatii maatii isaaniititti,
3 From thirty to fifty years old, all who enter the service to work in the tent of meeting. Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhiira dhuttu, ta woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa mara laakkowi.
4 "This is the service of Kohath's sons in the tent of meeting: the most holy things. Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti waan irra caalaa woyyuu te'e eegiisa.
5 When the camp moves, Aaron and his sons take down the screening curtain and cover the ark of the testimony with it. Israa'elooti yennaa addee quttumaatii godaaniisaaf qophowanu, Aaronii fi ilmaan isaa ol seenanee gollaa Saanduqa Gondooro'oo ta dhugaa bayaa gollu fuudhanee Saanduqa Gondooro'oo sanitti maranuu ti.
6 They are to cover it with fine leather, spread an all-blue cloth over that, and set its poles. Achiin duuba gogaa hoolee galaanaa itti uffisanuu ti; woyaa bifi isi'ii guutumatti bifa cuquliisaa teete irra diriirsanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.
7 "On the table of the Presence they'll spread a blue cloth, put the plates, dishes, bowls, and pouring jars on it; the regular bread stays on it. «Xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu irra woyaa bifa cuquliisaa afanee, gabataa, qorii, muduunu'uu fi kobola kennansa daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu ka worqii irraa hujamane, daabboolle yennaa mara irra keyanuu ti.
8 They are to spread a scarlet cloth over them, cover it with fine leather, and fit its poles. Woyaa diintuu irra afanee, gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.
9 "They will take a blue cloth, cover the lampstand of light, its lamps, tongs, trays, and all its oil vessels used to service it. «Woyaa bifa cuquliisaa teete san fuudhanee, waan issaa irra keyanuu fi ifa isi'ii woliin, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii daadha'aa, meya zayiti'iitii fi meya isi'ii maratti uffisanuu ti.
10 They are to wrap it and all its vessels in fine leather and set it on the carrying frame. Achiin duuba isaan meya isi'ii mara woliin gogaa hoolee galaanaatiin maranee goongaa ittiin ba'atu irra keyanuu ti.
11 "Over the golden altar they are to spread blue cloth, cover it with fine leather, and insert its poles. «Addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante irralle woyaa bifa cuquliisaa afanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, muka rare'een ba'atanu ka isi'iille addee isaaniititti galchanuu ti.
12 They must take all the service utensils used in the sanctuary, put them in blue cloth, cover with fine leather, and place them on the pole. «Meya addee woyyitti'itti ittiin tajaajilanu mara fuudhanee, woyaa bifa cuquliisaa keessa keyanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, goongaa ittiin ba'atanu irra keyanuu ti.
13 "They are to remove the ashes from the altar and spread a purple cloth over it. «Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irraa daadhaa haranee, woyaa dhiillee irra afanuu ti.
14 On it they are to put all its serving vessels—firepans, forks, shovels, basins, all the altar's vessels—then spread over it a fine leather covering and insert its poles. Achiin duuba meya addee ciinca'aatitti ittiin tajaajilanu mara, waan ibidda irratti bobeessanu, filaa foonii, akkaafaa, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irra keyanuu ti. Isaan gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.
15 "When Aaron and his sons finish covering the holy things and all vessels of the holy place, and the camp sets out, Kohath's sons come to carry them, but they must not touch the holy things or die. These are Kohath's sons' burdens in the tent of meeting. «Yennaa addee quttumaatii ka'anu, Aaronii fi ilmaan isaa meya woyyichaa fi waan tajaajila kanaaf te'u mara itti uffisaneen duuba, ilmaan Qehaatii dhufanee ba'atanuu ti. Akka hin duune ammoo meya woyyicha san tuquu hin qabanu. Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaana Woldeenna'aatii fi waan Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa ba'atiisa.
16 "Eleazar son of Aaron the priest is responsible for the lamp oil, fragrant incense, daily grain offering, and anointing oil—responsible for the whole tabernacle, everything in it, the sanctuary and its furnishings." «Ilmi Aaronii hayyichaa Ele'azaar, zayitii isse'ee, hixaana foolee tolu, kennansa midhaanii ka guyyaa maraa, zayitii muudaa, Dunkaanii Woyyitti'ii fi waan isii keessaa, meya isi'ii keessaa woyyicha mara eegiisaaf itti gaafatamummaa qaba» jedhe.
17 Our Father spoke to Moses and Aaron, saying: Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaronitti dubbatee,
18 "Do not let the tribe of the Kohathite clans be cut off from among the Levites. «Maatiin Qehaatii, fira Lewwi'ii keessaa hin godhina'a.
19 Do this for them so they live and not die when they approach the most holy things: Aaron and his sons must enter, assigning each his task and burden. Qehaatoti waan irra caalaa Woyyuu te'etti dhikaatanee akka hin duune, Aaronii fi ilmaan isaa addee woyyittii seenanee waan isaan godhiisa malanee fi waan isaan ba'atiisa malane itti mudhisanuu ti.
20 But they must not go in and look at the holy things, even for a moment, or they will die." Ammoo isaan akka hin duuneef, waan woyyuu san yennaa diqqo'oofille ilaaliisaaf ol hin seenin» jedhe.
21 Our Father spoke to Moses, saying: Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
22 "Take a census of the sons of Gershon also, by their fathers' houses and their clans. «Gershoonota akka fira firaa fi maatii maatii isaaniititti laakkowi.
23 Count those thirty to fifty years old who serve, doing work at the tent of meeting. Dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dandeettu mara laakkowi.
24 "This is the service of the clans of the Gershonites, in serving and in carrying: «Tajaajilli fira Gershoonotaa ka hujiisaatii fi ba'atiisaa ka asii gadii kana:
25 They carry the tabernacle's curtains, the tent of meeting, its covering, the fine-leather covering over it, and the screen for the tent of meeting's entrance, Isaan gollaa dunkaanii dhugaa bayaa, gollaa Dunkaanii Woldeenna'aa, irbuusa isi'iitii fi gogaa hoolee galaanaa ka irbuusa isi'ii gollu, gollaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa,
26 the courtyard curtains, the entrance screen for the courtyard gate, surrounding tabernacle and altar, their cords, and all their service equipment—they are to do whatever these need. gollaa badhinna dalleya keessaa ka dunkaanii dhugaa bayaatii fi addee ciinca'aa marsu, wodaroota golla'aatii fi meya tajaajila waan kanaa mara ba'atiisa; isaan tajaajila meya kanaaf male mara godhan.
27 Aaron and his sons direct all the Gershonites' service—their carrying and duties; assign them all they must carry. Tajaajilli Gershoonotaa marti, ba'aan yookiin hujii dhibii hujiisi akka Aaronii fi ilmaan isaa isaanitti mudhisanetti hujanuu ti; waan isaan ba'atiisaaf itti gaafatamummaa qabanu isin isaanitti hima'a.
28 This is the service of the Gershonite clans at the tent of meeting, their duty under Ithamar son of Aaron the priest. Hujiin fira Gershoonii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilli isaanii kana. Hujii isaanii ilma Aaronii hayyichaa Itaamaaritti toowata.
29 "As for the sons of Merari, you are to count them by their clans and their fathers' houses. «Ilmaan Meraarii akka fira firaa fi akka maatii maatii isaaniititti,
30 Count everyone thirty to fifty years old who enters the service to work at the tent of meeting. worra woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa hujiisaaf dande'anu mara laakkowi.
31 This is their task, their service at the meeting tent: the frames, bars, posts, and bases of the tabernacle. Dunkaanii Woldeenna'aa keessa wonni ba'atiisaaf itti gaafatamanu mikikkila dunkaanii dhugaa bayaa, danqaraa isi'ii woliin, utubaa isi'iitii fi miila isiin ittiin dhaabbatu,
32 The courtyard's pillars all around, with their bases, pegs, and cords, all their equipment and service—assign by name what each must carry. utubaa badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aatitti naannowaneeranu shafee utubooti sun ittiin dhaabbatanu woliin, chikaala dunkaani'ii, wodaroo dunkaani'ii, meya waan kanaa maraa fi waan tajaajila kanaan wol qabate mara ba'atiisa. Nami tokko tokkooyyuu waan inni ba'atiisa male itti himi.
33 This is the Merarite clans' service in the Tent of Meeting, under Ithamar son of Aaron the priest." Tajaajilli fira Meraarii, toowannaa Itaamaarii ilma Aaronii hayyichaa jalatti, Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti hujanu tana» jedhe.
34 So Moses, Aaron, and the leaders of the congregation counted the sons of the Kohathites by their clans and their families, Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin wolde'a gumi'ii, sanyii Qehaatii akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti,
35 thirty to fifty years old, all who joined the service for work in the tent of meeting. dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu mara laakkowane.
36 Those counted by their clans were 2,750. Laakkossi isaanii akka fira fira isaaniititti 2,750.
37 The count of Kohathite clans, all who served in the tent of meeting, whom Moses and Aaron counted at our Father's command through Moses. Isaan kun akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, fira Qehaatotaa mara, worra Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu, ka Muuse'ee fi Aaron laakkowane.
38 Those counted of the sons of Gershon, by their clans and their fathers' houses, Worri Gershoonotaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti,
39 from thirty to fifty years old, all who entered service work at the tent of meeting. dhiirti woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu marti laakkowamane.
40 Those counted by their clans and their fathers' houses were 2,630. Worri akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti laakkowame laakkossi isaanii 2,630.
41 These were counted from the Gershonite clans, all who served in the tent of meeting, whom Moses and Aaron counted at our Father's command. Isaan kun wolumatti fira Gershoonotaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilane. Akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti Muuse'ee fi Aaron isaan laakkowane.
42 Those counted of the clans of the sons of Merari, by their clans and their fathers' houses, Worri Meraarotaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti,
43 from age thirty to fifty, all who entered service for work in the tent of meeting, dhiirti woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu marti laakkowamane.
44 those counted by their clans were 3,200. Worri akka fira fira isaaniititti laakkowame laakkossi isaanii 3,200.
45 These were counted of the clans of Merari's sons, whom Moses and Aaron counted at our Father's command through Moses. Isaan kun wolumatti fira Meraarotaa ti. Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Muuse'ee fi Aaron isaan laakkowane.
46 All those whom Moses, Aaron, and Israel's leaders counted among the Levites, by clans and ancestral houses. Maarre Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin wolde'a gumi'ii, sanyii Lewwootaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti,
47 From thirty to fifty years old, everyone who served and carried loads in the tent of meeting. dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka hujii tajaajilaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa ba'atiisaa dande'anu mara laakkowane.
48 Those counted were 8,580. Laakkossi isaanii 8,580.
49 By our Father's command, Moses appointed each to his service and burden, and counted them, as our Father commanded Moses. Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti nami tokko tokkooyyuu, maan akka hujuu fi maan akka ba'atu itti himame. Akka kanaan isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti laakkowamane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]