Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Numbers 5 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Our Father spoke to Moses: Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
2 "Command the Israelites to send from the camp everyone with a skin disease, everyone with a discharge, and everyone unclean from a corpse. «Israa'elooti nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu, nama nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u, nama reeffa tuqiisaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'in mara addee quttumaa keessaa akka baasanu ajaji.
3 Send away both male and female; send them outside the camp, so they don't make their camp unclean, where I live among them." Addee quttumaa ta ani odduu isaanii le'u, akka isaan hin batteessine, worra qulqulluu hin te'in dhiiraa fi dubartii addee quttumaa keessaa alatti baasi» jedhe.
4 The Israelites did this, sending them outside the camp; as our Father told Moses, the Israelites did. Israa'elooti tana godhanee, addee quttuma keessaa alatti isaan baasane. Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhane.
5 Then our Father spoke to Moses: Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
6 "Tell Israel's people: When a man or woman commits any human sin, betraying me, that person is guilty. «Ati Israa'elootaan, ‹Nami tokko dhiirti yookiin dubartiin ana Mootii Waan Maraatiif addatamiisa dhabiisaan nama dhibii yennaa yakke, nami sun yakkaamessa.
7 They must confess the sin they committed, repay in full for the wrong, add a fifth, and give it to the one they wronged. Inni cubbuu huje san faaci'atuu ti. Yakkaa ifiitiif gatii guutuu kaffaluu ti; harka shan keessaa harka tokko itti dabaleelle, nama yakke saniif kennuu ti.
8 But if that person has no relative to receive restitution, it belongs to me and goes to the priest, plus the ram of atonement made for the guilty one. Namichi yakkame sun du'ee firri aanti'ii ka gatii san fuudhu yoo dhabame ammoo, gatiin kaffalamu sun ka ana Mootii Waan Maraa ti; korbeessa hoole'ee ka yakkaa namichi hujeef, gumaa cubbu'uutiif kennamu san woliin hayyichaaf kennamuu ti.
9 Every contribution among all Israel's holy gifts brought to the priest belongs to him. Kennansi woyyichi Israa'elooti fiddu marti, hayyichaaf kennamuu ti.
10 Everyone's holy gifts remain their own; what one gives the priest belongs to the priest." Wonni hayyichaaf kenname kama hayyichaa ti› jedhi» jedhe.
11 Then our Father spoke to Moses: Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
12 "Speak to the Israelites and tell them: If any man's wife goes astray and is unfaithful to him, «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Dubartiin takka abbaa manaa ifiitiif addatamuu dhabiisaan
13 if another man sleeps with her, hidden from her husband, and she goes undetected though unclean—no witness against her, not caught in the act, nama dhibii woliin yoo ratte, waan kana dhirsi isi'ii ka hin dhaggine yoo te'e, nami isii dhagge yoo hin jiraatin, battummaan isi'iille yoo hin mudhatin,
14 a spirit of jealousy comes over the husband, and he is jealous of his wife, who is unclean; or a spirit of jealousy comes over him, and he is jealous though she is not unclean. dhirsi isi'ii isii hinaafee mamee, isiin yoo battoottee jiraatte yookiin yoo hin battowin jiraatte,
15 The man must bring his wife to the priest, along with her offering: about two quarts of barley flour. He must pour no oil on it and put no frankincense on it, because it is a grain offering of jealousy, a grain offering of remembrance, recalling guilt. Namichi sun niitii ifii san gara hayyichaa geessuu ti. Marroo isi'iitiif kennansa barbaachisu bullaa garbu'uulle kiiloo tokko geessuu ti. Kennansi kun kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu, ka yakkaa qaabachiisu waan te'eef, inni zayitii ejersaatii fi hixaana itti hin naqin.
16 The priest is to bring her near and set her before our Father. « ‹Hayyichi dubartii san fidee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti;
17 The priest is to take holy water in a clay jar, take dust from the tabernacle floor, and put it into the water. achiin duuba bisaan woyyicha meya faaraatitti woraabee, dunkaanii dhugaa bayaa keessaa bukuu fuudhee bisaan sanitti naquu ti.
18 The priest is to stand the woman before our Father, unbind her hair, and put in her hands the grain offering of remembrance—the jealousy offering—while he holds the bitter, curse-bringing water. Hayyichi mataa dubartitti'ii irraa hagoogguu buusee, kennansa midhaanii ka yakkaa qaabachiisu, ka marroo hinaaffa'aatiif dhikeeffamu, harkatti qabachiisee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti. Harka ifiititti bisaan hadhowaa abaarsa fidu qabatuu ti.
19 The priest is to put her under oath and say to her: 'If no man has slept with you, and you have not gone astray and made yourself unclean under your husband's authority, be free from this bitter water that brings the curse. Achiin duuba hayyichi, dubartittii san kakachiisiisaan: Ati heerumtee abbaa manaa qadduun, nami dhibiin yoo si woliin hin rafin yookiin ati yoo hin battowin, bisaan hadhowaan abaarsa fidu kun si hin miidhin.
20 But if you strayed under your husband, made yourself unclean, and a man besides your husband slept with you.' Ati ammoo abbaa manaa keeti jala jiraataa isaaf addatamuu dhabiisaan, nama dhibii woliin rattee yoo ifi batteessitee jiraatte,
21 Then the priest is to bind the woman by this curse-oath, saying: May the Father turn you into a curse and a disgrace among your people, as he makes your thigh shrivel and your belly swell. hayyichi, dubartittii san kakuu abaarsaa kakachisiisaan: Mootiin Waan Maraa gadhaa keeti iitessee, gudeeda keeti huqqisee, kolbaa teeti oddu'utti ta abaarante si godhuu ti;
22 May this curse-bringing water enter your body, swelling your belly and wasting your thigh. Then the woman must say, 'Amen, amen.' bisaan abaarsa fidu kun nafa keeti keessa seenee gadhaa keeti iitessee, gudeeda keeti huqqisuu ti. « ‹Dubartittiille: ameen, ameen jettuu ti.
23 "Then the priest writes these curses on a scroll and washes them off into the bitter water. « ‹Hayyichi abaarsa kana kitaaba maramaa irratti barreessee, achiin duuba barreeffama san bisaan hadhowaa san keessatti dhiquu ti.
24 He is to make the woman drink the bitter, cursing water; the cursing water will enter her, causing bitter suffering. Bisaan hadhowaa abaarsa fidu san obaasuu ti; bisaan abaarsa fidu kun isii keessa seenee dhibee hantuu itti hin fida.
25 The priest takes the jealousy grain offering from her hand, waves it before our Father, and brings it to the altar. Achiin duuba hayyichi kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu san dubartittii san harkaa fuudhee, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosee, gara addee ciinca'aatitti dhikeessuu ti.
26 The priest takes a handful of the grain offering, its memorial portion, burns it on the altar, then makes the woman drink the water. Achiin duuba hayyichi kennansa midhaanii ka yaadanno'oo san harka tokko fuudhee, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. Saniin duuba inni akka dubartittiin bisaan san untu godhuu ti.
27 After he makes her drink the water, if she has made herself unclean and betrayed her husband, the curse-bringing water will enter her, causing bitter suffering: her belly will swell, her thigh wither, and she will become a curse among her people. Isiin yoo ifi batteessitee abbaa manaa ifiitiif addatamuu dhaddeertu teete, yennaa inni bisaan abaarsa fidu san isii obaasu, bisaan gadhaa isi'ii seenu sun dhibee hantuu isi'itti fidee, gadhaa isi'ii iitessee, gudeeda isi'ii huqqisee, isiin kolbaa ifii oddu'utti ta abaarante hin teeti.
28 But if the woman has not made herself unclean and is clean, she is cleared and will conceive children. Dubartittiin ammoo yoo ifi hin batteessin teete, isiin hin miidhantu ijoolleelle deyuu hin dandeetti.
29 "This is the law of jealousy: when a wife under her husband strays and makes herself unclean, « ‹Seerri marroo hinaaffa'aatiif kenname kana: Dubartittiin adoo abbaa manaa jala jirtuu seera irraa gortee, yoo ifi batteessite,
30 or when a spirit of jealousy seizes a man and he is jealous of his wife: he is to stand her before our Father, and the priest is to apply this whole law to her. yookiin yaadi hinaaffa'aa abbaa mana isi'iititti dhufee, inni yoo isii hinaafe, hayyichi dubartittii san ana Mootii Waan Maraa dura fiduu ti! Hayyichi akka seera kanaatitti isii irratti muummessuu ti!
31 The husband will be free from guilt, but the woman will answer for her own sin." Abbaan manaa yakkaa akka hin qanne akkasitti hin beekkama; dubartittiin ammoo akka yakkaa ifiititti hin dhaggatti› jedhi!» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]