Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Numbers 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Then our Father spoke to Moses and Aaron, saying: Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
2 "The Israelites are to camp, each by his standard, with banners of their ancestral houses, facing the tent of meeting all around, they are to camp. «Israa'elooti Dunkaanii Woldeenna'aa irraa fagaatanee, nami tokko tokkooyyuu baandiraa maatii ifii jala, adaala Dunkaanii Woldeenna'aatitti qubatuu ti» jedhe.
3 "To the east, toward sunrise: the camp of Judah, by their divisions, under its standard. Leader of Judah's people: Nahshon son of Amminadab. Ila boru'uu, karaa aduun baatuun, goliin quttuma Yihuda'aa loltoota ifii woliin baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Yihuda'aa, ilma Aminaadaabii Nahasoon.
4 His division, those counted, numbered 74,600. Goliin isaa loltooti laakkowamane 74,600.
5 "Camping next to him: the tribe of Issachar; the leader of Issachar's sons is Nethanel son of Zuar. Gosi Yisaakorii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Yisaakorii, ilma Zuwaarii Nataani'el.
6 His division, those counted, numbered 54,400. Goliin isaa loltooti laakkowamane 54,400.
7 "Then the tribe of Zebulun; leader of Zebulun's sons: Eliab son of Helon. Gosi Zebuloonii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Zebuloonii, ilma Helonii Eliiyaab.
8 His division, those counted, numbered 57,400. Goliin isaa loltooti laakkowamane 57,400.
9 "All counted in Judah's camp: 186,400, by their divisions. They set out first. Addee quttumaa ta worra Yihuda'aa keessa akka golii golii isaaniititti akka qubatanu, namooti laakkowamane marti wolumatti 86,400. Worri dursee duula bayu isaan kana.
10 "South side: the banner of Reuben's camp, by divisions. Leader of Reuben's people: Elizur son of Shedeur. Goliin quttuma Ruubenii gara kibbaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Ruubenii ilma Shiide'urii Eliizur.
11 His division, those counted, numbered 46,500. Goliin isaa loltooti laakkowame 46,500.
12 "Camping beside him: the tribe of Simeon; leader of Simeon's people, Shelumiel son of Zurishaddai. Gosi Shimi'oonii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Shimi'oonii, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el.
13 His division, those counted, numbered 59,300. Goliin isaa loltooti laakkowame 59,300.
14 "Then the tribe of Gad: leader of Gad's people, Eliasaph son of Deuel. Gosi Gaadii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Gaadii, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf.
15 His division, those counted, numbered 45,650. Goliin isaa loltooti laakkowame 45,650.
16 "Those counted in Reuben's camp, by their divisions: 151,450. They set out second. Quttuma Ruubenii keessaa dhiirti loltooti akka golii golii isaaniititti laakkowame wolumatti 151,450. Worri kun lammeessoo te'anee duula hin bayan.
17 "Then the tent of meeting sets out, with the Levites' camp in the middle of the camps. They set out in the order they camp, each in place, under their banners. Achiin duuba Dunkaaniin Woldeenna'aatii fi goliin Lewwootaa golii worra qaraatii fi golii worra duubaa wodhakkaa deeman. Isaan adduma addaan bayanee akkuma dur addee quttuma ifii jiranuutitti baandiraa ifii qabatanee hin deeman.
18 "West side: Ephraim's camp standard, by their divisions; leader of Ephraim's people is Elishama son of Ammihud. Goliin gosa Efreemii loltoota ifii woliin karaa aduun seentuun baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi gosa Efreemii, ilma Amiihudii Eliishaama'a.
19 His division, those counted, numbered 40,500. Goliin isaa loltooti laakkowamanee 40,500.
20 "Beside him: the tribe of Manasseh, led by Gamaliel son of Pedahzur. Gosi Minaase'ee isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Minaase'ee, ilma Phedaazurii Gamaali'el.
21 His division, those counted, numbered 32,200. Goliin isaa loltooti laakkowamane 32,200.
22 "Then the tribe of Benjamin, led by Abidan son of Gideoni. Gosi Beniyaaminii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Beniyaaminii, ilma Giidewonii Abiidaan.
23 His division, those counted, numbered 35,400. Goliin isaa loltooti laakkowamane 35,400.
24 "All counted in Ephraim's camp: 108,100, by their divisions. They set out third. Quttuma Efreemii keessaa dhiirti akka golii golii ifiititti laakkowamane wolumatti 108,100. Isaan sadeessoo te'anee duula hin bayan.
25 "Dan's camp standard stands on the north side, by divisions. Ahiezer son of Ammishaddai leads Dan's people. Goliin quttuma gosa Daanii loltoota ifii woliin gara kaabaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Daanii ilma Amiishadaayii Ahii'ezer.
26 His division, those counted, numbered 62,700. Goliin isaa loltooti laakkowamane 62,700.
27 "Camping next to it: the tribe of Asher, its leader Pagiel son of Ochran. Gosi Asheerii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Asheerii ilma Okraanii Fagi'el.
28 His division, those counted, numbered 41,500. Goliin isaa loltooti laakkowamane 41,500.
29 "Then the tribe of Naphtali; Naphtali's leader is Ahira son of Enan. Gosi Niftaalemii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Niftaalemii, ilma Enaanii Ahiira'a.
30 His division, those counted, numbered 53,400. Goliin isaa loltooti laakkowamane 53,400.
31 "All counted in Dan's camp: 157,600. They set out last, by their standards." Quttuma Daanii keessaa dhiirti akka golii golii isaaniititti worri laakkowamane 157,600. Isaan dhuma irra baandiraa ifii qabatanee hin bayan.
32 These are Israelites counted by their clans, all camp divisions: 603,550. Israa'elooti akka maatii maatii isaaniititti, akka golii golii isaaniititti loltooti laakkowamane martinuu wolumatti 603,550.
33 But the Levites were not counted among the Israelites, just as our Father had commanded Moses. Lewwooti ammoo akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti gosa Israa'elootaa dhibii woliin hin laakkowanne.
34 So the Israelites did all our Father commanded Moses. So they camped by their standards, and so they set out, each by clan, by ancestral family. Maarre Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhanee, baandiraa ifii qabatanee, golii golii'ii fi maatii maatii ifii woliin duula bayane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]