Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Numbers 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Our Father spoke to Moses in the Sinai wilderness, in the tent of meeting, on the first day of the second month of the second year after they left the land of Egypt. He said: Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baatee woggaa lammeesso'ootitti, ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa, goomolee Siina'aa keessatti, Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti Waaqi Muuse'etti dubbate. Inni Muuse'een,
2 "Count the whole community of Israel's people, by clans and fathers' houses—every male, by name, head by head. «Kolbaa Israa'elii duudii akka gosa gosa isaaniititti, akka maatii maatii isaaniititti dhiira ka te'ane mara laakkowiitii maqaa isaanii galmeessi!
3 Register everyone in Israel twenty and older who can serve in the army—you and Aaron—by their divisions. Atii fi Aaron kolbaa Israa'elii keessaa dhiira worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loluu dande'anu mara akka kutaa kutaa isaaniititti laakkowa'a!
4 A man from each tribe is to be with you, each one the head of his family. Gosa tokko tokkooyyuu keessaa nami tokko, ka sooressa maatii ifii te'e, isin qarqaaruu ti.
5 "Names of the men who will stand with you: from Reuben, Elizur son of Shedeur. Maqaan worra isin qarqaaruu: gosa Ruubenii keessaa, ilma Shiide'urii Eliizur;
6 "From Simeon, Shelumiel son of Zurishaddai; gosa Shimi'oonii keessaa, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el;
7 "From Judah, Nahshon son of Amminadab; gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Aminaadaabii Nahasoon;
8 "From Issachar, Nethanel son of Zuar; gosa Yisaakorii keessaa, ilma Zuwaarii Nataani'el;
9 "From Zebulun, Eliab son of Helon; gosa Zebuloonii keessaa, ilma Helonii Eliiyaab;
10 "From the sons of Joseph: from Ephraim, Elishama son of Ammihud; from Manasseh, Gamaliel son of Pedahzur; ilmaan Yoseefii gosa Efreemii keessaa, ilma Amiihudii Eliishaama'a; gosa Minaase'ee keessaa, ilma Phedaazurii Gamaali'el;
11 "From Benjamin, Abidan son of Gideoni; gosa Beniyaaminii keessaa, ilma Giidewonii Abiidaan;
12 "From Dan, Ahiezer son of Ammishaddai; gosa Daanii keessaa, ilma Amiishadaayii Ahii'ezer;
13 "From Asher, Pagiel son of Ochran; gosa Aheerii keessaa, ilma Okraanii Fagi'el;
14 "From Gad, Eliasaph son of Deuel; gosa Gaadii keessaa, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf;
15 "From Naphtali, Ahira son of Enan. gosa Naftaalemii keessaa, ilma Enaanii Ahiira'a» jedhe.
16 "These were the community's called ones, leaders of their ancestral tribes, heads of Israel's clans." Kolbaa hedduu keessaa, sooressitooti gosa abbootii isaanii ta durii, maatii kolbaa Israa'eliitiif worri mataa te'anee filamane isaan kana.
17 So Moses and Aaron took these men who had been designated by name, Muuse'ee fi Aaron worra maqaan isaanii dhowame kana fudhatanee,
18 on the first day of the second month they gathered the whole community. The people registered their ancestry by clan and family—every male twenty years old and older, listed by name, one by one, ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa, wolde'a gumi'ii mara wolitti qabanee, dhiira worra woggaa diddamaatii fi diddamaa olii, akka gosaa fi maatii isaaniititti, tokko tokkoon maqaan isaanii galmeessane.
19 as our Father had commanded Moses. So Moses counted them in the wilderness of Sinai. Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Muuseen goomolee Siina'aa keessatti isaan laakkowe.
20 From Reuben's descendants, Israel's firstborn: recorded by clan and family, name by name, every male twenty years old and up, able to serve in war. Sanyii Ruubenii ilma angaficha Israa'elii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
21 Those counted from the tribe of Reuben were 46,500. Gosa Ruubenii keessaa worri laakkowame 46,500.
22 Simeon's descendants, by clans and families, counted by name, head by head: every male twenty years old and up, fit for the army. Sanyii Shimi'oonii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu akka gosaa fi maatii isaaniititti maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
23 Those counted from the tribe of Simeon were 59,300. Gosa Shimi'oonii keessaa worri laakkowame 59,300.
24 From Gad's descendants: by clans, families, and names, every man twenty and older fit for military service. Sanyii Gaadii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
25 Those counted from the tribe of Gad were 45,650. Gosa Gaadii keessaa worri laakkowame 45,650.
26 Judah's descendants, listed by clans and families, by name, every man twenty and older able to serve in the army: Sanyii Yihuda'aa keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
27 those counted from the tribe of Judah were 74,600. Gosa Yihuda'aa keessaa worri laakkowame 74,600.
28 Issachar's descendants, listed by clan and family, by name, every man twenty years and older fit for war: Sanyii Yisaakorii keessa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
29 those counted from the tribe of Issachar were 54,400. Gosa Yisaakorii keessaa worri laakkowame 54,400.
30 Zebulun's descendants: registered by clan and family, by name, every man twenty years old or older fit for military service. Sanyii Zebuloonii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
31 Those counted from the tribe of Zebulun were 57,400. Gosa Zebuloonii keessaa worri laakkowame 57,400.
32 Sons of Joseph, Ephraim's line: recorded by clan and family, by name, every man twenty and older fit for military service. Ilmaan Yoseefii keessaa, sanyii Efreemii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
33 Those counted from the tribe of Ephraim were 40,500. Gosa Efreemii keessaa worri laakkowame 40,500.
34 Manasseh's descendants, listed by clans and families, by name, each man twenty years or older able to serve in the army: Sanyii Minaase'ee keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
35 those counted from the tribe of Manasseh were 32,200. Gosa Minaase'ee keessaa worri laakkowame 32,200.
36 From Benjamin's descendants, recorded by clan and family, by name, every man twenty years old and older, fit for military service: Sanyii Beniyaaminii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
37 those counted from the tribe of Benjamin were 35,400. Gosa Beniyaaminii keessaa worri laakkowame 35,400.
38 From Dan's descendants, listed by clan and family, by name, every man twenty years old and older fit for war: Sanyii Daanii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
39 those counted from the tribe of Dan were 62,700. Gosa Daanii keessaa worri laakkowame 62,700.
40 Asher's descendants, listed by clan and family, by name: every man twenty years old and up, fit for military service. Sanyii Asheerii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
41 Those counted from the tribe of Asher were 41,500. Gosa Asheerii keessaa worri laakkowame 41,500.
42 Naphtali's descendants: by clan and family, counted by name, every man twenty and older fit for war. Sanyii Naftaalemii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
43 Those counted from the tribe of Naphtali were 53,400. Gosa Naftaalemii keessaa worri laakkowame 53,400.
44 Moses, Aaron, and Israel's twelve leaders counted these men, each for his family. Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin Israa'elii kudhanii lamaan maatii ifii bakka bu'anee worri laakkowane isaan kana.
45 All Israel's people were counted by families, every man twenty years old and older, fit to serve in Israel's army. Dhiirti Israa'elii worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu akka maatii isaaniititti laakkowamane.
46 All those counted came to 603,550. Worri laakkowame martinuu wolumatti 603,550.
47 But the Levites were not counted among them by their ancestral tribe. Te'uu malee, maatiin gosa Lewwootaa ammoo gosa dhibii woliin hin laakkowanne.
48 For our Father had said to Moses: Sababille Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
49 "Do not count the tribe of Levi or list them among the Israelites. «Gosa Lewwootaa hin laakkowin yookiin isaan laakkossa Israa'eloota dhibi'iititti hin dabalin!
50 Instead, put the Levites in charge of the tabernacle of the testimony, all its furnishings, and everything belonging to it. They must carry the tabernacle and its furnishings, care for it, and camp around it. Tanaa mannaa, worra Lewwootaa dunkaanii dhugaa bayaa ta ani itti waaqonfamuu fi meya isii keessaa, waan isi'ii mara irratti itti gaafatantoota isaan godhi. Isaan isi'ii fi meya isi'ii mara ba'atanuu ti; isii keessa tajaajilaa, adaala isi'ii qubatanuu ti.
51 When the tabernacle sets out, Levites take it down; when it is pitched, Levites set it up. Any outsider who comes near is to be put to death. Yennaa dunkaanii dhugaa bayaa buqqisanu, worri Lewwootaa buqqisuu ti; yennaa dhaabanulle worri Lewwootaa dhaabuu ti. Nami dhibiin ka isii bira dhaqe ijjeefamuu ti.
52 Israel's people are to camp, each by his own camp, each under his own banner, by their companies. Israa'elooti dhibiin golii golii ifiitiin baandiraa ifii biratti dunkaanii dhaabatanee adduma addaan qubatanuu ti.
53 The Levites must camp around the tabernacle of the testimony, so no wrath falls on the Israelite community; the Levites are to guard the tabernacle of the testimony." Lewwooti ammoo akka ani Israa'elootatti hin mufanne adaala dunkaanii dhugaa bayaatitti qubatanuu ti. Lewwooti dunkaanii dhugaa bayaa eegiisaaf itti gaafatantoota te'anuu ti» jedhe.
54 The people of Israel did everything our Father had commanded Moses; that is exactly what they did. Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti godhane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]