Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 4 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Jesus again taught by the sea. So large a crowd gathered around him that he got into a boat on the water and sat, while the whole crowd was on land by the sea. Yesuus cinaa abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbatteertiiyyu.
2 He taught them many things in parables, and in his teaching he said to them: Yesuus waan hedduu isaan barsiisiisaaf itti mammaakee:
3 "Listen! A sower went out to sow. «Caqasa'a! Namichi tokko midhaan facaasu'uuf baye.
4 And as he sowed, some seed fell along the path, and the birds came and devoured it. Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca'e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte.
5 Other seed fell on rocky ground, lacking much soil, and sprang up at once since the soil had no depth. Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca'e; lafi inni irra harca'e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe.
6 When the sun rose, the plants were scorched, and since they had no root, they withered. Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago'oo waan hin qanneef goge.
7 Other seed fell among thorns, and the thorns grew up and choked it, yielding no grain. Gariin qoree keessa harca'e; qoreelle guddattee isa huute; innille midhaan hin buune.
8 Other seed fell into good soil, producing grain that sprouted, grew, and yielded thirty, sixty, one hundred times what was sown." Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca'e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse!» jedhe.
9 And he said, "Whoever has ears to hear, let him hear." Achiin duuba Yesuus, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uu ti» jedhe.
10 When he was alone, those around him, together with the Twelve, asked him about the parables. Yennaa Yesuus qofi jiru, worri adaala isaa jiranu fi barattooti kudhanii lamaan waan mammaassa kanaa isa gaafatane.
11 He said to them, "To you is given the secret of the kingdom of our Father, but to those outside, everything comes in parables, Yesuus deebisee, «Dhossaan mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama.
12 so that 'they may look but not perceive, and hear but not understand, and not turn and be forgiven.'" Wonni himamuufille, «‹Isaan ilaalanee ilaalaneelle, ijjumaa akka hin dhaggine; dhage'anee dhage'aneelle, ijjumaa akka hin hubanne; gara Waaqaa deebi'anee innille isaaniif akka hin araaranneefii› » isaaniin jedhe.
13 He said to them, "You don't understand this parable? Then how will you understand all the parables? Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Mammaassi kun isiniif hin galuu? Eegasuu attamiin mammaassa dhibii hubattan ree?
14 The sower sows the word. Namichi facaasu jecha Waaqaa facaasa.
15 These are the ones on the path where the word is sown: once they hear, Satan comes immediately and takes away the word sown in them. Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti.
16 These are the ones sown on rocky ground, who hear the word and immediately receive it with joy. Midhaan lafa dhakiti'itti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen gammadaan fudhatanuu ti.
17 But they have no root in themselves, lasting only briefly; when trouble or persecution comes because of the word, they fall away at once. «Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan yennaa ka'u yoosuma jigan.
18 And others are the ones sown among thorns. These are those who hear the word, Midhaan daggala qore'ee keessatti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa caqasuu ti.
19 but worries of this age, the deceit of wealth, and desires for other things enter and choke the word, and it produces no fruit. Ammoo yaaddoon waan lafa tanaa, badhaadhi durumma'aa, halchaan waan adda addaa itti seentee, jecha Waaqaa huutee midhaan adoo hin buusin hafan.
20 And these are the ones sown on good soil: they hear the word, accept it, and produce fruit—thirty, sixty, one hundred times over." Midhaan lafa dansaa keessatti harca'e ammoo, fakkeenna worra jecha Waaqaa dhage'ane fudhatanee, gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buusanuu ti» jedhe.
21 He told them, "Does anyone bring in a lamp to put it under a basket or bed—not on a stand? Yesuus itti aansee, «Nami ifa fidee qorii jala yookiin taqee jala hin keyaa? Addee mudhatutti fannisaa motii?
22 Nothing is hidden except to be revealed; nothing is secret except to surface. Wonni dhokatteertu yoo jiraatte, gara mudhattutti hin baati; wonni dhossa'aa yoo jiraatte, gara ifaatitti hin baati.
23 If anyone has ears to hear, let him hear." Nami gurra dhage'u qabu dhage'uu ti» isaaniin jedhe.
24 He told them, "Watch what you hear. The measure you use will be measured to you—and more added. Yesuus itti dabalee, «Waan dhageettanu qalbeeffadha'a! Waan namaaf ittiin safartanutti isinille'eef hin safarama; caalchifameelle isiniif hin kennama.
25 For whoever has will be given more; whoever doesn't, even what he has will be taken from him." Nama wo qabuuf, itti dabalamee hin kennamaaf; nama womaa hin qanne ammoo, ka inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatama» isaaniin jedhe.
26 He said, "This is what the kingdom of our Father is like: a man scatters seed on the ground. Yesuus itti aansee, «Mootummaan Waaqaa nama ficha'atti midhaan facaasee fakkaatti.
27 Night and day, asleep or awake, the seed sprouts and grows, though he doesn't know how. Namichi galee halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; midhaan sun ammoo adoo inni hin beekin mudhee guddata.
28 The soil yields grain on its own—first blade, then head, then full kernel in the head. Biyyeen ifumaan akka midhaan latee guddatu gooti; dursee mudhee obba, itti aansee daraara, achiin duuba midhaan buusa.
29 But when the grain ripens, he immediately sends the sickle, since harvest has come." Yennaa midhaan sun bilchaate, haammaan waan geetteef, yennuma san inni haantu'uun haama» jedhe.
30 He said, "What can we compare the kingdom of our Father to, or what parable can we use for it? Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessina? Yookiin mammaassa kamiin isii hinna?
31 It's like a mustard seed, the smallest of all seeds when sown on the ground. Isiin akka midhaan Sanaafici'ii ti. Midhaan isi'ii yennaa lafatti facaafamu midhaan biyya lafaa maraa irra hin diqqaata.
32 Yet once sown, it grows up and becomes the largest of all garden plants, producing branches so big that birds of the air can nest in its shade." Inni yennaa facaafame, latee hin guddata; waan ficha'atti facaafame maraa irra ka caalu te'a; dameelee gugurdoo hin baasa. Sinbirreen dhuttee gaaddisa damee isaa jalatti mana ijaarratti» jedhe.
33 With many such parables he spoke the word to them, as they were able to hear. Yesuus mammaassa hedduu ka kana fakkaatuun haga hubantii isaaniititti jecha isaanitti hime.
34 He spoke to them only in parables, but privately explained everything to his own disciples. Inni mammaassaan malee isaanitti hin dubbanne; ammoo yennaa barattoota ifii woliin qofi jiru, waan maraa isaanii hiike.
35 That day, when evening came, he said to them, "Let us cross over to the other side." Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, «Ka'aa, gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe.
36 They left the crowd and took him along, just as he was, in the boat, other boats accompanying him. Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane.
37 A fierce windstorm came up. Waves broke over the boat, so that it was already being swamped. Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin bisaanii hobolo'otti dhangalaatee guutiisa geette.
38 But Jesus was asleep in the stern on the cushion. They woke him and said, "Teacher, don't you care that we're dying?" Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa'a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane.
39 He got up, rebuked the wind, and told the sea, "Peace! Be still!" The wind stopped, and it grew totally calm. Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e.
40 He said to them, "Why are you so afraid? Do you still have no faith?" Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe.
41 They were terrified and asked one another, "Who then is this, that even the wind and the sea obey him?" Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe'ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]