Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 5 guj

Show guj only
Verse × ×
1 They came to the other side of the sea, to the region of the Gerasenes. Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa dhufane.
2 As Jesus left the boat, a man with an unclean spirit met him at once, from the tombs. Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu'een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe.
3 He lived among the tombs, and no one could bind him anymore, not even with a chain. Namichi kun irreensota odduu le'eera; eennulle wodaroo sibiilaatiille'een isa hidhuu hin dandeenne.
4 For he'd often been bound with shackles and chains, but tore the chains apart and shattered the shackles—no one had strength to subdue him. Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukkutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne.
5 Night and day, among the tombs and on the mountains, he cried out constantly, cutting himself with stones. Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu irreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle'een ifi duguugaa ture.
6 And when he saw Jesus from a distance, he ran and fell down before him. Inni fago'otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee,
7 Shouting loudly, he said, "What do you want with me, Jesus, Son of the Most High God? I beg you by God, don't torment me!" iyyee lallabee, «E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!» jedhe.
8 For Jesus had been saying to him, "Come out of the man, you unclean spirit!" Yesuus isaan, «Ati ayyaana hama'a, namicha kana keessaa bayi!» waan jedheeruuf, inni akkana jedhe.
9 Jesus asked, "What is your name?" "Legion," he said, "we are many." Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafate. Innille, «Maqaan kiyya duula; nuuti baca'a» jedhee deebise.
10 He kept begging him not to send them out of the region. Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate.
11 Now a great herd of pigs was feeding there on the hillside. Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu.
12 And they begged him, "Send us to the pigs; let us enter them." Maarre ayyaanoti hamooti sun, «Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!» jedhanee Yesuus kadhatane.
13 He gave permission. The unclean spirits came out and entered the pigs; the herd—about 2,000—rushed down the cliff into the sea and drowned in the sea. Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
14 The herders fled and told it in town and country; people came to see what happened. Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te'e kana ilaalu'uuf dhufane.
15 They came to Jesus and saw the man who had been possessed by the demons, the one who'd had the legion, sitting there, dressed and thinking clearly—and they were afraid. Yesuus bira yennaa geyane, namichi duula ayyaana hama'aatiin qabamee ture sun woyaa uffatee, qalbiin deebitee achi te'eeruun dhagganee sodaatane.
16 Eyewitnesses told them what had happened to the demon-possessed man, and about the pigs. Worri dhaggane sun, waan namichi ayyaanni hamaan keessa ture sunii fi booyyoti maan akka te'ane kolba'atti odeessane.
17 And they began to beg Jesus to leave their region. Achiin duuba isaan akka Yesuus adaala biyya isaaniitii deemuuf gaafatane.
18 As he was getting into the boat, the once-possessed man begged to be with him. Yesuus achii deemiisaaf adoo hoboloo yaabiisatti jiruu, namichi ayyaana hama'aan qabameeru sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate.
19 But Jesus refused, telling him instead, "Go home to your own people and tell them how much our Father has done for you, and how he has had mercy on you." Yesuus ammoo didee, «Gara manaa keetii deebi'ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si'iif godhe, attam akka inni si'iif arjoome worra keetiif himi!» isaan jedhe.
20 He went and began proclaiming in the Decapolis all Jesus had done for him, and everyone was amazed. Maarre namichi deemee, biyya qachoota kudhan jedhantu keessatti, waan guddoo Yesuus isaaf godhe maraa odeesse. Worri dhage'ane martinuu jajane.
21 When Jesus crossed again by boat to the other side, a large crowd gathered around him by the sea. Yesuus deebi'ee hobolo'oon gara abbaaya'aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya'aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante.
22 One of the synagogue leaders, named Jairus, came, saw Jesus, and fell at his feet, Bulchitoota Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee,
23 and begged him urgently, "My little daughter is dying. Come, lay your hands on her, so she may be healed and live." «Intalti tiyya diqqayyittiin dhukkuffattee du'iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne'ee koyiitii harka keeti isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate.
24 So Jesus went with him. And a great crowd followed him and pressed around him. Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane.
25 And there was a woman with a discharge of blood that had gone on for twelve years. Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi'ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu.
26 She had suffered much under many doctors, spent all she owned, gained nothing, and only grew worse. Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne.
27 Hearing about Jesus, she came up behind him in the crowd and touched his cloak. Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe.
28 For she kept saying, "If I just touch his garments, I will be made well." Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte.
29 Her flow of blood dried up instantly, and she felt in her body that she was healed of her suffering. Yennuma san dhiigi isi'ii lola'uu lakkisee, dhibee ifii irralle'ee akka fayyite itti dhage'ame.
30 At once Jesus, aware that power had left him, turned around in the crowd and asked, "Who touched my clothes?" Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu'utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate.
31 His disciples said to him, "You see the crowd crushing you, yet you ask, 'Who touched me?'" Barattooti isaa, «Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» isaan jedhane.
32 And he looked around to see who had done it. Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale.
33 But the woman, afraid and trembling, knowing what had happened to her, came, fell before him, and told him the whole truth. Dubartittiin waan isi'iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte.
34 He told her, "Daughter, your faith made you well. Go in peace, healed of your suffering." Yesuus isi'iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle'ee fayyi» jedhe.
35 While he was still speaking, people came from the synagogue leader's house, saying, "Your daughter has died. Why bother the Teacher any longer?" Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufanee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?» isaan jedhane.
36 But Jesus overheard what they said and told the synagogue leader, "Don't fear, only believe." Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa saniin, «Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!» jedhe.
37 And he allowed no one to follow him except Peter, James, and John the brother of James. Yesuus: Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisii obboleessa Yaaqoobii malee, nami tokkolle isa gula mana namichaa akka dhaquuf hin barbaanne.
38 They came to the synagogue leader's house and Jesus saw chaos—people weeping, wailing loudly. Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi bowaa wiiccifatanu dhagge.
39 Entering, he said to them, "Why this commotion and crying? The child isn't dead, just asleep." Inni mana seenee, «Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» isaaniin jedhe.
40 They laughed at him. But he sent them all out, took the child's father and mother and his companions, and entered where the child was. Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene.
41 He took her hand and said to her, "Talitha koum," which means, "Little girl, I say to you, get up!" Harka isi'ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen; akkas jechuun «Intala diqqayyoo! Ol ka'i!» jechu'u.
42 At once the girl got up and walked—for she was twelve—and they were instantly overwhelmed with great amazement. Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane.
43 He strictly ordered them to tell no one of this, and said to give her something to eat. Yesuus ammoo, akka isaan eennulle'etti hin hinne jabeessee seere. Achiin duuba «Waan nyaattu isi'iif kenna'a!» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]