Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Once again Jesus entered the synagogue, and a man with a withered hand was there. Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu.
2 They watched closely to see if he'd heal the man on the Sabbath, to accuse Jesus. Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu.
3 Jesus said to the man with the withered hand, "Stand up and come forward." Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe.
4 Then he asked them, "Is it lawful on the Sabbath to do good or to do harm, to save life or to kill?" But they stayed silent. Achiin duuba jaralle'een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansaa moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane.
5 He looked around at them in anger, grieved by their hardness of heart, and told the man, "Stretch out your hand." He stretched it out, and his hand was restored. Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi'ee fayye.
6 Then the Pharisees went out and immediately began plotting with the Herodians how they might destroy him. Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane.
7 Jesus withdrew with his disciples to the sea; a large crowd from Galilee followed, and from Judea, Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii,
8 from Jerusalem, Idumea, beyond the Jordan, and the region around Tyre and Sidon—hearing all he was doing, a great crowd came to him. qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ta gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte.
9 He told his disciples to keep a small boat ready, because of the crowd, so they wouldn't crush him. Gumiin guddoon sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime.
10 For he had healed so many that all who had diseases were pressing forward to touch him. Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane.
11 Whenever the unclean spirits saw him, they fell before him, shouting, "You are the Son of God!" Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhanee iyyane.
12 But he firmly warned them not to reveal him. Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje.
13 Jesus went up the mountain and called those he wanted; they came to him. Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane.
14 He appointed twelve, named apostles, so they could be with him and he could send them out to preach, Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu,
15 and to have authority to drive out demons. durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.
16 These are the twelve he appointed: Simon, to whom he gave the name Peter; Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni «Pheexroos» jedhee moggaase,
17 James son of Zebedee, and John his brother, whom he named Boanerges, meaning Sons of Thunder; Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni «Bo'anerges» jedhee moggaase; akkas jechuulle, «Ilmaan Mandiisu'uu» jechu'u.
18 Andrew, Philip, Bartholomew, Matthew, Thomas, James son of Alphaeus, Thaddaeus, Simon the Zealot, Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii «Hinaatticha» jedhamee beekkamee fi
19 and Judas Iscariot, who betrayed him. Yihudaa nama qachaa keriyootii, ka isa dabarsee kenne.
20 He went home; the crowd gathered again, so he and his disciples couldn't even eat. Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante.
21 When his family heard, they went out to restrain him, for they said, "He's out of his mind." Kolbaan, «Inni maraateera» waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane.
22 The scribes who came down from Jerusalem said, "He has Beelzebul," and, "By the prince of demons he drives out demons." Barsiisoti Seeraa worri Yerusaalemii dhufane ammoo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» Yesuusiin jedhane.
23 So Jesus called them to him and spoke in parables: "How can Satan drive out Satan? Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, «Attamiin Seexanni Seexana baasuu dande'a?
24 If a kingdom is divided against itself, that kingdom cannot stand. Mootummaan takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti.
25 And if a house is divided against itself, that house will not be able to stand. Maatiin takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti.
26 And if Satan opposes himself and is divided, he cannot stand; his end has come. Maarre Seexannille ifi falmee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaa ti malee dhaabbachu'uuf hin dande'u.
27 No one can enter a strong man's house and take his goods without first tying up the strong man—then he can plunder the house. «Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa saamu'uuf hin dande'a.
28 Truly I tell you, all sins and insults against God will be forgiven children of mankind, whatever they say, «Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama.
29 but whoever blasphemes against the Holy Spirit never has forgiveness; they are guilty of an eternal sin," Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu bara baraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.
30 for they were saying, "He has an unclean spirit." Yesuus sababa kolbaan, «Inni ayyaana hamaa qaba» jetteertuuf akkana jedhe.
31 His mother and brothers arrived and, standing outside, sent to him, calling him. Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane.
32 A crowd sat around him and said to him, "Look, your mother and your brothers are outside, asking for you." Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran» jedhane.
33 He answered them, "Who are my mother and my brothers?" Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe.
34 Looking around at those sitting in a circle around him, he said, "Here are my mother and my brothers! Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, «Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana!
35 Whoever does the will of our Father is my brother and sister and mother." Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]