Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 A few days later, when Jesus came back to Capernaum, word spread that he was home. Guyyaa diqqa'aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi'ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette.
2 So many gathered that there was no room left, not even at the door, and he was speaking the word to them. Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu,
3 Then some men came, bringing to him a paralyzed man carried by four of them. jarri takka nama afur te'anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba'atanee gara Yesuusii fidanee dhufane.
4 Unable to bring him to Jesus because of the crowd, they removed the roof over him, dug through it, and lowered the mat the paralyzed man lay on. Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba'aan heellichoo manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane.
5 When Jesus saw their faith, he said to the paralyzed man, "Son, your sins are forgiven." Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
6 Now some of the scribes were sitting there, reasoning in their hearts, Barsiisoti Seera Muuse'ee ka achi tetee'aneeranu tokko tokko,
7 "Why does this man speak this way? He is blaspheming! Who can forgive sins but God alone?" «Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande'a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
8 Immediately Jesus knew in his spirit they were reasoning this way within themselves, and said to them, "Why are you reasoning these things in your hearts? Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba'aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan?
9 Which is easier—telling the paralyzed man, 'Your sins are forgiven,' or, 'Get up, take your mat, and walk'? Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu'utti kaso'o?
10 But so you'll know the Son of Man has authority on earth to forgive sins"—he told the paralyzed man, Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween,
11 "I say to you, get up, take your mat, and go home." «Ani si'iin jedha, ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
12 He got up, immediately took his mat, and went out before them all, so that everyone was amazed and praised our Father, saying, "We've never seen anything like this." Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.
13 Jesus went out beside the sea again; the whole crowd came to him, and he taught them. Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise.
14 Passing by, he saw Levi son of Alphaeus sitting at the tax booth and said, "Follow me." He got up and followed him. Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ka'ee isa hordofe.
15 While Jesus reclined at the table in Levi's house, many tax collectors and sinners reclined with Jesus and his disciples, since many were following him. Eega san Yesuus mana Lewwi'iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori'itti hiiqanee tetee'aneeraniiyyu.
16 Seeing him eat with sinners and tax collectors, the Pharisees' scribes asked his disciples, "Why does he eat with tax collectors and sinners?" Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, «Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?» jedhanee barattoota isaa gaafatane.
17 Hearing this, Jesus said to them, "The healthy don't need a doctor, but the sick do. I didn't come to call the righteous, but sinners." Yesuus waan kana dhage'ee, «Namoottaan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
18 John's disciples and the Pharisees were fasting. They came and asked him, "Why do John's disciples and the Pharisees' disciples fast, but yours don't?" Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, «Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?» jedhanee isa gaafatane.
19 Jesus said to them, "Can wedding guests fast while the bridegroom is with them? As long as they have the bridegroom with them, they cannot fast. Yesuus ammoo deebisee, «Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu.
20 But days will come when the bridegroom is taken from them; then, on that day, they will fast. Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyyaa san laaman.
21 No one sews unshrunk cloth on an old garment; otherwise the new patch tears away from the old, and the tear worsens. «Woyaa dullatti'itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erbeen haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurachiittee hin tarsaatti; tarsa'iisi isi'iille ka qaraa ka caalu te'a.
22 No one puts new wine into old wineskins; the wine bursts the skins, and both are ruined. New wine goes into new wineskins." Akkasuma daadhii Woyni'ii ta hin bayin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi'ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qaddi» isaaniin jedhe.
23 One Sabbath, he walked through the grainfields, and as they went, his disciples began picking heads of grain. Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane.
24 The Pharisees said to him, "Look, why are they doing what's not lawful on the Sabbath?" Fariisaayoti Yesuusiin «Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?» jedhane.
25 And he said to them, "Have you never read what David did when he was in need and hungry, he and those with him, Yesuus deebisee, «Daawiti waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee?
26 how he entered the house of our Father in the days of Abiathar the high priest, ate the bread of the Presence—which only priests may eat—and gave some to those with him?" Bara Abiyaataar Hayyicha Guddaa te'eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» isaaniin jedhe.
27 And he said to them, "The Sabbath was made for people, not man for the Sabbath. Achiin duuba Yesuus «Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne.
28 So the Son of Man is Lord even of the Sabbath." Maarre Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta'a» isaaniin jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]