Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The beginning of the gospel of Jesus Christ, the Son of our Father. Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana.
2 As written in Isaiah the prophet: "Look, I send my messenger ahead of you, who will prepare your way. Kitaaba Isaayaasii raagichaa keessatti, «Kunoo, Ani ergamaa kiyya ka karaa si'iif qopheessu si'iin dura erga.
3 A voice calling out in the wilderness: 'Prepare the way of the Lord, make his paths straight.'" Lafa goomole'ee keessatti nami tokko, ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!› jedhaa iyya» jedhantee akkuma barreeffante.
4 John appeared, baptizing in the wilderness and proclaiming a baptism of repentance for the forgiveness of sins. Yohaannisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhaa lallabaa dhufe.
5 All Judea and everyone in Jerusalem went out to him, and he baptized them in the Jordan River as they confessed their sins. Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane.
6 John was dressed in camel's hair, with a leather belt around his waist, eating locusts and wild honey. Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma hollaa nyaataa ture.
7 He announced: "After me comes one stronger than I; I'm not worthy to stoop and untie his sandal strap. Inni, «Ka na caalu na duubaan dhufaara; ani gad jedhee hidhaa kophee isaalle hiiku'uuf nama te'uu moti.
8 I have baptized you with water, but he will baptize you with the Holy Spirit." Ani bisaaniin isin cuupha; inni ammoo Ayyaana Woyyichaan isin cuupha» jedhee lasse.
9 In those days Jesus came from Nazareth of Galilee and was baptized by John in the Jordan. Eegi san adoo hin turin Yesuus, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu dhufee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphame.
10 Immediately, as he came up out of the water, he saw the heavens split open and the Holy Spirit come down on him like a dove. Akkuma Yesuus bisaan keessaa bayeen, ol-gubbaan saaqantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'uun dhagge.
11 And a voice came from heaven: "You are my beloved Son; in you I delight." Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya ka ani jaaladhu; ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.
12 And immediately the Holy Spirit drove him out into the wilderness. Yennuma san Ayyaanni Waaqaa akka Yesuus gara lafa goomole'ee dhaqu tolche.
13 He was in the wilderness forty days, tempted by Satan, with the wild animals, and the angels served him. Yesuus lafa goomole'ee keessa guyyaa afurtama Seexanaan ataabamaa ture. Achitti bineensota woliin ture; ergantooti Waaqaalle isa tajaajilane.
14 Now after John was arrested, Jesus came into Galilee, proclaiming the gospel of our Father, Yohaannisiin cuuphaan gara mana hidha'aa dabarfamee kennameen duuba, Yesuus gara Galiila'aa dhufee, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte lallabe.
15 and saying, "The time is fulfilled, and our Father's kingdom is near; repent and believe the good news." Inni, «Barri muummaweera, mootummaan waaqaa dhikaatteerti, cubbuu irraa deebi'aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha'a!» jedhe.
16 Passing the Sea of Galilee, he saw Simon and his brother Andrew casting a net in the sea, for they were fishermen. Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo tiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge.
17 And Jesus said to them, "Follow me, and I will make you become fishers of people." Inni isaaniin, «Ana faana kowa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe.
18 And immediately they left their nets and followed him. Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane.
19 Going a little farther, he saw James son of Zebedee and John his brother in their boat, mending the nets. Yesuus haga diqqoo ideemee, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, hoboloo ifii keessatti caccoota ifii mimmidhaffatanuun dhagge.
20 At once he called them; leaving their father Zebedee in the boat with the hired hands, they followed him. Inni akkuma dhaggeen isaan waame; isaanille abbaa ifii Zabdewoos hojjattoota woliin hoboloo keessatti lakkisanee Yesuus faana deemane.
21 They went to Capernaum. At once, on the Sabbath, he entered the synagogue and began teaching. Yesuusii fi barattooti isaa gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqane; guyyaa Sanbata itti aanuu Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee barsiise.
22 They were amazed at his teaching, for he taught them with authority, not like the scribes. Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka inni itti barsiise jajane.
23 And immediately there was in their synagogue a man with an unclean spirit, and he cried out. Yennuma san namichi ayyaana hama'aan qabameeru tokko Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee,
24 Why meddle with us, Jesus of Nazareth? Have you come to destroy us? I know who you are—God's Holy One! «Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu teeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!» jedhe iyye.
25 But Jesus rebuked him, saying, "Be silent, and come out of him!" Yesuus ayyaana hama'aan «Cadhisi! Keessalle'ee bayi» jedhee xixe.
26 And the unclean spirit, convulsing him and crying out with a loud voice, came out of him. Ayyaanni hamaan sun namicha gajassiisee, qoonqoo guddo'oon iyyee keessaa baye.
27 All were amazed, and they questioned each other: "What is this? A new teaching with authority - he commands even the unclean spirits, and they obey him!" Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, «Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman» jettee wol woliin dudubbatte.
28 And at once his fame spread everywhere throughout all the surrounding region of Galilee. Gurri isaa adoo hin turin lafa Galiila'aa duudii keessatti addee maratti dhage'ame.
29 Immediately he left the synagogue and went to Simon and Andrew's house, with James and John. Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii akkuma bayeen, Yaaqoobii fi Yohaannis woliin mana Simooniitii fi Indiryaasii dhaqe.
30 Now Simon's mother-in-law lay sick with a fever, and immediately they told him about her. Yennaa inni achi gewu haat-sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee irkatteerti; yoosuma dhibee isi'ii tana isatti himane.
31 He came, took her hand, raised her up. The fever left her, and she served them. Yesuus itti dhikaatee, harka isi'ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o'isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte.
32 That evening, when the sun set, they brought him all who were sick and those oppressed by demons. Galgala san aduun seenteen duuba, worra dhibamanee fi worra durriisotaan qabamane maraa gara isaa fidane.
33 And the whole city was gathered together at the door. Kolbaan qachaa sanii martinuu balbala duratti wolitti qabante.
34 He healed many sick with various diseases and drove out many demons, not letting the demons speak, since they knew him. Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge.
35 Long before dawn, while still dark, he got up, went out to a deserted place, and prayed there. Barii halkaniin, boruun adoo hin diimatin Yesuus ka'ee, manaa gad bayee addee nami hin jirre dhaqee, achitti daadimate.
36 And Simon and those who were with him searched for him, Simoonii fi worri isa woliin turane ammoo Yesuus barbaassa bayane.
37 and they found him and said to him, "Everyone is looking for you." Isaan yennaa isa dhaggane, «Namooti martinuu si barbaadiisatti jiran» jedhaneen.
38 He said, "Let us go elsewhere, to the neighboring towns, so I can preach there too, for that is why I came." Yesuus ammoo, «Wonni Ani dhufeef lallabiisaaf waan te'eef, ka'aa gara olloota nu'utti aananuu dhandha, ani achille'etti lallabu'uu male» isaaniin jedhe.
39 And he went throughout all Galilee, preaching in their synagogues and casting out demons. Maarre, Yesuus lafa Galiila'aa maraa keessa deddeemee, manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti lallabee, durriisotalle baase.
40 A man with leprosy came, knelt, and begged him, "If you're willing, you can make me clean." Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, «Yoo fedha keeti te'e na fayyisuu hin dandeetta» jedhee isa gaafate.
41 Moved with deep compassion, he stretched out his hand, touched him, and said to him, "I am willing; be clean." Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» isaan jedhe.
42 And immediately the leprosy left him, and he was made clean. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye.
43 Sternly warning him, he sent him away at once, Achiin duuba Yesuus namichaan,
44 and told him, "Make sure you tell no one—but go, show yourself to the priest, and offer what Moses commanded for your cleansing, as proof to the people." «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee, jabeessee, seeree, isa erge.
45 But he went out, proclaiming it freely and spreading the news, so Jesus could no longer enter a town openly, but stayed in lonely places. Yet people came to him from everywhere. Namichi ammoo achii deemee, akkuma dhagge haasowee oduu biyyaan geye. Kanaaf Yesuus addee qoommi'iititti ture malee, qaaleyaan gara qacha'aa seenu'uuf hin dandeenne. Kolbaan ammoo addee maraa gara isaa dhutte.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]