Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 16 guj

Show guj only
Verse × ×
1 When the Sabbath ended, Mary Magdalene, Mary the mother of James, and Salome bought spices to go anoint him. Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobii, Saloomeelle dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane.
2 Very early on the first day of the week, just after sunrise, they went to the tomb. Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awwaalaa dhaqane.
3 They asked each other, "Who will roll the stone away from the tomb's entrance for us?" Isaan kara'atti, «Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?» woliin jedhane.
4 But looking up, they saw the stone—very large—already rolled away. Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane.
5 They entered the tomb and saw a young man dressed in a white robe, seated on the right. They were alarmed. Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.
6 "Don't be alarmed," he said. "You're looking for Jesus the Nazarene, who was crucified. He's risen—he isn't here. Look, the place they laid him. Inni ammoo, «Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a!
7 But go, tell his disciples and Peter, 'He goes ahead of you to Galilee. You will see him there, as he told you.'" Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan› jedha'aa hima'a» isaaniin jedhe.
8 Trembling and amazed, the women fled the tomb, telling no one—they were afraid. Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa bayanee baqatane. Isaan waan sodaataneeranuuf eennulle'etti womaa hin dubbanne. [
9 Rising early the first day of the week, Jesus appeared first to Mary Magdalene, from whom he had driven seven demons. Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Maariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate.
10 She went and told those who had been with him, who were mourning and weeping. Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo bowiisatti jiranuu dhaxxee hinte.
11 Hearing Jesus was alive and seen by her, they did not believe it. Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhugeeffanne.
12 Afterward Jesus appeared, in a different form, to two of them walking in the country. Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu akka dhibi'iin itti mudhate.
13 They went back and reported it to the others, but they did not believe them either. Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne.
14 Later Jesus appeared to the eleven as they reclined at a meal and rebuked their lack of faith and hardness of heart, because they hadn't believed those who saw him risen. Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame.
15 He said to them, "Go into all the world and proclaim the good news to all creation. Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a.
16 Whoever believes and is baptized will be saved, but whoever does not believe will be condemned. Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama.
17 And these signs will follow those who believe: in my name they'll drive out demons, speak in new tongues. Worri natti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan;
18 They will pick up snakes with their hands; if they drink deadly poison, it won't harm them; they will lay hands on the sick, and they will recover." Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya» isaaniin jedhe.
19 After speaking to them, the Lord Jesus was taken up into heaven and sat at the right hand of our Father. Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e.
20 They went out and preached everywhere, the Lord working with them, confirming his word through accompanying signs. Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]