Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 15 guj

Show guj only
Verse × ×
1 At dawn the chief priests, elders, scribes, and the whole council consulted together, bound Jesus, led him away, and handed him over to Pilate. Barii halkaniin sooreyyiin hayyootaa: maanguddoota, barsiisota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane.
2 Pilate asked him, "Are you the King of the Jews?" "You say so," Jesus replied. Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaa tii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise.
3 The chief priests kept accusing him of many things. Sooreyyiin hayyootaa waan heddu'uun isa himatane.
4 So Pilate questioned him again: "Have you no answer? See how many charges they bring against you." Philaaxoos ammalle, «Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?» jedhee Yesuus gaafate.
5 But Jesus said nothing more, and Pilate was amazed. Yesuus ammoo, ammalle womaa hin deebinne; Philaaxoos waan kana baaseffate.
6 Now at the festival, Pilate used to release one prisoner for them—whoever they asked for. Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba.
7 A man called Barabbas was in prison with the rebels who had committed murder during the uprising. Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeesanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira.
8 The crowd came up and began asking Pilate to do for them what he always did. Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte,
9 "Do you want me to release for you the King of the Jews?" Pilate answered, inni, «Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?» jedhee isaan gaafate.
10 for he knew it was out of envy that the chief priests had handed him over. Inni sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera.
11 But the chief priests stirred up the crowd to have him release Barabbas for them instead. Sooreyyiin hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane.
12 "So what do you want me to do with the one you call King of the Jews?" Pilate asked them again. Philaaxoos ammalle, «Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?» jedhee gumii gaafate.
13 Crucify him!" they shouted back. Isaan, «Isa fannisi!» jedhanee hogisane.
14 "Why? What evil has he done?" Pilate asked. But they shouted all the louder, "Crucify him!" Philaaxoos, «Maaf akkana jettan? Maan yakke?» jedhee gaafate. Isaan ammoo, «Isa fannisi!» jedhanee guddisanee hogisane.
15 To satisfy the crowd, Pilate released Barabbas to them. He had Jesus flogged, and handed him over to be crucified. Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.
16 Soldiers led him away into the palace (the governor's headquarters) and called together the whole company of soldiers. Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane.
17 They dressed him in purple, twisted together a crown of thorns, and set it on him. Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane.
18 And they began to salute him: "Hail, King of the Jews!" Achiin duuba isaan, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa nageya fuudhane.
19 They kept beating his head with a staff, spat on him, and knelt in mock homage to him. Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiiffatanee, isaa sagadane.
20 After mocking him, they stripped off the purple and put his own clothes on him, then led him out to crucify him. Isaan itti taphataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane.
21 They forced a passerby coming from the countryside—Simon of Cyrene, father of Alexander and Rufus—to carry his cross. Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane.
22 They brought Jesus to the place called Golgotha (which means Place of a Skull). Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee «Buqqii mata'aa» jedhantu geessane.
23 They offered him wine mixed with myrrh, but he did not take it. Achitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate.
24 They crucified him. They divided his clothes among them, casting lots for what each would get. Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane.
25 It was nine in the morning when they crucified him. Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii saatii sad.
26 The written notice of the charge against him read: THE KING OF THE JEWS. Beessisi yakkaa inni itti himatamee, «Mooticha Yihudootaa» jedha.
27 They crucified two rebels with him, one on his right and one on his left. Isaan alagaltoota lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [
28 Not in this edition Akka kanaan Barreeffam Woyyichi, «Inni yakkaameyyii woliin laakkowame» jedhu muummowe.]
29 Those passing by insulted him, shaking their heads, saying, "Ha! You who tear down the temple and build it in three days, Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, «Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu!
30 save yourself and come down from the cross!" Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa Yesuus arrassane.
31 Likewise the chief priests and scribes mocked him among themselves: "He saved others; himself he can't save. Akkasuma sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, «Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u!
32 Let the Christ, King of Israel, come down from the cross now, so we can see and believe." Those crucified with him also insulted him. Inni Masiihii, Mootii Israa'el yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffanna!» jedhane. Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrassane.
33 At noon, darkness came over the whole land until three in the afternoon. Orraa saatii jaan jalqabee, haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte.
34 At three in the afternoon Jesus cried out loudly, "Eloi, Eloi, lema sabachthani?" meaning, "My God, my God, why have you forsaken me?" Saatii sagalitti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf na lakkittee?» jechu'u.
35 When some of those standing nearby heard this, they said, "Listen, he's calling Elijah." Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, «Dhage'aa, inni Eliyaas waamiisatti jira» jedhane.
36 One ran, filled a sponge with sour wine, put it on a reed, and gave him a drink. "Let him be," he said, "let's see if Elijah comes to take him down." Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, «Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!» jedhe.
37 With a loud cry, Jesus breathed his last. Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.
38 And the curtain of the temple was torn in two from top to bottom. Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e.
39 The centurion facing Jesus saw how he breathed his last and said, "Truly this man was the Son of God." Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, «Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhe.
40 Women were also watching from a distance, including Mary Magdalene, Mary the mother of James the younger and Joses, and Salome. Dubartooti gariin fagaatanee ilaaliisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran.
41 These women had followed him in Galilee and served him; many others who came up with him to Jerusalem were also there. Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.
42 Evening had come, and since it was Preparation Day—the day before the Sabbath. Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa,
43 Joseph of Arimathea, a prominent council member who himself was waiting for the kingdom of our Father, dared to go to Pilate and ask for Jesus' body. Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootummaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate.
44 Pilate was surprised he was already dead; summoning the centurion, he asked if Jesus had been dead long. Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate.
45 When he learned from the centurion that it was so, he granted the body to Joseph. Philaaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reeffa Yoseefiif kenne.
46 Joseph bought linen, took the body down, wrapped it in the cloth, and laid it in a tomb cut from rock. Then he rolled a stone against the tomb's entrance. Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche.
47 Mary Magdalene and Mary the mother of Joses saw where he was laid. Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]