1Two days before Passover and Unleavened Bread, the chief priests and scribes were looking for a way to seize Jesus by trickery and kill him.gujAmma, Jila Irra Dabaramaatii fi Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetiif guyyaa lamatti hafeera. Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuus attamiin akka qabanee ijjeesanu dhokaataan mari'atane.
2For they said, "Not during the feast, or the people might riot."gujIsaan, «Kolbaan waan raafantuuf yennaa jilaa tana hin tolchinu» jedhane.
3While he was in Bethany, in Simon the leper's house, reclining at the table, a woman came with an alabaster flask of pure nard perfume, very costly. She broke the flask and poured it on his head.gujYesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dur qabameeruutitti adoo areerratiisatti jiruu, dubartiin takka fiqiree makaa hin qanne ta hidda muka naardoosii irraa hujante, ta gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii irraa hujame guutuu fidde; duloo san cassitee fiqiree san mataa Yesuusiititti naxxe.
4There were some who said to themselves indignantly, "Why was this perfume wasted like that?gujNami gariin ammoo aaree, «Fiqireen tun maaf akkanaan baddi?
5For this perfume could have sold for over 300 denarii and given to the poor." And they scolded her.gujFiqireen tun silaa mindaa woggaa tokkoo caala'atti gurgurantee, beeseen sun hiyyeeyyi'iif hin kennamaayyu» woliin jedhanee, hincinnayanee isii malchane.
6But Jesus said, "Leave her alone. Why trouble her? She has done a beautiful thing for me.gujYesuus ammoo, «Isii lakkisa'a! Isin maaf isii rakkittan? Isiin waan dansaa naaf gooteerti.
7For the poor are always with you, and you can do good for them whenever you want; but you won't always have me.gujHiyyeeyyiin yennaa maraa isiniin woliin jiran; yennuma feetane isin isaan qarqaaruu hin dandeettan. Ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu.
8She has done what she could; she has anointed my body beforehand for burial.gujIsiin waan dandeette goote; duraan dursitee nafa kiyyatti fiqiree naxxee awwaalaaf qopheessite.
9Truly, I tell you, wherever the gospel is preached worldwide, what she did will be told in memory of her."gujAni dhugumaan isinitti hima, biyyaa lafaa irratti Oduun Gammadaa addee lallabantu maratti wonni isiin goote kun qaabbii isi'ii te'ee himama» jedhe.
10Then Judas Iscariot, one of the twelve, went to the chief priests to betray Jesus to them.gujAchiin duuba Yihudaan nami biyya Keriyootii barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yesuus dabarsee kenniisaaf gara sooreyyii hayyootaa dhaqe.
11Hearing this, they were glad and promised him money. So he looked for a chance to betray Jesus.gujIsaan waan kana yennaa dhage'ane, gammadanee, beesee isaa kenniisaaf addachiisane. Maarre Yihudaan Yesuus dabarsee kenniisaaf yennaa dagu'uu barbaadate.
12On the first day of Unleavened Bread, when they sacrificed the Passover lamb, his disciples asked him, "Where do you want us to go and prepare for you to eat the Passover?"gujGuyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetitti, yennaa hooleen Jila Irra Dabaramaa qalame, barattooti, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee Yesuus gaafatane.
13He sent two of his disciples, "Go into the city; a man carrying a jar of water will meet you. Follow him,gujYesuus barattoota ifii lamaaniin, «Gara qacha'aa deema'a! Nama tokko ka okkotee bisaanii kaafateeru dhaggitan. Isa faana deema'aatii,
14and wherever he enters, tell the house's owner, 'The Teacher says: Where is my guest room, where I may eat the Passover with my disciples?'gujabbaa mana inni seenuutiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a.
15And he will show you a large upper room furnished and ready; there prepare for us."gujAchiin duuba inni kolloo mana irraa badhoo, ta meya manaatiin guutantee afante takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a» jedhee erge.
16The disciples left, went to the city, found things as he had told them, and prepared the Passover.gujBarattooti sun ka'anee gara qachaa gudda'aa dhaqanee, waan maraa akkuma inni isaanitti hime dhaggane; sagalee Jila Irra Dabaramaalle qopheessane.
17And when it was evening, Jesus came with the twelve.gujYennaa latti galgalootte Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin dhufe.
18While they reclined and ate, Jesus said, "Truly, I tell you, one of you will betray me, one eating with me."gujAdoo isaan qori'itti hiiqanee nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima; isin keessaa nami tokko, ka na woliin nyaatiisatti jiru dabarsee ana hin kenna» jedhe.
19They began to grieve and ask him, one by one, "Is it I?"gujBarattooti laaleffatanee, «Dhugumaan anaan jechuu keetii moti! Jechuu keetii?» jedhanee badoo bado'oon isa gaafatane.
20He said to them, "One of the twelve, dipping bread with me into the dish.gujYesuus isaaniin, «Inni isin nama kudhanii lamaan keessaa tokko, ka na woliin qorii tanatti cuuphataa nyaataaru.
21The Son of Man goes as the Scriptures said about him, but how terrible for that man who betrays him—better if he had never been born."gujIlmi namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a; ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Inni adoo ijjumaa dhalatiisa dhabee jiraatee isaa woyya!» jedhe.
22As they ate, he took bread, blessed it, broke it, gave it to them, and said, "Take; this is my body."gujAdoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, «Fudhadha'a; kun foon kiyya!» jedhe.
23He took a cup, gave thanks, gave it to them, and they all drank from it.gujAchiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane.
24He said to them, "This is my blood of the covenant, poured out for many.gujYesuus «Kun dhiiga kiyya, ka kolbaa heddu'uuf dhangala'e, ka Waaqi ittiin gondoore.
25Truly I tell you, I will not drink wine again until that day when I drink it new in the kingdom of our Father."gujAni dhugumaan isinitti hima; mootummaa Waaqaa keessaatitti haga guyyaa daadhii Woyni'ii haareya unutti ijjumaa deebi'ee daadhii Woyni'ii hin unu» isaaniin jedhe.
26And when they had sung a hymn, they went out to the Mount of Olives.gujAchiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane.
27Jesus said to them, "You will all stumble, for it's written: 'I will strike the shepherd, and the sheep will be scattered.'gujYesuus isaaniin, «Barreeffam Woyyichi, ‹Ani tissee hin dhowa; hoolotille hin xexeeraman›, waan jedhuuf isin martinuu na lakkittanee hin baqattan.
28But after I am raised up, I will go ahead of you to Galilee."gujAni ammoo du'aa ka'een duuba isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa» jedhe.
29Peter said to him, "Even though they all fall away, I will not."gujPheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si lakkisanee yoo baqatanelle ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu!» jedhe.
30Jesus said to him, "Truly I tell you, today, this night, before the rooster crows twice, you will deny me three times."gujYesuus Pheexroosiin, «Ani dhugumaan si'iin jedha; halkanuma kana adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedhe.
31But he insisted, "Even if I must die with you, I will never deny you." They all said the same.gujPheexroos ammoo afaan guutatee «Ani si woliin du'uuf yoo barbaachiselle, ijjumaa si hin mormadhu» jedhe. Isaan martinuu akkasuma jedhane.
32They arrived at a place called Gethsemane, and he told his disciples, "Sit here while I pray."gujYesuusii fi barattooti isaa addee Getesemaanee jedhantu takka dhaqanee, inni isaaniin «Haga Ani daadimadhu asi tee'a'a» jedhe.
33He took Peter, James, and John, and began to feel deep distress and anguish.gujInni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis ifi biratti fuudhee, gaddee laaleffatee,
34He said to them, "My soul is crushed with grief, to death. Stay here and stay alert."gujisaaniin, «Ani qixxee du'aatitti guddoo gadde. Isin as tura'a; dammaqa'a» jedhe.
35Going a little farther, he fell to the ground and prayed that, if possible, the hour would pass from him.gujYesuus haga diqqoo irraa hiiqee lafatti jigee, yoo dande'ame yennaan rakkinnaa sun akka isa irra dabartu, «Abbaa kiyya wonni mara si'iif hin dande'ama; muduunuu rakkinnaa kana na irraa dabarsi! Ammoo akka fedha keetii teetuu malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhee daadimate.
36He said, "Abba, Father, all things are possible for you. Take this cup from me—but let it be your will, not mine."gujNot in this edition
37He returned, found them asleep, and said to Peter, "Simon, are you asleep? Couldn't you stay awake one hour?gujAchiin duuba inni deebi'ee dhufee, barattooti sadiin sun rafaneeranuun dhaggee, Pheexroosiin, «Simoon rateertaa? Saatuma takkaalle dammaxxee tee'iisaaf hin dandeennee?
38Watch and pray, so you don't fall into temptation. The spirit is willing, but the flesh is weak."gujAkka hin ataabanne, dammaqa'aatii daadimadha'a! Ayyaanni namaa hin halcha; foon ammoo dadhaba'a» jedhe.
39And again he went away and prayed, saying the same words.gujInni ammalle achi dhaqee, akkuma angafa jedhe jedhaa daadimate.
40Again he found them sleeping, eyes heavy, not knowing how to answer him.gujYesuus gara barattootaa yennaa deebi'ee dhufe, ilti isaanii waan dunquuqotteertuuf rafaneeranuun dhagge; isaan waan deeffatanulle wollaalane.
41He came a third time and said, "Still sleeping and resting? Enough—the hour has come. Look, the Son of Man is handed over into the hands of sinners.gujInni sadeessoo, yennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Isin ammalle rattanee foorfatiisatti jirtanii? Yoona geette! Saatiin geetteerti! Kunoo, Ilmi namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamaara.
42Rise, let us be going; see, my betrayer is here."gujKa'aa, deemnaa! Kunoo ka ana dabarsee kennu dhikaateera» isaaniin jedhe.
43While he was still speaking, Judas—one of the twelve—arrived, and with him a crowd with swords and clubs from the chief priests, scribes, and elders.gujAdoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, barattoota isaa kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufee biraan baye. Gumiin shallaaga'aa fi ulee-jirma qabatteertu, sooreyyii hayyootaa, barsiisota Seera Muuse'eetii fi maanguddootaan ta ergante isa woliin dhutte.
44His betrayer had given them a signal: "The one I kiss is him—seize him and take him away securely."gujYihudaan, «Nami ani sunqadhu ka isin barbaaddanu. Isa qaba'aatii eegaa fuudha'aa deema'a» jedhee isaaniif beessisa kenneera.
45He came up to Jesus at once, said, "Rabbi!" and kissed him.gujYihudaan akkuma achi geyeen, gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a!» jedhee isa sunqate.
46And they laid hands on him and seized him.gujMaarre isaan Yesuus qabanee hidhane.
47One of the bystanders drew his sword, struck the high priest's servant, and cut off his ear.gujWorra achi dhaabbataneeranu keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra irraa kute.
48Jesus said to them, "Have you come out with swords and clubs to seize me, like a robber?gujAchiin duuba Yesuus isaaniin, «Akka ani yakkaamessaa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee?
49Every day I was with you in the temple teaching, and you didn't arrest me. But let the Scriptures be fulfilled."gujGuyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessatti barsiisaa isinuma woliin ture; isin na hin qanne. Ammoo Barreeffam Woyyichi wonni jedhu mummowiisaa malte» jedhe.
50And they all left him and fled.gujAchiin duuba barattooti martinuu Yesuus lakkisanee baqatane.
51And a young man followed him, wearing nothing but a linen cloth. And they seized the young man,gujDargaggeessi tokko, ka woyaa qoola quncee talba'aa irraa hujante callaa uffateeru isa hordofe. Yennaa isaan isa qabane,
52but he left the linen cloth and ran away naked.gujinni woyaa itti mulqatee, muxuqatee qullaa dheete.
53They led Jesus to the high priest, and all the chief priests and elders and scribes gathered.gujAchiin duuba gara mana hayyicha gudda'aa, addee sooreyyiin hayyootaa, maanguddootii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanu Yesuus geessane.
54Peter had followed at a distance, all the way into the high priest's courtyard, and sat with the guards, warming himself by the fire.gujPheexroos Yesuus irraa fagaatee, haga badhinna dalleya hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, gula deeme. Achitti inni eeddota woliin tee'ee, ibidda qanqaammate.
55The chief priests and the whole council sought testimony against Jesus to put him to death, but found none.gujSooreyyiin hayyootaatii fi korri murti'ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine.
56For many gave false testimony against him, but their testimony did not agree.gujNami hedduun dharaan Yesuus himate; ammoo afaan isaanii tokko hin teene.
57And some stood up and gave false testimony against him, saying,gujAchiin duuba nami gariin ol ka'anee, « ‹Ani Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa saditti ka dhibii ka harka namaatiin hin ijaaranne ijaara›, jedhuun dhageenneerra» jedhanee dharaan itti dhugaa bayane.
58"We heard him say, 'I will destroy this temple made by hands, and in three days build another not made by hands.'"gujNot in this edition
59Yet even about this their testimony did not agree.gujAmmoo teetuu malee wonni isaan jedhane afaan tokko hin teene.
60The high priest stood up in the midst and asked Jesus, "You have no answer? What are these men testifying against you?"gujHayyichi guddaan kora murti'ii duratti ol ka'ee, Yesuusiin, «Waan isaan si himatane kanaaf ati deebii hin qadduu?» jedhee gaafate.
61He stayed silent, answered nothing. Again the high priest asked him, "Are you the Christ, the Son of the Blessed?"gujInni cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammalle hayyichi guddaan isaan, «Masiihiin, Ilmi Waaqa ulfaata'aa si'ii?» jedhee gaafate.
62Jesus said, "I AM, and you will see the Son of Man seated at the right hand of the Mighty One and coming with heaven's clouds."gujYesuus, «Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande'u tee'ee ol-gubba'aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan» jedhe.
63And the high priest tore his clothes and said, "What further witnesses do we need?gujHayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Dhugaa dhibii maaf barbaanna?
64You have heard his blasphemy. What is your decision?" And they all condemned him as deserving death.gujInni Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Murtiin teessan maan ree?» jedhe. Isaan martinuu afaan tokko te'anee, ijjeefamu'uu male jedhanee itti murane.
65Some began spitting on him, covering his face, and punching him, saying to him, "Prophesy!" Then the guards slapped him.gujNamooti gariin Yesuusitti tufanee, ila isaalle hidhanee, «Eentu si dhowe? Me raagii himi» jedhaa tuntummu'uun isa dhowane. Worri eegulle fuudhee isa kakkabale.
66While Peter was below in the courtyard, one of the high priest's servant girls came,gujPheexroos ammalle badhinna dalleyaa keessa adoo jiruu, durroota hayyicha gudda'aaf tajaajiltu keessaa takkaan dhuttee biraan baate.
67seeing Peter warming himself, she looked at him and said, "You too were with the Nazarene, Jesus."gujIsiin Pheexroos ibidda qanqaammatuun yennaa dhaggite, isa hubattee ilaaltee, «Atille Yesuusii biyya Naaziretii woliin jirtaayyu» jetteen.
68But he denied it: "I don't know or understand what you mean." Then he went out to the entrance, and a rooster crowed.gujInni ammoo, «Waawwo'o! Wonni ati dubbatiisatti jirtu kun naaf hin galu» jedhee mormate. Achiin duuba akkuma inni gara hulaa karraa bayeen lukkuun iyyite.
69The servant girl saw him and again told the bystanders, "This man is one of them."gujAmmalle durrittiin tajaajiltittiin tuun isa dhaggitee worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun nama isaanii ti!» jette.
70But he denied it again. A little later the bystanders again told Peter, "You truly are one of them, for you're a Galilean."gujPheexroos ammoo ammalle mormate. Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbateeru Pheexroosiin, «Ati nama Galiila'aa waan teeteef, dhugumaan ati nama isaanii ti» jedhane.
71He began to call down curses on himself and swear, "I don't know this man you're talking about."gujInni ammoo, «Namicha isin jettanu kana ani hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e.
72At once a rooster crowed a second time. Peter remembered Jesus' words: "Before the rooster crows twice, you will deny me three times." He broke down and wept.gujYennuma san lukkuun lammeessoo iyyite. Achiin duuba Pheexroos dubbii Yesuus, «Adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» isaan jedhe qaabatee, laallefatee bowe.