Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 13 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Leaving the temple, one of his disciples said to him, "Teacher, look! What huge stones, what magnificent buildings!" Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisa'a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa'a!» jedhe.
2 Jesus said to him, "Do you see these great buildings? Not one stone will remain here on another; all will be torn down." Yesuus, «Ati ijaarsa gugurdaa kana dhaggitaa? Isaan maraa hin diigaman; tokkochi isaaniille wol irratti hin hafanu» jedheen.
3 As he sat on the Mount of Olives facing the temple, Peter, James, John, and Andrew asked him privately, Yesuus gaara Ejersaa gubba'aa gara Galma Waaqaa gamatti garagalee tee'uun Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiryaas qofitti gara isaa dhufanee,
4 tell us, when will these things happen, and what sign shows all this is about to be fulfilled? «Nutti himi, wonni kun yoom teeti? Wonni kun mara te'iisaaf beessisi te'uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane.
5 Jesus began to tell them: "Watch out that no one deceives you. Yesuus isaaniin, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a!
6 Many will come in my name, claiming, 'I am he,' and they will deceive many. Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduulle hin dokonkorsan.
7 When you hear of wars and rumors of wars, don't be troubled—these must happen, but the end isn't yet. Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti.
8 Nation will rise against nation, kingdom against kingdom, earthquakes in various places, famines—these are the beginning of birth pains. Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; latti addee heddu'uun hin tachooti; beeltille hin teeti. Ammoo kun akka ciniinsuu jalqabaa ti.
9 Watch yourselves. They'll hand you to councils and beat you in synagogues. Because of me you'll stand before governors and kings, as a testimony to them. «Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka naaf dhugaa teetanu, naaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan.
10 And the gospel must first be proclaimed to all nations. Ammoo muummeen dhufiisaan dura, Oduun Gammadaa kolbaa maraaf lallabamuu qaddi.
11 When they arrest and hand you over, don't worry beforehand what to say. Say whatever you're given in that hour—it's not you speaking, but the Holy Spirit. «Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‹Maan dubbanna laati?› jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti.
12 Brother will betray brother to death, father his child. Children will rise against parents and have them put to death. Obboleessi obboleessa, abbaalle ilma gara du'aa dabarsee hin kenna. Ijoolleen worra ifiititti kaatee hin ijjeesisiitti.
13 All will hate you for my name, but whoever endures to the end will be saved. Nami martinuu sababa kiyyaaf isin jibba. Haga muumme'ee ka ossatu ammoo hin fayya.
14 When you see the abomination of desolation standing where it should not be (reader, take note), those in Judea must flee to the mountains. «Isin, ‹Farra badi'ii› addee dhaabbatu'uu hin malle dhaabbatuun hin dhaggittan; kana ka dubbisu hubatuu ti. Worri Yihudaa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti.
15 Let no one on the housetop go down or enter the house to take anything out. Nami mana gubbaa jiru, gad bu'ee mana seenee, wo fudhatiisaaf yennaa hin dabarsin.
16 Let no one in the field go back to get their coat. Nami fichaa keessa jiru, woya'aaf gara manaa hin deebi'in.
17 How dreadful it will be in those days for pregnant women and nursing mothers! Guyyooti sun dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif attam sodaachisa'a!
18 Pray that it will not happen in winter, Wonni kun ganna keessa akka hin teene daadimadha'a!
19 for those days will bring suffering unmatched since our Father created the world until now—and never to be matched again. Guyyooti sun guyyoota rakkinni hamaan itti te'u. Rakkinni akkasii yennaa Waaqi biyyaa lafaa dadeen jalqabee haga ammaatitti ijjumaa te'ee hin beeku. Deebi'eelle hin te'u.
20 Had the Sovereign not shortened those days, no one would survive; but the Sovereign shortened them for the elect he chose. Adoo Goottaan guyyaa san gabaassuu dhabaatee, nami tokkolle hin hafu. Kolbaa ifii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaasse.
21 Then if anyone tells you, 'Look, here is the Christ!' or 'Look, there!' don't believe it. «Yennaa san eennulle isiniin, ‹Ilaala'a! Kiristoos as jira!› yookiin ‹Ilaala'a! Achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a.
22 False christs and false prophets will appear, performing signs and wonders to deceive the elect, if possible. Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan.
23 So be on your guard; I have told you everything ahead of time. If eeggadha'a! Ani dursee waan maraa isinii himeera.
24 But in those days, after that suffering, the sun will darken, and the moon will not give its light; «Guyyootuma san keessa, yennaa rakko'oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi'ee hin ifu.
25 the stars will fall from the sky, and the powers in the heavens will be shaken. Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaati; hunni ol-gubba'aa hin raafanti.
26 Then they will see the Son of Man coming in clouds with great power and glory. Achiin duuba Ilmi Namaa, hunna guddo'oo fi ulfinnaan duumensa keessa dhufuun dhaggitan.
27 He will send his angels and gather his chosen from the four winds, from earth's ends to heaven's ends. Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa wolitti qaban.
28 Learn this from the fig tree: once its branch softens and leaves sprout, you know summer is near. «Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a. Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan.
29 So also, when you see these things happening, know it's near, at the door. Akkasuma isinille wonni kun teetuun yoo dhaggitane, akka inni balbalatti dhiyaate hin beettan.
30 Truly I tell you, this generation will certainly not pass away until all these things have happened. Ani dhugumaan isinitti hima; wonni kun maraa haga teetutti dhalooti amma jiru kun hin taru.
31 Heaven and earth will pass away, but my words will never pass away. Ol-gubba'aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru.
32 But no one knows that day or hour—not the angels in heaven, not the Son, only the Father. «Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba'aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku.
33 Be on guard! Stay alert! For you do not know when that time will come. Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha'a! Dammaqa'a.
34 Like a man on a journey: he leaves his house, gives his servants authority—each his own task—and orders the doorkeeper to stay alert. Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaatti. Inni tokko tokkoofuu waan hujanu kennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja.
35 So stay alert, since you don't know when the master of the house comes—evening, midnight, rooster's crow, or dawn. Maarre, abbaan manaa galgala yookiin halkan hoxxeessa, yookiin iyya lukku'uu, yookiin barii dhufuu isin waan hin beenneef dammaqa'a!
36 Otherwise, if he comes suddenly, he may find you sleeping. Dedhuma yoo dhufe rattaneertanuun me isin dhagguu ti.
37 What I say to you, I say to everyone: Keep watch!" Ani waan isiniin jedhu nama maraanuu jedha. Dammaqa'a!» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]