Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Luke 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Since many have undertaken to compile an ordered account of what has been accomplished among us. Ulfaataa Tewoofiloos! Marroo waan odduu teennatti te'ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran.
2 Just as eyewitnesses from the beginning and servants of the word handed these accounts to us, Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane.
3 I too, having traced everything accurately from the start, decided to write it in order for you, most excellent Theophilus, Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee natti mudhatte.
4 so that you may know the certainty of the things you have been taught. Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe.
5 In the days of Herod, king of Judea, a priest named Zechariah was in Abijah's priestly division. His wife Elizabeth descended from Aaron. Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiiya'aa keessaa hayyichi Zakaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama.
6 They were both righteous before our Father, walking blamelessly in all his commandments and ordinances. Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane.
7 But they had no child, because Elizabeth was barren, and both were very old. Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran.
8 Now while he was serving as priest before our Father when his division was on duty, Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakaariyaasii waan teeteef, Zakaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate.
9 by priestly custom, lot chose him to enter his sanctuary and burn incense. Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame.
10 And the whole crowd of the people were praying outside at the hour of incense. Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti.
11 Then an angel of our Father appeared to him, standing at the right of the altar of incense. Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakaariyaasitti mudhate.
12 Zechariah was shaken when he saw him, and fear came over him. Zakaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate.
13 The angel said to him, "Don't be afraid, Zechariah—your prayer has been heard. Your wife Elizabeth will bear you a son; name him John. Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta.
14 You will have joy and gladness; many will rejoice at his birth. Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi.
15 He will be great before our Father, must never drink wine or other alcoholic drinks, and he will be filled with the Holy Spirit even from his mother's womb. Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama.
16 And he will turn many of the children of Israel back to their Father. Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa.
17 He will go before our Father in Elijah's spirit and power, turning fathers' hearts to their children, and the disobedient to the wisdom of the righteous, to prepare a people ready for our Father." Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti'iitii fi ijoolle'ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole'eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta'aaf qopheessiisaaf Gootta'aan dura hin ideema» isaan jedhe.
18 Zechariah said to the angel, "How will I know this? I'm old, and my wife is well along in years." Zakaariyaas Erganticha Waaqaatiin, «Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra» jedhe.
19 The angel answered him, "I am Gabriel, who stands in our Father's presence, sent to speak to you and bring you this good news. Ergantichi Waaqaalle, «Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe.
20 And now you will be silent, unable to speak, until the day these things happen, because you did not believe my words, which will come true in their time." Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu» jedhee deebise.
21 Meanwhile the people waited for Zechariah, wondering why he stayed so long in the sanctuary. Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte.
22 When he came out, he could not speak to them, and they knew he had seen a vision in the sanctuary. He kept motioning to them and stayed mute. Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne.
23 And when his days of service were ended, he went home. Yennaan Zakaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale.
24 After these days his wife Elizabeth became pregnant, and for five months she kept herself hidden, saying, Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte.
25 "This is what our Father did for me, in the days he looked on me, to remove my disgrace among people." Isiin, «Goottaan tana naaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge» jette.
26 In month six our Father sent the angel Gabriel to a Galilee town called Nazareth, Elsaabeex ulfoottee ji'a jayeesso'ootitti Waaqi erganticha Gabri'eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu,
27 to a virgin engaged to a man named Joseph, of the house of David; the virgin's name was Mary. gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti.
28 And he came to her and said, "Greetings, favored one! Our Father is with you." Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!» isi'iin jedhe.
29 But she was greatly troubled by his words, and wondered what kind of greeting this might be. Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte.
30 The angel said to her, "Don't be afraid, Mary, for you have found favor with our Father. Ergantichi Waaqaa isi'iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera.
31 You will conceive in your womb and bear a son, and you will call his name Jesus. Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan.
32 He will be great and called Son of the Most High, and our Father will give him the throne of his father David, Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa.
33 and he will reign over Jacob's house forever; his kingdom will never end." Inni kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.
34 And Mary said to the angel, "How will this be, since I am a virgin?" Maariyaam erganticha Waaqaatiin, «Ani durra duuddu'u; tun attam te'iisaa dandeetti?» jette.
35 The angel answered her, "The Holy Spirit will come over you, and the Most High's power will shadow you; so the holy child born will be called the Son of our Father. Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama.
36 Look, your relative Elizabeth has also conceived a son in her old age—this is the sixth month for her called barren. Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a jayeesso'oo ti.
37 For nothing will be impossible with our Father." Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu» jedhe.
38 Mary said, "I am the servant of our Father; let it happen to me as you said." Then the angel left her. Maarre Maariyaam, «Ani tajaajiltuu Gootta'aa ti. Akkuma ati jette naaf teetuutii!» jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme.
39 In those days Mary got up and hurried to the hill country, to a town in Judah, Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe.
40 and she entered the house of Zechariah and greeted Elizabeth. Isiin mana Zakaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute.
41 When Elizabeth heard Mary's greeting, her baby leaped in her womb, and she was filled with the Holy Spirit. Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee,
42 She cried out with a loud voice, "Blessed are you among women, blessed is the fruit of your womb! qoonqoo ol qabattee, «Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame!
43 And why is this granted to me, that the mother of my Lord should come to me? Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka na dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf naa te'e?
44 For the moment I heard your greeting, the baby in my womb leaped for joy. Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale.
45 Blessed is she who believed that there would be a fulfillment of what our Father spoke to her." Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate» jette.
46 And Mary said, "My soul magnifies our Father, Maariyaam: «Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;
47 and my spirit rejoices in our Father, my Savior, ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.
48 for he has looked on the humble estate of his servant. For from now on all generations will call me blessed; Inni garbittii ifii gad aantuu qaabateera. Ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.
49 for the Mighty One has done great things for me, and holy is his name. Waaqi dande'aan waan guddoo naaf godhe. Maqaan isaalle woyyicha.
50 And his mercy is for those who fear him from generation to generation. Marartiin isaa worra isa sodaatuuf dhalootaa haga dhalootaa ti.
51 He has shown strength with his arm; he has scattered the proud in the thoughts of their hearts; Inni dandeettuu irree ifii mudhisee, worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse.
52 he has brought down the mighty from their thrones and lifted up the humble; Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.
53 he has filled the hungry with good things, and the rich he has sent away empty. Worra beelowe waan dansa'aan quussee, dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.
54 He has helped his servant Israel, in remembrance of his mercy, Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabatee, marartii ifiitiin garbicha ifii Israa'el gargaareera» jette.
55 just as he spoke to our fathers, to Abraham and to his offspring forever." Not in this edition
56 And Mary remained with her about three months and then returned to her home. Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite.
57 Now the time came for Elizabeth to give birth, and she bore a son. Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette.
58 Her neighbors and relatives heard our Father had shown her great mercy, and rejoiced with her. Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane.
59 On the eighth day they came to circumcise the child, and were going to call him Zechariah after his father, Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane.
60 but his mother answered, "No; he will be called John." Haati isaa ammoo, «Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba» jette.
61 And they said to her, "None of your relatives is called by this name." Isaan isi'iin, «Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru» jedhane.
62 And they made signs to his father, asking what Zechariah wanted the child to be called. Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane.
63 He asked for a tablet and wrote, "His name is John." And everyone was amazed. Zakaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane.
64 And immediately his mouth was opened and his tongue loosed, and he spoke, blessing our Father. Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate.
65 Fear fell on all their neighbors, and all these things were talked about throughout Judea's hill country. Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante.
66 And all who heard kept these things in their hearts, saying, "What then will this child become?" For our Father's hand was with him. Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, «Mucaan kun maan te'inna laati?» jedhanee yaadatane.
67 And his father Zechariah was filled with the Holy Spirit and prophesied, saying, Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee,
68 "Blessed be our Father of Israel, for he has visited and redeemed his people, «Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef, Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu!
69 and has raised up a mighty Savior for us in the house of his servant David, Sanyii Daawitii tajaajilaa ifii irraa, fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera.
70 as he spoke through the mouth of his holy prophets long ago, Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee,
71 that we should be saved from our enemies and from the hand of all who hate us; diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera.
72 to show the mercy promised to our fathers and to remember his holy covenant, Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi gondooroo woyyittii ifii qaabate.
73 the oath that he swore to our father Abraham, to grant us, Bara le'ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma'aa fi balchumma'aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale.
74 that we, being delivered from the hand of our enemies, might serve him without fear, Not in this edition
75 in holiness and righteousness before him all our days. Not in this edition
76 And you, child, will be called the prophet of the Most High; for you will go before the Lord to prepare his ways, Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta, karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta.
77 to give his people the knowledge of salvation through the forgiveness of their sins, Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun, beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta.
78 because of the tender mercy of our Father, by which the sunrise from on high will visit us, Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a. Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa.
79 to give light to those who sit in darkness and in the shadow of death, to guide our feet into the way of peace." Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa; miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage.
80 The child grew, became strong in spirit, and lived in the wilderness until the day he appeared publicly to Israel. Mucaan guddatee, Ayyaanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]