Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Luke 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In those days Caesar Augustus issued a decree to register the whole inhabited world. Yennaa san worri mootummaa worra Rooma'aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugusxoos ajaja baase.
2 This was the first registration, when Quirinius was governor of Syria. Laakkossi kolba'aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya'aa te'eerutti te'e.
3 Everyone went to be registered, each to his own town. Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe.
4 Joseph too went up from Galilee, from the town of Nazareth, to Judea, to the city of David called Bethlehem, since he belonged to David's house and family, Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe.
5 to be registered with Mary, his fiancée, who was expecting a child. Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe.
6 While they were there, the time came for her to give birth. Adoo isaan Beeteelem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette.
7 She gave birth to her firstborn son, wrapped him in cloths, and laid him in a manger, because the inn had no place for them. Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa keessa irkitte.
8 Shepherds were in that same region, staying out in the fields, keeping watch over their flock by night. Dirree adaala biyya saniititti tissitooti halkaniin horii tissaa bulanu jiran.
9 An angel of our Father stood before them; the glory of our Father shone around them, and great fear seized them. Ergamaan waaqaa dedhuma isaanitti mudhatee, ulfinni Gootta'aalle isaanitti ifee jennaan bararaqane.
10 The angel told them, "Don't be afraid—I bring good news of great joy for everyone: Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe.
11 Today in the city of David, a Savior was born to you—Christ the Lord. Adha qachaa Daawitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos.
12 This is your sign: you'll find a baby wrapped in cloths, lying in a manger." Beessisi isaalle kana: annuu hoccu'uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan» isaaniin jedhe.
13 Suddenly there was with the angel a multitude of the heavenly host, praising our Father and saying, Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee,
14 "Glory to our Father in the highest, and on earth peace among those with whom he is pleased!" «Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti worra inni jaalatuuf nageenni te'u» jedhanee Waaqaa galateeffatane.
15 When the angels left them for heaven, the shepherds said to each other, "Let's go straight to Bethlehem and see this thing that has happened, which our Father has made known to us." Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, «Ka'aa me, gara Beeteelemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!» woliin jedhane.
16 They hurried off and found Mary and Joseph, and the baby lying in the manger. Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaami'ii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keessa irkateeruun dhaggane.
17 When they saw him, they made known what had been told them about this child. Tissitooti yennaa isa dhaggane, waan ergamaan Waaqaa marroo daa'ima kanaatiif dubbate isaanitti odeessane.
18 All who heard were amazed at what the shepherds told them. Worri waan kana dhage'ane maraa, waan tissitooti isaanitti odeessane baaseffatane.
19 But Mary treasured up all these things, pondering them in her heart. Maariyaamiin ammoo, waan kana mara gadhaa ifii keessatti qabattee itti yaadatte.
20 The shepherds returned, glorifying and praising our Father for all they'd heard and seen, just as they were told. Tissitooti akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime teeteertuun waan dhage'anee fi dhagganne maraaf, Waaqa galateessaa leellisaa deebi'ane.
21 When eight days for his circumcision were complete, he was named Jesus, the name the angel gave before he was conceived in the womb. Guyyaan saddeetesso'oo dabareeruun, mucaa haqanqabaa qabiis yennaa geye, akkuma haati isaa adoo hin ulfooyin duratti ergamaan Waaqaa maqaa isaa baase «Yesuus» jedhane.
22 When their days of purification under the Law of Moses ended, they brought him up to Jerusalem to present him to our Father, Akka Seerri Muuse'ee ajajutti, yennaan qulqulloomiisaa geennaan, Maariyaami'ii fi Yoseef daa'ima Goottaa duratti dhiyeessiisaaf gara Yerusaalemii geessane.
23 (as it is written in our Father's Law, "Every firstborn male will be called holy to our Father"), Seera Gootta'aa keessatti, «Ilmi angafichi maraa Gootta'aaf kennamee ka woyyoome te'a» jedhantee barreeffanteerti.
24 and to offer a sacrifice as the Law of our Father says: a pair of turtledoves or two young pigeons. Isaan akka seerri Gootta'aa jedhutti, saphaliisa lamaan yookiin maddoo lamaan woreega dhiyeessiisaaf dhaqane.
25 In Jerusalem lived a man named Simeon, righteous and devout, waiting for Israel's comfort, with the Holy Spirit on him. Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira.
26 The Holy Spirit had revealed to him he wouldn't die before seeing our Father's Christ. Masiihii Gootta'aa adoo hin dhaggin akka inni hin duune Ayyaanni Woyyichi itti mudhise.
27 Prompted by the Spirit, he entered the temple. As the parents brought in the child Jesus to do for him what the Law required, Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetitti waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime.
28 Simeon took him up in his arms and blessed our Father, saying, Simoon daa'ima fuudhee habbaarratee,
29 "Sovereign Father, now you are letting your servant depart in peace, according to your word. «Amma, Goottaa, addii kennite guutteerta, ana tajaajilaa keetille nageyaan addee dhuga'aa geessi.
30 For my eyes have seen your salvation, Fayyisiisa keeti ka ati fuula kolbaa maraa duratti qopheessite, ilti tiyya dhaggiteerti.
31 which you have prepared in the presence of all peoples: Not in this edition
32 a light for revelation to the Gentiles, and for glory to your people Israel." Ifi worra Yihudoota hin te'initti mudhisu kun, kolbaa teeti Israa'eliifille ulfinna hin fida» jedhee Waaqa galateeffate.
33 His father and mother were amazed at what was said about him. Abbaa fi haati Yesuusii waan Simoon marroo daa'imaatii dubbate baaseffatane.
34 And Simeon blessed them and told Mary, his mother, "This child is appointed for the fall and rising of many in Israel, and to be a sign that is opposed, Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, «Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee,
35 and a sword will pierce through your own soul also—so that thoughts from many hearts may be revealed." yaada isaanii ka dhossa'aa ifatti hin baasa. Gaddi akka shallaagaa qaramee gadhaa keeti hin woraana» jedhe.
36 Also there was Anna, a woman prophet, daughter of Phanuel of Asher's tribe, very old, having lived with her husband seven years after her virginity, Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e.
37 and a widow until eighty-four, never leaving the temple, worshiping with fasting and prayer night and day. Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte.
38 Coming up at that same hour, she gave thanks to our Father and spoke of the child to all awaiting Jerusalem's redemption. Haannaan yennuma san dhuttee Waaqa galateeffattee, marroo daa'imaa worra bilisa bayiisa Yerusaalemii eegatu maratti dubbatte.
39 When they finished everything required by our Father's Law, they returned to Galilee, to their own town of Nazareth. Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane.
40 The child grew, becoming strong, filled with wisdom, and our Father's favor was on him. Daa'inni guddatee jabaate; qarummaalle'een ka guutame te'e; badhaadhi Waaqaalle isa irra jira.
41 Now his parents went to Jerusalem every year at the Feast of Passover. Abba'aa fi haati Yesuusii wogguma wogga'aan guyyaa Jila Irra Dabaramaa gara Yerusaalemii dhaqan.
42 When he was twelve years old, they went up according to the custom of the feast. Yennaa Yesuus woggaa kudhanii lama guute, akkuma baratametti isaan gara jilaa dhaqane.
43 When the festival ended and they left for home, the boy Jesus stayed behind in Jerusalem, unknown to his parents. Yennaa jilti hobbaate, gara manaa deebi'iisaaf ka'ane; Yesuus ammoo Yerusaalemitti hafe. Abba'aa fi haati isaa waan kana hin beenne.
44 Thinking he was in the group, they traveled a day's journey, then searched for him among relatives and acquaintances. Waan inni worra woliin jiranu woliin jiru seyanee, guyyaa guutuu ideemaneen duuba firootaa fi jaalota ifii bira iyyaafatiisaaf ka'ane.
45 When they did not find him, they returned to Jerusalem, searching for him. Isaan yennaa isa dhabane, barbaadiisaaf gara Yerusaalemii deebi'ane.
46 After three days they found him in the temple, sitting among the teachers, listening to them and asking them questions. Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane.
47 All who heard him were amazed at his understanding and his answers. Worri isa dhage'ane maraa beekkuma isaatii fi deebii inni deebise baaseffatane.
48 When his parents saw him, they were astonished. His mother said, "Child, why have you done this to us? Look, your father and I have been anguished, searching for you." Abba'aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra» isaan jette.
49 He said to them, "Why were you searching for me? Didn't you know I must be in my Father's house?" Yesuus deebisee, «Isin maaf na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee'uu male hin beennee?» isaaniin jedhe.
50 But they did not understand the saying that he spoke to them. Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne.
51 Then he went down with them and came to Nazareth, remaining obedient to them. His mother kept all these things in her heart. Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte.
52 Jesus increased in wisdom and stature and in favor with our Father and with people. Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma'aa fi gaaro'oon guddate.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]