Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Luke 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In Tiberius Caesar's fifteenth year, when Pontius Pilate was governor of Judea, Herod was tetrarch of Galilee, his brother Philip of the region of Ituraea and Trachonitis, and Lysanias of Abilene, Xiberyoos mooticha te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, Phonxoos Philaaxoos bulchaa biyya Yihuda'aa, Heroodis biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Ixuriya'aatii fi Xuraakonixiititti, Lisaaniyaasille biyya Abiliinya'aatitti bulchitoota biyyaa te'ane.
2 under high priests Annas and Caiaphas, our Father's word came to John son of Zechariah in the wilderness. Yennaa Haannaasii fi Qayyaaffaan Yihudootaaf hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, Yohaannisiin ilmi Zakaariyaasii goomolee keessa jiruun dubbiin Waaqaa itti dhutte.
3 He went through the whole Jordan region, preaching a baptism of repentance for the forgiveness of sins, Yohaannis adaala biyya Yordaanosii duudii keessa ideemee, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii cuuphama'a; Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhee lallabe.
4 as it is written in the book of the words of Isaiah the prophet: "A voice of one calling in the wilderness: Prepare the way for the Lord, make his paths straight. Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, «Nami tokko goomolee keessatti, ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!
5 Every valley will be filled in, and every mountain and hill made low. The crooked roads will become straight, and the rough ways smooth, «‹Baleen martinuu guutantuu ti, koobii fi gaarri martinuu diriiruu ti. Karaan daddabaan qajeelee, daandiin kattattaan wol qixxoottuu ti.
6 and all flesh will see the salvation of our Father." Nami duudiin fayyisiisa Waaqaa hin dhagga› » jedhee barreesseera.
7 John said then to the crowds coming to be baptized by him: "You brood of vipers! Who warned you to flee the coming wrath? Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?
8 So produce fruit worthy of repentance. Don't start telling yourselves, 'We have Abraham as our father.' For I tell you, our Father can raise up children for Abraham from these stones. Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.
9 Already the axe lies at the root of the trees; every tree not bearing good fruit is cut down and thrown into the fire." Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera. Muki midhaan dansaa hin buunne maraa muramee ibiddatti hin gatama» jedhe.
10 And the crowds asked him, "What then should we do?" Jennaan kolbaan, «Yoona nuuti maan tolchinu ree?» jettee Yohaannis gaafatte
11 He replied, "Whoever has two shirts, share with the one who has none; whoever has food, do the same." Inni deebisee, «Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle worra hin qanne woliin qoodamuu ti» jedhe.
12 Tax collectors also came to be baptized, and they said to him, "Teacher, what should we do?" Worri qaraxa guuranu cuuphamiisaaf dhufanee, «Barsiisa'a, nuuti maan tolchinu?» jedhanee isa gaafatane.
13 "Collect no more than you are required to," he told them. Yohaannis isaaniin, «Ka seeraan murame caalchittanee hin guurina'a» jedhe
14 Soldiers also asked him, "And us—what should we do?" He said to them, "Don't extort anyone by force or false charges; be satisfied with your wages." Loltooti gariin, «Nuuti hore? Maan goona?» jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, «Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keessan isiniif gewuu ti» jedhe.
15 The people were expectant, all wondering in their hearts whether John himself might be the Christ. Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, «Yohaannis Masiihii te'innaa?» jettee mante.
16 John answered them all, "I baptize you with water. But one stronger than I is coming—I'm not worthy to untie his sandal strap. He will baptize you with the Holy Spirit and fire. Yohaannis, «Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka na caalu ammoo na duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha.
17 Winnowing fork in hand, he will clear his threshing floor, gather the wheat into his barn, but burn the chaff with fire that can't be put out." Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba» jedhe.
18 And with many other words of exhortation, John proclaimed the good news to the people. Yohaannis karaa adda addaa heddu'uun gorsa isaaniif kennaa, Oduu Gammadaa isaanitti lallabe.
19 But John confronted Herod the tetrarch about Herodias, his brother's wife, and about all the evil Herod had done, Heroodisiin bulchaan, Heroodiyaas niitii obboleessa ifii fuudhee, waan badduu hedduu dhibiille waan hujeeruuf Yohaannis isa xixe.
20 Herod added this to all the rest: he locked John up in prison. Heroodis waan badduu ittuma dabalee, Yohaannis mana hidha'aatitti galche.
21 When all the people were baptized, Jesus was baptized too. As he prayed, heaven opened, Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee,
22 and the Holy Spirit descended on him in bodily form like a dove. And a voice came from heaven: "You are my beloved Son; in you I delight." Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya jaalatama'a. Ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.
23 Jesus was about thirty when he began his ministry, the son—so it was thought—of Joseph, son of Heli, Yesuus yennaa hujii jalqabu, dhalatee gara woggaa soddomaa ti. Kolbaan, ilma Yoseefii Eli'ii isa seete.
24 the son of Matthat, the son of Levi, the son of Melchi, the son of Jannai, the son of Joseph, Eliin ka Maataa'aa, Maataan ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Malki'ii, Malkiin ka Yaanaayii, Yaanaayii ka Yoseefii,
25 the son of Mattathias, the son of Amos, the son of Nahum, the son of Esli, the son of Naggai, Yoseef ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Amosii, Amos ka Naahomii, Naahom ka Eslii, Esliin ka Naagee,
26 the son of Maath, the son of Mattathias, the son of Semein, the son of Josech, the son of Joda, Naageen ka Maa'aatii, Maa'aat ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Seeme'ii, Seeme'i ka Yoose'ee, Yooseen ka Yooda'aa,
27 the son of Joanan, the son of Rhesa, the son of Zerubbabel, the son of Shealtiel, the son of Neri, Yoodaan ka Yo'anaanii, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabelii, Zarubaabel ka Salaati'elii, Salaati'el ka Neerii
28 the son of Melchi, the son of Addi, the son of Cosam, the son of Elmadam, the son of Er, Neeri ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosaamii, Qosaam ka Elmaadaamii, Elmaadaam ka Eerii,
29 the son of Joshua, the son of Eliezer, the son of Jorim, the son of Matthat, the son of Levi, Eer ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaarii, Elii'ezaar ka Yoraamii, Yoraam ka Maataatii, Maataat ka Lewwii,
30 the son of Simeon, the son of Judah, the son of Joseph, the son of Jonam, the son of Eliakim, Lewwiin ka Simi'oonii, Simi'oon ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yoseefii, Yoseef ka Yoonaamii, Yoonaam ka Eliyaaqimii,
31 the son of Melea, the son of Menna, the son of Mattatha, the son of Nathan, the son of David, Eliyaaqim ka Meleyaa, Meleyaan ka Maayinaanii, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataanii, Naataan ka Daawitii,
32 the son of Jesse, the son of Obed, the son of Boaz, the son of Salmon, the son of Nahshon, Daawiti ka Iseyii, Isey ka Yoobeedii, Yoobeed ka Bo'azii, Bo'az ka Salmoonii, Salmoon ka Nahasoonii,
33 the son of Amminadab, the son of Admin, the son of Arni, the son of Hezron, the son of Perez, the son of Judah, Nahasoon ka Aminaadaabii, Aminaadaab ka Aaramii, Aaram ka Arnii, Arni ka Hesromii, Hesrom ka Faaresii, Faares ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yaaqoobii,
34 the son of Jacob, the son of Isaac, the son of Abraham, the son of Terah, the son of Nahor, Yaaqoob ka Yisihaqii, Yisihaq ka Abrahaamii, Abrahaam ka Taara'aa, Taaraan ka Naahorii, Naahor ka Seruugii,
35 the son of Serug, the son of Reu, the son of Peleg, the son of Eber, the son of Shelah, Seruug ka Raagaawuu, Raagaawu ka Felegii, Feleg ka Ebeerii, Ebeer ka Shala'aa, Shalaan ka Qayinaanii,
36 the son of Cainan, the son of Arphaxad, the son of Shem, the son of Noah, the son of Lamech, Qayinaan ka Arfaaksaadii, Arfaaksaad ka Seemii, Seem ka Nohii, Nohi ka Laamekii, Laamek ka Matusaala'aa,
37 the son of Methuselah, the son of Enoch, the son of Jared, the son of Mahalalel, the son of Cainan, Matusaalaan ka Heenokii, Heenoki ka Yaaredii, Yaared ka Mahalalelii, Mahalalel ka Qayinaanii, Qayinaan ka Enoshii,
38 the son of Enosh, the son of Seth, the son of Adam, the son of our Father. Enoshi ka Sheetii, Sheeti ka Addaamii, Addaam ka Waaqaa ti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]