Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Leviticus 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 "If someone's offering is a peace offering from the herd, male or female, he must present it without defect before me. «Nami tokko kennansa tokkummma'aa loon keessaa yoo kennu te'e, korma yookiin sa'a fafa hin qanne Mootii Waan Maraa duratti dhikeessuu ti.
2 He lays his hand on his offering's head and slaughters it at the tent of meeting's entrance, and Aaron's sons the priests splash the blood against all sides of the altar. Inni harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee, seensuma Dunkaanii woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti.
3 From the peace offering he must present to me a food offering made by fire: the fat covering the inner parts and all the fat on them, Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi ka meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
4 both kidneys with the fat on them near the flanks, and the long lobe of the liver, which he removes with the kidneys. kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin baasuu ti.
5 Aaron's sons will burn it on the altar atop the burnt offering on the wood over the fire—a food offering, a pleasing aroma to me. Achiin duuba ilmaan Aaronii addee ciinca'aa irratti, qoraan kennansa gubamuuf bobe'u irratti, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhanee gubanuu ti.
6 "If his peace offering to me is from the flock, male or female, he must present it without defect. «Kennansi tokkumma'aaf kennamu karra hoole'ee yookiin re'e'ee keessaa yoo te'e, korbeessa yookiin dhaltuu fafa hin qanne te'uu ti.
7 If he brings a lamb as his offering, he is to present it before me, Nami tokko buruusoo hoole'ee yoo kenne, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
8 lay his hand on the head of his offering and slaughter it before the tent of meeting; Aaron's sons will splash its blood on all sides of the altar. Harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti.
9 From the peace offering he must present a food offering to me by fire: its fat, the whole fat tail cut off close to the backbone, the fat covering the inner parts, and all the fat on them, Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, duma hoole'ee irraa baasee, moora meya gadha'aatitti marateeruu fi meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
10 both kidneys with the fat near the loins, and the liver's long lobe, which he removes with the kidneys. kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin dhikeessuu ti.
11 The priest will burn it on the altar as food, an offering made to me by fire. Akka kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatuutitti, hayyichi isaan kana addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
12 "If his offering is a goat, he is to present it before me, «Kennansi isaa re'ee yoo te'e, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
13 lay his hand on its head and slaughter it in front of the tent of meeting; Aaron's sons will splash its blood on all sides of the altar. Harka ifii mataa isi'ii irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasuu ti.
14 From it he must present a food offering to me by fire: the fat covering the inner parts and all the fat on them, Kennansa kana irraa, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi moora meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
15 both kidneys with their fat near the loins, and the liver's long lobe, which he removes with the kidneys. kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uulle dhikeessuu ti.
16 The priest will burn them on the altar as food, an offering by fire, a pleasing aroma. All fat is mine. Coomi martinuu kiyya waan te'eef, kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, hayyichi addee ciinca'aa irratti ibiddaan gubuu ti.
17 "This is a lasting rule for all generations, wherever you live: never eat any fat or any blood." «Isin cooma mara, dhiiga maralle hin nyaatina'a! Kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]