Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Leviticus 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 "When anyone brings a grain offering to our Father, the offering must be fine flour. Pour oil on it, put frankincense on it, «Eennulle kennansa midhaanii ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu, bullaa dansaa irraa dhikeessuu ti. Inni zayitii ejersaa itti dhangalaasee, hixaanalle irra keyee,
2 and bring it to Aaron's sons, the priests. The priest will take a handful of its fine flour and oil, with all its frankincense, and burn the memorial portion on the altar—a fire offering, a pleasing aroma to our Father. gara ilmaan Aaronii hayyootatti geessuu ti. Hayyichi bullaa dansaa ooboo tokko guutu'uu fi zayitiin ejersaa san, hixaana maraayyuu woliin fuudhee, yaadanno'oof akka te'u, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, addee ciinca'aa irratti gamisa gubuu ti.
3 The rest of the grain offering belongs to Aaron and his sons—most holy, from the fire offerings to our Father. Ka hafe, kennansa midhaanii ka ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti.
4 "When you bring a grain offering baked in an oven: fine flour, either loaves without yeast mixed with oil, or wafers without yeast spread with oil. «Kennansi midhaanii ka boolla ibiddaa keessatti bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, daabboo uukoo hin qanne yookiin bixee hephellittii zayitiin ejersaa irra dibame te'uu ti.
5 If your offering is a grain offering on a griddle, it must be fine flour mixed with oil, without yeast. Kennansi midhaanii ka eelee sibiilaatitti bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta daabboo uukoo hin qanne ta zayitii ejersaatiin sukkuumante te'uu ti.
6 Break it into pieces and pour oil on it; it is a grain offering. Kennansa midhaanii waan te'eef daabboo san didiqqeessii caccassiitii zayitii ejersaa itti naqi.
7 If your offering is grain cooked in a pan, make it with fine flour and oil. Kennansi midhaanii disitii keessatti ka bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin makante teetuu ti.
8 Bring the grain offering made from these to our Father; present it to the priest, who brings it to the altar. Kennansa midhaanii ka waan kana irraa hujame ana Mootii Waan Maraatiif fidiitii, hayyicha gara addee ciinca'aa geessutti dhikeessi.
9 The priest takes the grain offering's memorial portion and burns it on the altar—a fire offering, a pleasing aroma to our Father. Hayyichi kennansa midhaanii ka dhikaate kana irraa gamisa fuudhee, yaadanno'oof akka te'u, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka akka dakkara foolee dansaa qadduu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
10 What remains of the grain offering belongs to Aaron and his sons—most holy, from the fire offerings to our Father. Ka hafe, kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti.
11 "No grain offering you bring to our Father may contain yeast, for you must not burn any yeast or honey as a fire offering to our Father. «Kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamu woliin uukoo yookiin damma gubiisa waan hin barbaachinneef, kennansa midhaanii ka gubamu ka ati ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu keessa uukoon yookiin dammi hin jiraatin.
12 You may bring them to our Father as a firstfruits offering, but do not offer them on the altar as a pleasing aroma. Isin kennansa midhaan mata'aa ana Mootii Waan Maraatiif kennuu hin dandeettan; isaan kun ammoo kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu te'anee, addee ciinca'aa irratti hin gubamanu.
13 Salt every grain offering. Don't leave out your Father's covenant salt; add salt to all your offerings. Kennansa midhaanii keeti mara sooddaan mi'eessita. Kennansa midhaanii keeti keessaa soodda gondooroo Waaqa keetii hin lakkisin; kennansa keeti mara soodda keessa buusi.
14 "If you bring a firstfruits grain offering to our Father, offer new grain roasted in fire, crushed kernels, as your firstfruits offering. «Ati kennansa midhaan mata'aa ana Mootii Waan Maraatiif yoo fidde, midhaan shawwee ibiddatti woddamee sharame dhikeessi.
15 Put oil on it and lay frankincense on it; it is a grain offering. Inni kennansa midhaanii waan te'eef zayitii ejersaa itti dhangalaasiitii hixaanalle irra keyi.
16 The priest burns the memorial portion—some of the crushed grain and oil—with all its frankincense, as a fire offering to our Father." Kun kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamee dhikaatu waan te'eef, hayyichi kennansa midhaan sharameetii fi zayitii ejersaa san gamisa, hixaana maraayyuu woliin yaadanno'oof akka te'u, ibiddaan gubuu ti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]