Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Leviticus 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Our Father called to Moses and spoke to him from the tent of meeting, saying: Mootiin Waan Maraa Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa Muusee waamee,
2 "Speak to the Israelites and say to them: When any of you brings me an offering, bring your offering of livestock from the herd or the flock. «Kolbaa Israa'elootaatiin ‹Isin keessaa nami ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hori'ii yennaa dhikeessu, loon keessaa yookiin hoolee keessaa yookiin re'ee keessaa dhikeessuu ti› jedhi.
3 "If his offering is a burnt offering from the herd, he is to offer a male without defect, offering it at the entrance of the tent of meeting, to be accepted before me. Kennansi kun kennansa hori'ii ka gubamu yoo te'e, korma fafa hin qanne te'uu ti; Mootii Waan Maraa duratti fudhatama akka qabaatu, seensuma gara Dunkaanii Woldeenna'aa duratti dhikeessuu ti.
4 He is to lay his hand on the burnt offering's head, and it will be accepted for him, to atone for him. Nami sun harka ifii mataa horii kennansa gubamuu san irra kewuu ti; kunille gumaa cubbuu isaatiif bakka isaa bu'ee fudhatama qabaata.
5 He is to kill the young bull before me, and Aaron's sons the priests are to bring the blood and splash it around the altar at the entrance of the tent of meeting. Inni korma ana Mootii Waan Maraa duratti qaluu ti; achiin duuba ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san fidanee addee ciinca'aa ta gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa jirtu san cinaa isi'ii mara irratti dhangalaasuu ti.
6 Then he is to skin the burnt offering and cut it into its pieces. Inni kennansa gubamu san gogaa irraa qalee kukkutuu ti.
7 Aaron's sons the priests will lay a fire on the altar and arrange wood on it. Ilmaan Aaronii hayyichaa addee ciinca'aa irratti ibidda gabbisanee qoraan itti naqanuu ti.
8 Aaron's sons, the priests, arrange the pieces, head, and fat on the wood over the fire on the altar. Achiin duuba ilmaan Aaronii hayyooti foon kukkutame san, mata'aa fi cooma woliin qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irra tarree galchanee naqanuu ti.
9 He is to wash its inner organs and legs with water; the priest burns it all on the altar—a burnt offering, a food offering, a pleasing aroma to me. Inni meya gadha'aatii fi manyee bisaaniin dhiquu ti; hayyichi meya gadha'aatii fi manyee san mara addee ciinca'aa irratti gubee aarsuu ti; kennansi kun ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
10 "If his burnt offering is from the flock—sheep or goats—he must bring a male without defect. «Kennansi gubamu kun tika hoole'ee yookiin tika re'ee keessaa yoo te'e, korbeessa fafa hin qanne te'uu ti.
11 He is to slaughter it on the altar's north side before me; Aaron's sons the priests are to splash its blood around the altar. Inni addee ciinca'aa cinaa gara kaabaatitti fuula ana Mootii Waan Maraa duratti korbeessa san qaluu ti; ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga isaa cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasanuu ti.
12 He is to cut it into pieces—head and fat—and the priest is to arrange them on the wood, on the fire, on the altar. Inni foon san kukkutuu ti; hayyichille foon kukkutame san, mata'aa fi cooma woliin qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irra tarree galchee naquu ti.
13 He must wash the inner organs and legs with water; the priest offers it all, burns it on the altar—a burnt offering, a food offering, a pleasing aroma to me. Namichi meya gadha'aatii fi manyeelee san bisaaniin dhiquu ti. Hayyichi ammoo kennansa gubamu san mara addee ciinca'aa irratti gubuu ti; kennansi gubamu kun ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
14 "If his burnt offering to me is a bird, he must bring turtledoves or young pigeons as his offering. «Kennansi gubamu ka inni dhikeessu waan koolaan ka'u keessaa yoo te'e, saphaliisa yookiin maddoo te'uu ti.
15 The priest brings it to the altar, wrings off its head, burns it there; its blood drains against the altar's side. Hayyichi kennansa san addee ciinca'aatitti fidee, mataa micciiree, addee ciinca'aa irratti gubuu ti; dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa irratti coccossuu ti.
16 He removes its crop with its contents, throwing it beside the altar eastward, at the ash heap. Daakuu isi'ii baala isi'ii woliin keessaa baasee, addee ciinca'aa gara baya adu'uutitti, addee daadhaa itti gatanutti gatuu ti.
17 He is to tear it open by the wings, not fully apart; the priest will burn it on the altar's wood over the fire—a burnt offering, a food offering, a pleasing aroma to me." Inni karaa koola isi'iitiin gad quncisuutii malee, irraa hin kutin; achiin duuba hayyichi qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irratti gubuu ti. Kun kennansa gubamu, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]