Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Jonah 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Then the word of our Father came to Jonah a second time: Jechi Mootii Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara Yoonaasii dhufee,
2 "Get up, go to Nineveh, that great city, and proclaim the message I give you." «Ka'ii, gara Nanawwee qachaa guddichaa dhaqiitii ergaa ani si'itti himu kolba'aaf lallabi» jedheen
3 So Jonah got up and went to Nineveh, as our Father had said. Nineveh was a huge city—three days to cross. Maarre Yoonaas jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamee, Nanawwee dhaqe. Qachaan Nanawwe'ee guddaa waan te'eef, maddii tokko irraa ka'anee gara maddii taanii geyiisaaf deensa guyyaa sadii fudhata.
4 Jonah walked one day into the city and cried out, "Forty more days and Nineveh is overturned!" Yoonaas qachaa keessa seenee, deensa guyyaa tokkoo deemeen duuba, «Nanawween guyyaa afurtamatti baddi» jedhee lallabe.
5 The people of Nineveh believed God. They called a fast and put on sackcloth, from the greatest to the least. Kolbaan Nanawwe'ee Waaqatti dhugeeffatte. Isaan cubbuu irraa akka deebi'ane mudhisiisaaf, nami marti guddaan, diqqaan akka laamuuf lassanee, woyaa gaddaa uffatane.
6 When the news reached Nineveh's king, he rose from his throne, removed his robe, covered himself with sackcloth, and sat in ashes. Mootichi qachaa Nanawwe'ee oduu tana yennaa dhage'e, barcumaa ulfinna ifii irraa ka'ee, woyaa ifii ifi irraa baasee, woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra tee'e.
7 He had this proclaimed in Nineveh, by decree of the king and his nobles: No person or animal, herd or flock, may taste anything; they must not graze or drink water. Achiin duuba mootichi gara kolbaa Nanawwe'ee lassii erge; lassiin baate sun mootichaa fi qondaaltota isaa biraa akka ajajametti: «Eennulle woy afaaniin hin qabin; horiin, hooleelle marra hin dheedin; bisaanille hin unin.
8 Let people and animals be covered with sackcloth, and everyone cry out to God with all their strength. Let each turn from his evil way and the violence in his hands. Nami martii fi horiin gadda uffatanuu ti. Nami duudiin jabeessee gara Waaqa daadimataa, karaa hammeenna ifii lakkisee hujii hantuu ifii irralle'ee deebi'uu ti.
9 Who knows? God may turn and change his mind, turn from his fierce anger, so we're not destroyed. Eentu beeka? Takki Waaqi nuu nayee, aarii hantuu ifii nu irraa caffatee, nulle hin bannu fa'a teeti» ta jettu.
10 When God saw their deeds—that they turned from their evil way—God changed his mind about the disaster he had threatened to bring on them, and did not do it. Waaqi waan isaan godhanee fi karaa hamaa ifii irraa akka isaan deebi'ane yennaa dhagge, isaaniif nayee, badii isaan irratti geessisiisaaf yaade hin geessine.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]