Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 20 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Early on the first day of the week, while dark, Mary Magdalene came to the tomb and saw the stone taken from it. Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite.
2 So she ran and came to Simon Peter and the other disciple, the one Jesus loved, and told them, "They've taken the Lord from the tomb, and we don't know where they put him." Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, «Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu» jettee isaanitti hinte.
3 So Peter and the other disciple set out and went toward the tomb. Achiin duuba Pheexroosii fi barataan kuun gara goda awwaalaa dhaqane.
4 Both ran together, but the other disciple ran faster than Peter, reaching the tomb first. Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye.
5 And stooping down, he saw the linen cloths lying there, but he did not go in. Inni gad jedhee woyaa qoolaa ta ittiin marante achitti dhagge malee, keessa hin seenne.
6 Simon Peter, following him, arrived and entered the tomb, and saw the linen cloths lying there, Simoon Pheexroos isa duubaan dhufee, boolla awwaalaa keessa seenee, woyaa qoolaatii
7 and the cloth that was on his head, not lying with the linen wrappings but folded separately in one place. fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti.
8 The other disciple, first to reach the tomb, then went in too; he saw and believed. Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate.
9 For they still did not understand the Scripture, that he must rise from the dead. Isaan Barreeffama Woyyicha, «Inni du'aa ka'uu qaba» jedhu haga ammaa hin hubanne.
10 Then the disciples went back to their homes. Achiin duuba barattooti lamaan sun gara manaa deebi'anee galane.
11 But Mary stood outside the tomb, weeping. As she wept, she bent to look into the tomb. Maariyaam goda awwaalaatiin ala dhaabbattee bowiisatti jirtiiyyu. Adoo bowiisatti jirtuu, gad jettee goda awwaalaa keessa ilaaltee,
12 She saw two angels in white, seated where Jesus's body had lain, one at the head, one at the feet. ergantooti Waaqaa lamaan uffana adii uffatanee, addee reeffi Yesuusii dur jiru, tokkochi gara mata'aatiin, kuun gara miilaatiin tee'aneeranuun dhaggite.
13 They asked her, "Woman, why are you crying?" She answered, "They took my Lord, and I don't know where they put him." Isaan, «Dubartii tana, maaf bootta?» jedhanee isii gaafatane. Isiin deebittee, «Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!» jette.
14 Saying this, she turned and saw Jesus standing there, not knowing it was Jesus. Achiin duuba isiin garagaltee Yesuus achi dhaabbateeruun dhaggite; ammoo akka inni Yesuus te'e hin beenne.
15 Jesus said to her, "Woman, why are you crying? Who are you seeking?" Taking him for the gardener, she said, "Sir, if you carried him off, tell me where you put him, and I'll take him away." Yesuus, «Dubartii tana, maaf bootta? Ati eennu barbaadda?» jedhee isii gaafate. Isiin, nama oorruu eegu isa seetee, «Goottaa kiyya, ati yoo isa asii fuutee jiraatte, eessa akka isa keette natti himi, ani dhaqee isa fudhadhaa» jetteen.
16 Jesus said to her, "Mary." She turned and said to him in Aramaic, "Rabboni!" (which means Teacher). Yesuus, «Maariyaam» isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, «Rabbunii» jetteen; akkas jechuun, «Barsiisaa» jechu'u.
17 Jesus said to her, "Do not cling to me, for I have not yet ascended to the Father. But go to my brothers and say to them, 'I am ascending to my Father and your Father.'" Yesuus, «Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara› jedhiitii isaanitti himi!» jedhee isi'itti hime.
18 Mary Magdalene went and told the disciples, "I have seen the Lord," and that he had said these things to her. Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdala'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte.
19 That evening, the first day of the week, with the doors locked where the disciples were, for fear of the Jewish leaders, Jesus came, stood among them, and said, "Peace be with you." Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» jedhe.
20 After saying this, he showed them his hands and side. The disciples rejoiced to see the Lord. Tana jedheen duuba, cinaacha ifiitii fi harka ifii lamaan isaanitti mudhise. Barattooti Goottaa waan dhagganeef guddoo gammadane.
21 Jesus said to them again, "Peace to you. As the Father has sent me, so I send you." Yesuus ammalle, «Nageenni isiniif te'u. Akkuma Abbaan na erge, anille isin erga» isaaniin jedhe.
22 After saying this, he breathed on them and said to them, "Receive the Holy Spirit. Achiin duuba inni hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyicha fudhadha'a!
23 If you forgive anyone's sins, they're forgiven; if you hold back forgiveness from anyone, it's held back." Isin yoo cubbuu kolba'aa araarantane, isaan araara hin dhaggatan; isin yoo hin araaramin, isaan araara hin dhaggatanu» jedhe.
24 Now Thomas, one of the Twelve, called the Twin, was not with them when Jesus came. Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru.
25 The other disciples kept telling him, "We've seen the Lord!" But he told them, "Unless I see the nail marks in his hands, put my finger where they were, and put my hand in his side, I'll never believe." Maarre barattooti dhibiin, «Nuuti Goottaa dhaggineerra!» jedhanee itti himane. Toomaas isaaniin, «Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu» jedhe.
26 Eight days later, his disciples were indoors again, Thomas with them. Though the doors were locked, Jesus came, stood among them, and said, "Peace be with you." Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u» jedhe.
27 Then he said to Thomas, "Put your finger here, see my hands. Reach your hand out, put it in my side. Leave doubt behind—believe." Achiin duuba inni Toomaasiin, «Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!» jedhe.
28 Thomas answered him, "My Lord and my God!" Toomaas deebisee, «Goottaa kiyya, Waaqa kiyya!» jedhe.
29 Jesus said to him, "Have you believed because you've seen me? Blessed are those who haven't seen, yet believe." Yesuus isaan, «Waan na dhaggiteef dhugeeffattee? Worri adoo ana hin dhaggin dhugeeffatu ka badhaadhe!» jedhe.
30 Jesus did many other signs before his disciples, not written in this book. Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera.
31 But these are written so you'll believe Jesus is the Christ, the Son of our Father, and by believing have life in his name. Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te'ee fi Ilma Waaqaalle te'e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]