Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 19 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Then Pilate took Jesus and had him flogged. Achiin duuba Philaaxoos Yesuus fuudhee dhaansise.
2 The soldiers wove a crown of thorns, put it on his head, and wrapped a purple robe around him. Worri loltootaa dameelee qore'ee irraa kallacha hujanee mataa isaatitti keyane; achiin duuba woyaa dhiillee itti uffisane.
3 They kept coming to him, saying, "Hail, King of the Jews!" and slapped his face. Gara isaalle dhufaa, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa kakkabalane.
4 Pilate went out again and said to them, "Look, I'm bringing him out to you, so you'll know I find no fault in him." Philaaxoos ammalle gad bayee gumi'iin, «Waan isa himachiisu tokkolle akka ani hin dhaggin akka ilaaltanu, kunoo, gara keessan gad isa hin baasa» jedhe.
5 So Jesus came out wearing the crown of thorns and the purple robe. Pilate told them, "Here is the man!" Maarre Yesuus kallacha qore'ee keyatee, woyaa dhiilleelle uffatee gad baye. Philaaxoos, «Kunoo! Namichi!» isaaniin jedhe.
6 When the chief priests and guards saw him, they shouted, "Crucify him! Crucify him!" Pilate told them, "Take him yourselves and crucify him, since I find no guilt in him." Sooreyyiin hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, «Fannis! Fannisi!» jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, «Isin fuudha'aatii, fannisa'a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedhe.
7 The Jews answered him, "We have a law; by that law he must die, because he made himself the Son of God." Gumiin, «Nuuti seera tokko qanna; inni Ilma Waaqaa ifi godheera, akka seera keennaatitti du'uu qaba» jette.
8 When Pilate heard this, he was even more afraid. Philaaxoos yennaa tana dhage'e, ittuma caalchisee sodaate.
9 He went into headquarters again and asked Jesus, "Where are you from?" But Jesus gave him no answer. Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee, «Ati eessaa dhutte?» jedhee Yesuus gaafate. Yesuus ammoo waan tokkolle hin deebinne.
10 So Pilate said to him, "You won't speak to me? Don't you know I have authority to release you, and authority to crucify you?" Philaaxoos, «Ati natti hin hintuu? Akka ani si hiikiisaa fi si fannisiisaafille baallii qabu hin beettuu?» isaan jedhe.
11 Jesus answered him, "You would have no authority over me at all unless it had been given you from above. That is why the one who handed me over to you bears the greater sin." Yesuus deebisee, «Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii na irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cubbuu caaltee ti» jedhe.
12 From then on, Pilate tried to release him, but the Jews cried out, "If you release him, you're no friend of Caesar. Anyone who makes himself king opposes Caesar." Philaaxoos yennaa tana dhage'e, karaa Yesuus ittiin hiiku dhaggatiisaaf wodhaane. Gumiin ammoo, «Yoo isa hiitte, ati jaala mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatii moti; nami mootii tokko ifi godhu marti, mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatiin mormee isa lolu» jettee ittuma hogitte.
13 Hearing these words, Pilate brought Jesus out and sat on the judgment seat at a place called Stone Pavement—Gabbatha in Aramaic. Philaaxoos yennaa dubbii tana dhage'e, Yesuus gad baasee, addee dhakaa baxxicha jedhantutti barcumaa mura'a irra tee'e; addeen sun afaan Ibrootaatiin, «Gabataa» jedhanti.
14 It was Passover Preparation Day, about noon. He told the Jews, "Here is your King!" Guyyaan sun ka Jila Irra Dabaramaatiif qophowanu, gara saatii jaa ti. Philaaxoos kolba'aan, «Kunoo, mootiin keessan» jedhe.
15 They yelled, "Take him away! Take him away! Crucify him!" Pilate asked them, "Crucify your king?" The chief priests answered, "We have no king but Caesar." Isaan, «Ijjeesi! Ijjeesi! Fannis!» jedhanee ittuma hogisane. Philaaxoos, «Mootii keessan fannisuu?» jedhee isaan gaafate. Sooreyyiin hayyootaalle, «Nuuti mootii moototaa ka biyya Rooma'aa malee, mootii hin qannu!» jedhanee deebisane.
16 So then he handed him over to them to be crucified. So they took Jesus, Achiin duuba Philaaxoos akka Yesuus fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne. Isaanille Yesuus fuudhanee deemane.
17 carrying his own cross, he went out to the place called The Place of a Skull, called Golgotha in Aramaic. Achiin duuba Yesuus fannoo ifii ba'atee, gara addee, «Buqqii mata'aa» yookiin afaan Ibrootaatiin, «Golgootaa» jedhantu dhaqe.
18 There they crucified him, with two others, one on each side, Jesus in the middle. Isaan achitti isa fannisane; namoota dhibiille lamaan, maddii maddi'itti, Yesuus wodhakkaa isaaniititti fannisane.
19 Pilate also wrote a sign and put it on the cross: Jesus of Nazareth, King of the Jews. Philaaxoos waan ittiin beessisu tokko barreessee fannoo gubbaa keye. Wonni inni barreesse, «Yesuus nama biyya Naaziretii, mootii Yihudootaa» jetti.
20 Many Jews read this sign, since the place Jesus was crucified was near the city; it was written in Aramaic, Latin, and Greek. Addeen Yesuus itti fannifame qachaa bira waan teeteef, barreeffama san kolbaa heddu'utti dubbise. Beessisi sun afaan Ibrootaatiin, afaan Rooma'aatii fi afaan Giriikiitiin barreeffame.
21 So the Jewish chief priests said to Pilate, "Don't write 'The King of the Jews,' but 'This man said, I am King of the Jews.'" Sooreyyiin hayyootaa Philaaxoosiin, «Namichi kun, ‹Ani mootii Yihudootaa ti› jedheera jedhi malee, ‹Mootii Yihudootaa› jettee hin barreessin» jedhane.
22 Pilate answered, "What I have written, I have written." Philaaxoos deebisee, «Ani waan barreesse barreesseera» jedhe.
23 After crucifying Jesus, the soldiers took his clothes and split them into four shares, one per soldier, and took the tunic too. The tunic was seamless, woven in one piece from top to bottom. Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba'aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu.
24 So they said to each other, "Let's not tear it, but cast lots for who gets it." This was to fulfill the Scripture that says, "They divided my clothes among themselves, and cast lots for my garment." So the soldiers did this. Loltooti, «Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buufannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!» woliin jedhane. Barreeffam Woyyichi, «Woyaa tiyya qoodamane, ruufa kiyyatti hixaa buufatane» jedhu akka muummowuuf kun te'e. Loltootille kanuma godhane.
25 His mother, his mother's sister, Mary wife of Clopas, and Mary Magdalene stood near Jesus' cross. Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha'aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu.
26 Seeing his mother and the disciple he loved standing there, Jesus told her, "Woman, here is your son." Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaalattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, «Haadha tiyya, inni ilma keeti» jedheen.
27 Then he said to the disciple, "Here is your mother." From that hour, the disciple took her into his home. Achiin duuba barattichaan, «Isiin haadha teeti» jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate.
28 After this, knowing all was now finished, Jesus said, to fulfill Scripture, "I am thirsty." Yesuus amma wonni marti hobba'iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, «Ani dheebodhe» jedhe.
29 A jar full of sour wine sat there; they soaked a sponge in it, fixed it on a hyssop stalk, and lifted it to his mouth. Qoriin daadhiin woyni'ii dhangaggoottu'uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottuu xuuxachiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane.
30 Jesus took the sour wine and said, "It is finished." He bowed his head and gave up his spirit. Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, «Hobbaate!» jedhe. Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne.
31 Since it was Preparation Day, and they didn't want the bodies remaining on the cross during the Sabbath—that Sabbath was a special day—the Jews asked Pilate to break their legs and remove the bodies. Guyyaan sun guyyaa itti qophowanu guyyaa jimaata waan te'eef, guyyaan itti aanulle guyyaa Sanbata jila guddo'oo waan te'eef, Yihudooti baallii qabanu reeffi namootaa guyyaa Sanbataatiin fannoo gubbaa akka hin oolleef, miila worra fannifamaneeranuu cassanee, fannoo irraa gad buusiisaaf, Philaaxoos gaafatane.
32 So soldiers came and broke the legs of the first man, then the other crucified with him. Maarre loltooti dhaqanee miila worra Yesuus woliin fannifameeruu, dursanee miila namicha matoomaa, achiin duuba miila namicha kaaniille cassane.
33 But coming to Jesus, seeing he was already dead, they didn't break his legs. Isaan yennaa gara Yesuusii dhufane ammoo, inni duraanuu akka du'eeru dhagganee, miila isaa hin cassine.
34 But one of the soldiers pierced his side with a spear, and blood and water immediately came out. Te'uu malee, loltoota keessaa tokkochi, woraana ifiitiin cinaacha Yesuusii woraannaan yoosuma dhiigii fi bisaan keessaa jige.
35 The eyewitness has testified—his testimony is true, and he knows he speaks the truth—so you also may believe. Kana ka dhagge, akka isin dhugeeffattanuuf dhugaa bayeera; dhugaan inni bayelle dhuga'a; wonni inni dubbatulle dhugaa akka teete hin beeka.
36 For these things happened to fulfill the Scripture: "Not one of his bones will be broken." Kun Barreeffam Woyyichi, «Lafeen isaa tokkolle hin caddu» ka jedhu akka muummowuuf te'e.
37 And again another Scripture says, "They will look on the one they have pierced." Barreeffam Woyyichi dhibiin, «Isaan kama woraanane san hin dhaggan» jedha.
38 Afterward, Joseph of Arimathea—a disciple of Jesus, but secretly, for fear of the Jews—asked Pilate to let him remove Jesus' body. Pilate agreed, so he came and removed it. Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya'aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te'eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos gaafate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe.
39 Nicodemus, who had first come to Jesus at night, also came, bringing a mixture of myrrh and aloes, about seventy-five pounds. Niqoodemoos, ka duraanuu halkaniin gara Yesuusii dhufeeru, qumbi'ii fi hargiisa wolitti makame, gara kiiloogiraama soddomii afurii qabatee, Yoseef woliin addee san dhaqe.
40 They took Jesus's body and wrapped it in linen cloths with spices, as is Jewish burial custom. Namooti lamaan reeffa Yesuusii fuudhanee akka aadaa Yihudooti reeffa maranutti, fiqiree woliin woyaa qoolaan marane.
41 Where he was crucified there was a garden, and in the garden a new tomb where no one had yet been laid. Addee inni itti fannifame san oorru'utti jira; oorruu san keessa godi awwaalaa haarenni ka nami tokkolle itti hin awwaalaminitti jira.
42 Because it was the Jewish Preparation day, and the tomb was near, they laid Jesus there. Guyyaa worri Yihudootaa itti qophowanu waan te'eef, godi awwaalaalle dhikoo waan te'eef, reeffa Yesuusii achitti awwaalane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]