Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 18 guj

Show guj only
Verse × ×
1 After saying these things, Jesus went out with his disciples across the Kidron Valley, where a garden stood; he and his disciples entered it. Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane.
2 Judas the betrayer knew the place too, since Jesus often gathered there with his disciples. Yesuusii fi barattooti isaa yennaa hedduu achitti waan wol dhagganuuf, Yihudaan dabarsee isa kenne addee san hin beekaayyu.
3 So Judas came there with a detachment of soldiers and officers from the chief priests and Pharisees, carrying lanterns, torches, and weapons. Maarre Yihudaan loltoota worra Rooma'aa, eeddota Galma Waaqaa ka sooreyyii hayyootaatiin ergamanee fi Fariisaayota guuratee gara addee oorru'uu san dhaqe; isaan meya woraanaa hidhatanee faanosi'ii fi xassaa qabataneeran.
4 So Jesus, knowing all that was coming on him, went out and said to them, "Who are you looking for?" Yesuus waan itti dhufaaru beekee, gara duraa itti deemee, «Eennu barbaaddan?» isaaniin jedhe.
5 They answered him, "Jesus of Nazareth." Jesus said, "I AM." Judas, his betrayer, stood with them. Isaan deebisanee, «Yesuusii biyya Naaziretii ti» jedhane. Inni, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihudaan isa dabarsee kennelle isaan woliin achi dhaabbateeraayyu.
6 When Jesus said to them, "I AM," they drew back and fell to the ground. Yennaa Yesuus, «Aninuu isa» jedhe gara duubaa sissiqanee lafatti jigane.
7 So he asked them again, "Who are you looking for?" And they said, "Jesus of Nazareth." Ammalle Yesuus, «Eennu barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Yesuusii Naaziretii ti» jedhane.
8 Jesus answered, "I told you I AM. So if you're looking for me, let these men go." Yesuus deebisee, « ‹Aninuu isa› jedhee isinitti himeera. Isin, na yoo barbaadiisatti jiraattane, worra kana lakkisa'a deemanuu ti» jedhe.
9 This fulfilled Jesus's own word: "I have not lost a single one of those you gave me." Dubbiin inni tanaan dura, «Abba'a, worra ati naaf kennite keessaa tokkolle hin ganne» jedhe akka muummottuuf tana dubbate.
10 So Simon Peter drew his sword, struck the high priest's servant, and cut off his right ear—the servant named Malchus. Simoon Pheexroos, shallaagaa qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maqaan garbicha saniille Maalkoos.
11 So Jesus told Peter, "Sheath your sword. Shouldn't I drink the cup my Father has given me?" Yesuus Pheexroosiin, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf naaf kenne ani hin unuu?» jedhe.
12 Then the troops, their commander, and the Jewish officers seized Jesus and tied him up. Achiin duuba loltooti worra Rooma'aa worra isaan ajajuu fi Yihudoota Galma Waaqaa eeganu woliin Yesuus qabanee, hidhanee,
13 They took him to Annas first, for he was father-in-law to Caiaphas, high priest that year. matooma gara Haannaas isa geessane. Haannaas abbaa-soddaa Qayyaaffa'aa ti; Qayyaaffaan bara san Hayyicha Guddaa te'eeraayyu.
14 Caiaphas was the one who advised the Jews: better one man die for the people. Qayyaaffaan kunille, nami tokko kolbaa maraaf yoo du'e woyya jedhee Yihudoota baallii qabanu ka gorse.
15 Simon Peter and another disciple followed Jesus. That disciple was known to the high priest, so he entered with Jesus into the high priest's courtyard, Simoon Pheexroosii fi barataan dhibiin Yesuus hordofane. Barataan dhibiin sun Hayyicha Guddaa biratti beekkamaa waan te'eef, Yesuus woliin gara dalleya mana hayyicha gudda'aa seene.
16 but Peter stood outside at the door. So the other disciple, known to the high priest, went out, spoke to the servant girl who kept the door, and brought Peter in. Pheexroos ammoo karra duratti hafe. Barataan dhibiin, Hayyicha Guddaa biratti beekkame sun gad bayee, durrittii karra eeddutti himee, Pheexroos ol seensise.
17 The servant girl guarding the door said to Peter, "You also are not one of this man's disciples, are you?" He said, "I'm not." Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, «Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?» jette. Pheexroos deebisee, «Waawwo'o, anaa moti» jedhe.
18 The servants and officers, feeling the cold, had lit a charcoal fire and stood warming themselves; Peter stood with them, warming himself. Boojjiin waan jirtuuf, tajaajiltootaa fi worri eeddotaa ibidda cile'ee gabbisanee, naannoo isaa dhaabbatanee, o'ifatiisatti jiran. Pheexroosille isaan woliin dhaqee dhaabbatee o'ifate.
19 The high priest then questioned Jesus about his disciples and his teaching. Hayyichi guddaan marroo barattoota isaatii fi marroo barsiisa isaa Yesuus gaafate.
20 Jesus answered him, "I spoke openly to the world; I always taught in synagogues and in the temple, where all the Jews gather. I said nothing in secret. Yesuus deebisee, «Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqonfannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne.
21 Why ask me? Ask those who heard what I said to them; they know what I said." Ati maaf na gaafatta ree? Kolbaa na dhageette gaafadhu. Isaan waan ani jedhe hin beekan» jedheen.
22 At this, one of the guards nearby slapped Jesus, saying, "Is that how you answer the high priest?" Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokko, «Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?» jedhee isa kabale.
23 Jesus answered him, "If I spoke wrongly, testify about the wrong; but if rightly, why do you strike me?" Yesuus deebisee, «Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?» isaan jedhe.
24 Then Annas sent him, still bound, to Caiaphas the high priest. Achiin duuba Haannaas, akkuma inni hidhamee jiruun, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa erge.
25 Simon Peter, meanwhile, stood warming himself. They said, "Aren't you also one of his disciples?" He denied it: "I'm not." Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, «Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?» isaan jedhane. Pheexroos ammoo, «Waawwo'o, anaa moti» jedhee mormate.
26 One of the high priest's servants, a relative of the man whose ear Peter cut off, asked, "Didn't I see you with him in the garden?" Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, «Isa woliin oorruu keessatti ani si hin dhagginee?» jedhee isa gaafate.
27 Peter again denied it, and at once a rooster crowed. Pheexroos ammalle mormate; yoosuma lukkuun iyyite.
28 Then they led Jesus from Caiaphas to the governor's headquarters. It was early morning. They themselves didn't enter, so they wouldn't be made unclean but could eat the Passover. Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne.
29 So Pilate went out to them and said, "What accusation do you bring against this man?" Tanaaf Philaaxoos gara isaanii gad bayee, «Wonni isin namicha kana ittiin himattanu maan?» jedheen.
30 They answered him, "If this man weren't doing wrong, we wouldn't have handed him over to you." Isaan deebisanee, «Adoo inni yakkaa tokko hin hujin nuuti gara keeti isa hin finnuuyyu» jedhaneen.
31 Pilate said, "Take him yourselves and judge him by your own law." The Jews said, "We're not permitted to execute anyone." Philaaxoos isaaniin, «Isinunti isa fuudha'aatii, akka seera keessaniititti itti mura'a» jedhe. Isaan, «Nuuti nama tokkolle ijjeesu'uuf seerri nuuf hin kennu» jedhanee deebisane.
32 This fulfilled the word Jesus had spoken, showing what kind of death he was about to die. Dubbiin Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru dubbate akka muummottuuf tun teete.
33 So Pilate went back into the headquarters, summoned Jesus, and asked, "Are you the King of the Jews?" Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee seenee, Yesuus waamee, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate.
34 Jesus answered, "Are you saying this on your own, or did others tell you about me?" Yesuus deebisee, «Gaaffii tana si'umatti gaafata moo yookiin worra dhibi'itti marroo tiyya sitti hime?» jedhe.
35 Pilate replied, "Am I a Jew? Your own nation and chief priests handed you over to me. What have you done?" Philaaxoos deebisee, «Ati nama Yihudi'ii na seetaa? Kolbuma teetii fi sooreyyii hayyootaatitti gara kiyya dabarsee si kenne. Ati maan gooteerta?» jedhe.
36 Jesus answered, "My kingdom isn't from this world. If it were, my servants would fight against my being handed to the Jews. But my kingdom isn't from here." Yesuus deebisee, «Mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaatii moti; adoo mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaa teetee, akka ani worra Yihudoota baallii qabanutti dabarfamee hin kennanne, silaa hordofattooti tiyya naaf hin lolaniiyyu. Mootummaan tiyya ammoo ta biyya lafa tanaatii moti» jedhe.
37 Then Pilate said to him, "So you are a king?" Jesus answered, "You say I'm a king. I was born for this, and I came into the world for this—to testify to the truth. Everyone who belongs to the truth hears my voice." Maarre Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaatii ree?» jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, «Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e na hin dhage'a» jedhe.
38 Pilate asked, "What is truth?" Then he went out to the Jews again and said, "I find nothing wrong in him. Philaaxoos, «Dhugaan maan inni?» jedhee gaafate. Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, «Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu.
39 But you have a custom: I release one man to you at Passover. So do you want me to release the King of the Jews to you?" Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?» isaaniin jedhe.
40 They cried out again, "Not this man, but Barabbas!" Now Barabbas was a robber. Jennaan isaan, «Waawwo'o, isaa moti! Barabbaa nuu hiiki!» jedhane itti hogisane; Barabbaan nama nama saamaa ture.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]