Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 21 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Afterward Jesus showed himself again to the disciples by the Sea of Tiberias—this is how he showed himself. Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas:
2 Simon Peter, Thomas called Twin, Nathanael from Cana in Galilee, Zebedee's sons, and two other disciples were together. Simoon Pheexroos, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhibiin lamaan woliin jiraniiyyu.
3 Simon Peter told them, "I'm going fishing." "We'll go with you," they said. So they went out and got into the boat, but caught nothing that night. Simoon Pheexroos, «Ani qurxummii guuriisa dhaqaara» isaaniin jedhe. Isaanille, «Nuutille si woliin dhandhaa» jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne.
4 At daybreak Jesus stood on the shore, yet the disciples didn't know it was Jesus. Yennaa aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te'e hin beenne.
5 Jesus said to them, "Children, do you have any fish?" They answered him, "No." Achiin duuba inni isaaniin, «Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Waawwo'o» jedhanee deebisane.
6 He told them, "Cast the net on the boat's right side, and you'll find fish." So they cast it, and were no longer able to haul it in for the sheer number of fish. Inni isaaniin, «Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan» jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.
7 The disciple Jesus loved told Peter, "It's the Lord!" Hearing it was the Lord, Simon Peter wrapped his coat around him—he'd taken it off to work—and threw himself into the sea. Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, «Gootta'aa be!» jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale.
8 The other disciples came in the boat, dragging the net full of fish, since they were only about one hundred yards from shore. Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa callaa lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane.
9 When they went ashore, they saw a charcoal fire with fish on it, and bread. Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo'oo fi qurxummii kashila cile'ee irra jirtu achitti dhaggane.
10 Jesus said to them, "Bring some of the fish you have just caught." Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Qurxummuma amma qabattane irraa fida'a» jedhe.
11 So Simon Peter climbed aboard and dragged the net ashore, full of 153 large fish; despite so many, it didn't tear. Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane.
12 Jesus said to them, "Come, eat breakfast." None of the disciples dared ask him, "Who are you?"—they knew it was the Lord. Yesuus isaaniin, «Kowa'aa diiranteeffadha'a!» jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, «Ati eennu?» jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru.
13 Jesus came, took the bread, and gave it to them, and the fish as well. Maarre Yesuus dhufee, daabboo fuudhee, isaaniif kenne; qurxummiille akkasuma godhe.
14 This was now the third time Jesus revealed himself to the disciples after being raised from the dead. Yesuus eega du'aa ka'e, barattootatti mudhatuun isaa tun yennaa sadeesso'oo ti.
15 After they ate breakfast, Jesus asked Simon Peter, "Simon, son of John, do you love me with all your heart, more than these?" He answered, "Yes, Lord, you know I love you as a friend." Jesus told him, "Feed my lambs." Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Simoonii ilma Yohaannisii, worra kana caalaa na jaalattaa?» jedhe. Inni, «Ee, Goottaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise. Yesuus isaan, «Ilmoolee tiyya dheedisiisi» jedhe.
16 A second time Jesus asked, "Simon son of John, do you love me with all your heart?" He replied, "Yes, Lord, you know I love you as a friend." Jesus said, "Take care of my sheep." Yesuus lammeessoo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalattaa?» jedheen. Inni, «Ee, Gootta'a, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise. Yesuus, «Buruusoo tiyya tissi» jedheen.
17 A third time Jesus said to him, "Simon son of John, do you love me as a friend?" Peter was hurt that Jesus asked him a third time, "Do you love me as a friend?" and said, "Lord, you know everything; you know that I love you as a friend." Jesus said to him, "Feed my sheep." Yesuus yennaa sadeesso'oo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalatta?» jedhe. Pheexroos waan inni sadeessoo, «Ana jaalattaa?» jedhee isa gaafateef gaddee, «Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen; Yesuus, «Hoolee tiyya bobbaasi.
18 "Truly, truly, I tell you: when you were young, you dressed yourself and went where you wanted; but when you're old, you'll stretch out your hands, and another will dress you and take you where you don't want to go." Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriirfatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaalanne si geessa» jedheen.
19 Jesus said this to show by what kind of death Peter would glorify our Father. Then he told him, "Follow me." Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, «Na hordofi!» isaan jedhe.
20 Peter turned and saw the disciple Jesus loved following—the one who leaned back against Jesus at supper and asked, "Lord, who is going to betray you?" Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaalatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, «Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?» jedhee gaafate.
21 When Peter saw him, he said to Jesus, "Lord, what about this man?" Pheexroos yennaa isa dhagge, «Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?» jedhee Yesuus gaafate.
22 Jesus told him, "If I want him to remain until I come, what's that to you? You follow me." Yesuus, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi» jedheen.
23 So this word spread among the brothers and sisters that this disciple would not die. Yet Jesus did not tell him he would not die, but, "If I want him to remain until I come, what is that to you?" Maarre oduun, «Barataan kun hin du'u» jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?» jedhe malee, inni hin du'u hin jenne.
24 This is the disciple testifying to these things and who wrote them; we know his testimony is true. Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna.
25 Jesus did many other things too. If each were written down, I don't think the world itself could hold the books written. Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuuyyuu jedhee herrega.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]