Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Acts 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In my first book, Theophilus, I wrote about everything Jesus began to do and teach, Ulfaataa Tewoofiloos! Kitaaba kiyya ka kanaan duraa keessatti marroo waan Yesuus hujeetii fi barsiise duudii barreesseera. Wonni ani barreesselle gaafa Yesuus hujii ifii jalqabeen kaasee,
2 until the day he was taken up, having given commands through the Holy Spirit to the apostles he had chosen. haga guyyaa gara ol gubba'aa bayeetitti waan huje; inni ergantoota filateef, ajaja ifii karaa Ayyaana Woyyichaatiin kenneen duuba gara ol gubba'aa baye.
3 After his suffering, he showed himself alive to them through many proofs, appearing to them forty days, speaking of our Father's kingdom. Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddeebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate.
4 While staying with them, he ordered them not to leave Jerusalem but to wait for my Father's promise—"which," he said, "you heard from me; Inni isaan woliin adoo jiruu, «Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a» jedhee isaan ajajaje.
5 for John baptized with water, but within a few days you will be baptized with the Holy Spirit." Ede'eelle Yesuus, «Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan» jedhe.
6 So, gathered together, they asked, "Lord, will you restore the kingdom to Israel now?" Yennaa wolitti qabamane ergantooti Yesuusiin, «Gootta'a, ati ammaa tana Israa'eliif Mootummaa deebittee kennaartaa?» jettee gaafatte.
7 He said to them, "You're not to know times or seasons that my Father has set by his own authority. Yesuus isaaniin, «Yenna'aa fi bara Abbaan kiyya baallii ifiitiin murteesse beekuu hin dandeettanu;
8 But when the Holy Spirit falls on you, you'll gain power to be my witnesses—in Jerusalem, all Judea, Samaria, and earth's farthest reaches." ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan» jedhe.
9 After he said these things, as they watched, he was lifted up, and a cloud took him from their sight. Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba'aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.
10 As they stared into heaven while he went, suddenly two men in white clothes stood beside them. Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee,
11 They said, "Galileans, why stare at the sky? This Jesus, taken from you into heaven, will return exactly as you saw him go." «Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa» jedhane.
12 Then they returned to Jerusalem from the Mount called Olivet, near Jerusalem, about a half-mile away. Achiin duuba ergantooti gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'ane; gaarri Ejersaa Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira tokko fagaata.
13 Entering, they went up to the upstairs room where they stayed: Peter, John, James, Andrew, Philip, Thomas, Bartholomew, Matthew, James son of Alphaeus, Simon the Zealot, and Judas son of James. Isaan qachaa guddicha seenanee, gara kolloo mana mana gubba'aa ol bayane. Isaanille Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiryaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewoos, Maatewoos, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoonii hinaattichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoobii fa'a.
14 All these persisted together in prayer, with the women, Mary the mother of Jesus, and his brothers. Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii haadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.
15 In those days Peter stood up among the brothers (about 120 in all) and said, Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaa fi diddamaa geettu tokko keessa dhaabbatee,
16 "Brothers, the Scripture the Holy Spirit spoke beforehand through the mouth of David about Judas—who became guide to those who arrested Jesus—had to be fulfilled. «Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawitiitiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu.
17 For he was numbered among us and was allotted his share in this ministry." Yihudaan qooda hujii teennaa nu woliin akka qabaatu waan filameeruuf, golii teenna te'eeraayyu.
18 (This man bought a field with the pay for his wrongdoing, then fell headfirst, burst open in the middle, and all his insides spilled out. Namichi kun beesee hujii hammeenna ifiitiin dhaggate saniin, fichaa bitate; inni mata'aan lafa dhowee nafi isaa dho'ee, meen gadha'aa jige.
19 This became known to everyone living in Jerusalem, so the field was named in their language Akeldama, that is, Field of Blood.). Worri Yerusaalem keessa le'anu duudiin waan kana dhage'ane; maarre isaan lafa san afaan ifiitiin ‹Akeldaamaa› jedhane; akkas jechuulle ‹Lafa dhiigaa› jechu'u.
20 "For it's written in the Book of Psalms: 'Let his camp become empty, with no one living there,' and 'Let another take his position.' «Kitaaba Faaru'uu keessatti, « ‹Manni isaa ona te'uu ti; eennulle keessa hin le'in›, akkasuma, ‹Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti› jedhantee barreeffanteerti.
21 So one of the men who accompanied us all along, while the Lord Jesus went in and out among us, Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa,
22 from John's baptism until the day he was taken up from us—one of these must become with us a witness to his resurrection." akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du'aa ka'a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te'uu barbaachisa» jedhe.
23 And they put forward two—Joseph called Barsabbas, who was also called Justus, and Matthias. Maarre isaan nama lamaan Yoseef ka barsaabaas yookiin Yosxos jedhamee waamamuu fi Maatiyaas dhikeessane.
24 They prayed and said, "You, Lord Jesus, who know all hearts, show which one of these two you chose, Achiin duuba isaan, «Gootta'a, ati yaada nama duudi'ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te'ee akka tajaajiluuf ka filatte nu'utti mudhisi» jedhaa daadimatane.
25 to take the place in this ministry and apostleship that Judas left to go to his own place. Not in this edition
26 They cast lots for them; the lot fell to Matthias, and he was counted with the eleven apostles." Achiin duuba isaan namoota lamaan keessaa tokko filiisaaf hixaa yennaa buusane, hixaan Maatiyaas dhaqqabe. Maarre inni ergantoota kudhanii tokkotti dabalame.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]