Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Acts 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 When the day of Pentecost arrived, they were all together in one place. Jilti guyyaa shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu.
2 Suddenly a sound like a violent, rushing wind came from heaven and filled the entire house where they sat. Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte.
3 What looked like divided tongues of fire appeared and rested on each one of them. Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e.
4 All were filled with the Holy Spirit and began speaking in other tongues, as the Spirit gave them words to say. Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeessisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.
5 At that time devout Jews from every nation under heaven were living in Jerusalem. Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu.
6 When this sound rang out, a crowd gathered, confused, since each one heard them speak in his own language. Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon wolitti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane.
7 They were amazed and astonished, saying, "Are not all these who are speaking Galileans? Isaan baaseffataa maadeffataa, «Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii?
8 How is it, then, that each of us hears them in our own native language? Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna?
9 Parthians, Medes, and Elamites; those who live in Mesopotamia, Judea and Cappadocia, Pontus and Asia, Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa,
10 Phrygia, Pamphylia, Egypt, the parts of Libya near Cyrene; visitors from Rome, Jews and converts to Judaism; Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne,
11 Cretans and Arabs—we hear them telling in our own tongues the mighty works of our Father!" worra Yihudi'iitii fi worra Yihudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna» jedhane.
12 They were all amazed and perplexed, saying to one another, "What does this mean?" Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, «Wonni kun maan jechu'u?» jedhaa wol gagaafatane.
13 But others mocked and said, "They are full of sweet wine." Worri dhibiin ammoo, «Kolbaan tun daadhii woyni'ii untee machootteerti!» jedhaa itti murge.
14 But Peter stood with the eleven, raised his voice, and declared to them: "Men of Judea, everyone living in Jerusalem—know this and listen carefully to my words. Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, «Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a.
15 These people are not drunk, as you suppose, for it is only nine o'clock in the morning. Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu.
16 No, this is what was spoken through the prophet Joel: Tun ammoo afaan raagicha Yo'eliitiin,
17 'And in the last days, says our Father, I will pour out my Spirit on all people; your sons and your daughters will prophesy, your young men will see visions, and your old men will dream dreams. «‹Guyyaa muumme'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.
18 Even on my male servants and my female servants in those days I will pour out my Spirit, and they will prophesy. Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanille raaga hin dubbatan.
19 I will show wonders in the heavens above and signs on the earth below—blood and fire and billows of smoke. Ani ol-gubba'atti baasa, gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa; Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata.
20 The sun will be turned to darkness and the moon to blood, before the great and glorious day of the Lord comes. Guyyaan Gootta'aa guddichii fi ulfaataan adoo hin dhufin dura, aduun hin dukkanti; jiinille diimaa akka dhiigaa te'a.
21 And everyone who calls on the name of the Lord will be saved.'" Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya› jedhe.
22 "Men of Israel, hear these words: Jesus of Nazareth—a man our Father attested to you through miracles, wonders, and signs our Father did through him among you, as you yourselves know. «Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti.
23 This man, handed over by our Father's set plan and foreknowledge, you crucified and killed by the hands of lawless men. Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane.
24 But our Father raised him, freeing him from death's agony, since death could not hold him. Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne.
25 For David says of him: 'I saw our Father always before me, for he's at my right hand, so I won't be shaken.' Daawiti marroo isaatiif, «‹Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga; Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu.
26 Therefore my heart was glad and my tongue rejoiced; moreover, my body also will rest in hope. Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera; arrabi kiyyalle gammadaan guutameera. Akkasuma nafi kiyya du'aan addi'iin jiraata.
27 For you will not abandon my soul to the grave, nor let your Holy One see decay. Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu; ati garbicha addatamaa keeti, addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu.
28 You have shown me the paths of life; you will fill me with gladness in your presence." Ati karaa jiru'uu natti mudhitteerta; Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta› jedha.
29 "Brothers, I can tell you plainly: our ancestor David died, was buried, and his tomb remains with us to this day. «Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira.
30 Since he was a prophet, he knew our Father had sworn an oath to seat one of his descendants on his throne, Daawiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekeera.
31 he foresaw and spoke of the Christ's resurrection, that he was not abandoned to the grave, nor his body saw decay. Tanaaf Daawiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‹Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre› jedhee raageera.
32 This Jesus our Father raised up, and we are all witnesses of it. Waaqi Yesuusii kana du'aa kaaseera; nuuti duudiille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota.
33 So, lifted up to our Father's right hand, having received the promised Holy Spirit from the Father, he poured out what you now see and hear. Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa.
34 For David never went up into heaven, but he himself says: "Our Father said to my Lord, 'Sit at my right hand, Daawiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu, «‹Goottaan Goottaa kiyyaan, haga ani diinota keeti ijjata miila keeti jala godhutti, asi maddii midda kiyyaatitti tee'i› jedhee dubbateera.
35 until I make your enemies a footstool for your feet.'" Not in this edition
36 "So let the whole house of Israel know for certain: our Father made this Jesus, whom you crucified, both Lord and Christ." «Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!» jedhe.
37 Cut to the heart at this, they asked Peter and the other apostles, "Brothers, what should we do?" Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, «Jarana maan goona?» jette.
38 Peter said to them, "Repent, and each of you be baptized in the name of Jesus Christ for the forgiveness of your sins, and you will receive the gift of the Holy Spirit. Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan.
39 For the promise is for you, your children, and all far off—as many as the Sovereign our Father will call to himself." Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef» jedhee deebise.
40 And with many other words he warned and urged them, saying, "Save yourselves from this corrupt generation." Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, «Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a» jedhe gorse.
41 So those who welcomed his message were baptized, and about 3,000 people were added that day. Worri hedduun waan inni jedhu dhugeeffatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane.
42 They devoted themselves to the apostles' teaching and deep communion, to the breaking of bread and the prayers. Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.
43 Awe came over everyone, and many wonders and signs were done through the apostles. Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane.
44 All who believed were together and had all things in common. Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane.
45 They sold their property and possessions and distributed the proceeds to all, as anyone needed. Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane.
46 Every day, devoting themselves together in the temple, breaking bread house to house, they shared food with joyful, sincere hearts, Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa,
47 praising our Father, with favor among all the people. The Lord added to their number daily those being saved. Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]