Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Acts 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Peter and John were going up to the temple at around three in the afternoon, the hour of prayer. Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafowa saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane.
2 A man lame from birth was carried and placed daily at the temple gate called Beautiful, to beg from those entering the temple. Achi «Karra miidhadduu» jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan.
3 Seeing Peter and John about to go into the temple, he asked them for money. Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka woy isaa kennanuuf kadhate.
4 And Peter, gazing at him with John, said, "Look at us." Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos «Ol jedhii nu ilaal» jedheen.
5 And he fixed his attention on them, expecting to receive something from them. Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale.
6 Peter said, "I own no silver or gold, but I give you what I have: in the name of Jesus Christ of Nazareth, rise and walk." Pheexroos ammoo, «Ani beesee hin qabu; waan qabu ammoo si'iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka'ii ideemi» jedhe.
7 Taking his right hand, he raised him up; instantly his feet and ankles grew strong. Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin isaa jabaatte.
8 Jumping up, he stood, began walking, and entered the temple with them, walking, jumping, and praising our Father. Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u'utaalaa Waaqa leellifate.
9 And all the people saw him walking and praising our Father. Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane.
10 They recognized him as the beggar who sat at the temple's Beautiful Gate, and were filled with wonder and amazement at what had happened to him. Isaan inni kadhaticha karra «Miidhadduu» jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane.
11 As he held on to Peter and John, all the people ran to them at the portico called Solomon's, utterly astonished. Yennaa namichi fayye sun Pheexroosii fi Yohaannis biraa hafuu dide, gumiin duudiin jajjee gara addee «Soroo Solomoonii» jedhantuu rukkitte.
12 Seeing this, Peter said to the people, "Israelites, why does this amaze you? Why stare at us, as if by our own power or godliness we made him walk? Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, «Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?» isaaniin jedhe.
13 The God of Abraham, Isaac, and Jacob, the God of our fathers, glorified his servant Jesus, whom you handed over and denied before Pilate, when Pilate decided to release him. Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxoosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxoos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane.
14 But you denied the Holy and Righteous One, asking that a murderer be given to you. Isin ammoo Yesuusii Woyyichaa fi balchichaa diddanee, ka nama ijjeese akka hiikamuuf gaafattane.
15 You killed the Author of life; our Father raised him from the dead. To this we are witnesses. Isin ka jiruu kennu ijjeettane; Waaqi ammoo du'aa isa kaase. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota.
16 His name, through faith in his name, has made this man strong—the very man you see and know. And faith in Jesus has given him this complete health right before your eyes. Namicha naafa te'e kanaaf hunna jabeennaa ka kenne hunna maqaa Yesuusii ti. Wonni isin dhaggitanuu fi beettanu maqaa Yesuusiititti dhugeeffatiisaan teete; akkuma isin duudiin dhaggitanu wonni isa fayyise, dhugeeffannaa inni Yesuusitti qabu.
17 "And now, brothers, I know that you acted in ignorance, as did also your rulers. «Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka.
18 But our Father fulfilled what he predicted through all the prophets: his Christ would suffer. Waaqi bara heddu'uun dura Masiihiin akka rakkattu afaan raagota maraatiin ka dubbate, karaa kanaan akka muummottu godheera.
19 Repent, then, and turn back, so your sins are wiped out, Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi'aatii, gara Waaqaa dacha'a'a.
20 that times of refreshing may come from our Father's presence, and that he may send the Christ appointed for you, Jesus, Waaqa irralle'ee barri isin itti haareffantanu hin dhufa; Waaqi masiihii dursee isiniif file Yesuus isiniif hin erga.
21 whom heaven must receive until all things are restored, about which our Father spoke through his holy prophets long ago. Inni haga yennaan waan duuchi'ii hareffamiisaa geettutti, akkuma Waaqi karaa raagota woyyootaatiin woggaa heddu'uun dura lallabe ol-gubba'atti turuu qaba.
22 Moses said, 'Your Father will raise up a prophet like me for you, from your brothers. Listen to him in everything he tells you.' Muuseen, ‹Goottaan Waaqi keessan akkuma amma na kaase, kolbaa teessan keessaa raagaa tokko isiniif hin kaasa; waan inni isinitti himu mara dhage'a'a.
23 Anyone who does not listen to that prophet will be utterly destroyed from among the people.' Nami raagicha san dhage'uu didu duudiin, kolbaa Waaqaa irraa adda bayee hin bada› jedheera.
24 All the prophets who spoke, from Samuel onward, also announced these days. Raagoti Saamu'eliin jalqabanee ka'anee fi dubbatane duudiinuu, waan bara kanaa dubbataneeran.
25 You are the sons of the prophets and of the covenant our Father made with your fathers, telling Abraham, 'By your offspring all the families of the earth will be blessed.' Isin sanyii raagotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‹Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa› jedhee gondoore worra dhaalu.
26 Our Father raised up his servant and sent him to you first, to bless you by turning each of you from your evil." Tanaaf Waaqi karaa hamaa keessan irraa deebisee isin eebbisu'uuf, tajaajilaa ifii Yesuus filee dursee isiniif erge» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]