Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Acts 4 guj

Show guj only
Verse × ×
1 While Peter and John were speaking to the people, the priests, the temple captain, and the Sadducees came up to them, Pheexroosii fi Yohaannis adoo kolba'atti dubbatiisatti jiranuu hayyooti, dura buutoti eeddota Galma Waaqaatii fi Saduqooti itti dhufane.
2 greatly annoyed because they were teaching the people and proclaiming the resurrection from the dead in Jesus. Ergantooti lamaan akka Yesuus du'aa ka'ee fi worri du'elle akka du'aa ka'u waan kolbaa barsiisaneef, jarri tun isaanitti aarte.
3 They arrested them and put them in custody until the next day, since it was already evening. Maarre isaan Pheexroosii fi Yohaannis qabanee, latti waan dhiiteertuuf haga bariitu mana hidha'aa galchane.
4 But many who heard the message believed, and the men's number reached about 5,000. Ammoo worra jecha isaanii dhage'e keessaa worri hedduun dhugeeffate; laakkossi worra dhugeeffatee gara kuma shanii guddate.
5 The next day their rulers, elders, and teachers of the law gathered together in Jerusalem, Boruyyaa sooressitooti Yihudootaa, jaarsole'ee fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalem keessatti wolitti qabamane.
6 with Annas the high priest, Caiaphas, John, Alexander, and all who were of the high-priestly family. Worra wolitti qabame san keessa hayyichi guddaan Haannaas, Qayyaaffaan, Yohaannis, Iskindrosii fi maatiin Hayyicha gudda'aalle achi jiran.
7 They stood them in the middle and asked, "By what power or by what name did you do this?" Isaan Pheexroosii fi Yohaannis ifiin dura dhaabbachiisanee, «Hunna maaniitiin yookiin maqaa eennuutiin Kana gootane?» jedhanee gaafatane.
8 Then Peter, filled with the Holy Spirit, said to them, "Rulers of the people and elders, Pheexroos Ayyaana Woyyichaan guutamee, «Isin bulchitooti kolba'aatii fi jaarsoleen,
9 if we're questioned today about a good deed to a sick man, how he was healed. marroo waan dansaa namicha naafa kanaaf godhamee nu gaafattanii? Ka isa fayyiselle eennu akka te'e nu gaafattanii?
10 Know this, all of you and all Israel's people: by the name of Jesus Christ of Nazareth, whom you crucified, whom our Father raised from the dead—by him this man stands before you well. Namichi amma fayyee isin dura dhaabbatu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa'elii martinuu beeka'a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammoo du'a keessaa isa kaase.
11 This Jesus is "the stone you builders rejected, which has become the cornerstone." Inni dhakaa isin worri mana ijaaru tuffattane, ka ammoo dhakaa dhakaa mara caalu ite'e.
12 Salvation is in no one else; no other name under heaven is given among people by which we must be saved." Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi'iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe.
13 Seeing Peter and John's boldness, and realizing they were uneducated, ordinary men, they were amazed and recognized they had been with Jesus. Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale.
14 Seeing the healed man standing with them, they had nothing to say against it. Ammoo namichi fayye sun, Pheexroosii fi Yohaannis woliin dhaabbateeruun waan dhagganeef waan jedhanu dhabane.
15 So they ordered them to leave the council, and then they conferred among themselves, Maarre isaan akka Pheexroosii fi Yohaannis mana mura'aa keessaa gad bayanu ajajanee, achiin duuba woliin mari'atiisa jalqabanee,
16 saying, "What should we do with these men? A notable sign has happened through them, plain to all who live in Jerusalem, and we cannot deny it. «Jara tana maan goona? Bilbaasi kun karaa isaaniitiin akka hujame namooti Yerusaalem keessa jiranu duudiin hin beekan, bilbaasi kun hin teene jennee hin dandeennu.
17 But to stop this from spreading further among the people, let's warn them to speak to no one in this name again." Ammoo wonni kun akka hin babadhanne, maqaa Yesuusiitiin ijjumaa deebi'anee nama tokkolle'etti akka hin dubbanne, kowa'a isaan seerraa» jedhane.
18 They called them and ordered them not to speak or teach at all in Jesus' name. Achiin duuba isaan Pheexroosii fi Yohaannis ammalle gara keessaa deebisanee waamanee maqaa Yesuusiitiin ijjumaa akka hin dubbanne yookiin hin barsiinne itti himane.
19 Peter and John answered them, "You judge whether it's right before our Father to listen to you rather than to him. Pheexroosii fi Yohaannis ammoo deebisanee, «Waaqaaf ajajamiisa irra isiniif ajajamiis Waaqa duratti sirri'ii? Me isinuu mura'a.
20 For we cannot help speaking about what we have seen and heard." Nuuti waan ifii dhagginee fi dhageenne himiisa hin lakkinnu» jedhane.
21 After more threats, they released them, finding no way to punish them because of the people, since all were glorifying our Father for what happened. Maarre Korri mura'aa jabeessee isaanitti seeree akkanumaan isaan gad lakkise; kolbaan duudiin sababa bilbaasa te'eetiif waan Waaqa leellisiisatti jirtuuf, karaa dande'anee isaan adabanu hin dhagganne.
22 For the man who had received this sign of healing was over forty years old. Namichi bilbaasi kun irratti hujame woggaan isaa afurtama caala.
23 Once released, they went to their own people and reported all the chief priests and elders had said to them. Pheexroosii fi Yohaannis akkuma gad lakkifamaneen, gara jara ifii deebi'anee waan sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isaaniin jedhane itti himane.
24 Hearing this, they raised their voices together to our Father and said, "Sovereign Father, you made heaven, earth, sea, and everything in them. Isaan tana yennaa dhage'ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, «Gootta'a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si'i.
25 You spoke by the Holy Spirit through the mouth of our father David, your servant: "Why did the nations rage and the peoples plot in vain?" Ayyaana Woyyichaan, afaan garbicha keeti Abbaa abbootii teennaa Daawitiitiin, «‹Worri Yihudoota hin te'in maaf aarane? Kolbaan mala bu'aa hin qanne maaf dhootte?
26 The kings of the earth took their stand, and the rulers gathered together against our Father and against his Anointed." Moototi lafaa ifi qopheeffatanee, bulchitootille wolitti qabamanee, Gootta'aa fi Masiihii isaa irratti ka'ane› ka jette si'i.
27 For truly, in this city, Herod and Pontius Pilate gathered with the Gentiles and peoples of Israel against your holy servant Jesus, whom you anointed, «Dhugumaan qachaa kana keessatti Heroodisii fi Phonxoos Philaaxoos, worra Yihudoota hin te'inii fi kolbaa Israa'elii woliin, tajaajilaa keeti Woyyicha, ka ati Masiihii goote Yesuusitti ka'ane.
28 to do whatever your hand and your plan had decided beforehand should happen. Isaan waan ati hunna teetii fi fedhii teetiin akka teetuuf murteertu muummessane.
29 Now, Father, see their threats, and let your servants speak your word with all boldness, Ammalle Gootta'a, sodaachisaa isaanii tana ilaali, nuuti tajaajiltooti teeti sodaa malee akka dubbannu nu godhi.
30 as you reach out your hand to heal, and signs and wonders occur through the name of your holy servant Jesus. Karaa maqaa tajaajilaa keeti woyyicha Yesuusiitiin dhibee irraa akka fayyanu, baasaa fi bilbaasi akka godhamu harka keeti diriirsi» jedhane.
31 After they prayed, the place they were gathered in shook; all were filled with the Holy Spirit and spoke the word of our Father boldly. Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.
32 All the believers were one in heart and soul; no one called any possession their own, but held everything in common. Dhugeeffattooti martinuu yaadaa fi gadhaa tokkoon jiraniiyyu. Isaan keessaa nami tokkolle, «Kun kiyya» waan jedhu hin qabuuyyu; isaan waan qabanu mara wolumaan qabaniiyyu.
33 With great power the apostles testified to the Lord Jesus's resurrection, and great grace rested on them all. Ergantooti hunna guddo'oon du'aa ka'iisa Goottaa Yesuusii dhugaa bayane. Waaqille isaan mara irratti eebba guddaa jisseeraayyu.
34 No one among them was needy: all who owned land or houses sold them and brought the price of what was sold, Isaan keessa rakkataan tokkolle hin jiru. Worri lafa yookiin mana qabanu martinuu gurguranee beesee fidanee,
35 and laid it at the apostles' feet, and it was distributed to each according to their need. ergantootatti kennaniiyyu; ergantootille akka barbaachisaa te'etti beesee tokko tokkoofuu qoqoodaniiyyu.
36 Joseph, a Levite from Cyprus, whom the apostles called Barnabas (which means Son of Encouragement), Lewwichi tokko, ka Yoseef jedhamu, Qophiroositti ka dhalate, ka ergantooti «Baarnaabaas» jettee waantu tokko jiraayyu; akkas jechuun «Ka nama jajjabeessu» jechu'u;
37 sold a field he owned, brought the money, and laid it at the apostles' feet. inni lafa qabu gurguree, beesee fidee ergantootatti kenne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]