Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Acts 5 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Now a man named Ananias, together with his wife Sapphira, sold a piece of property. Namichi Anaaniyaa jedhamu tokko jiraayyu; inni haadha manaa ifii Safiiraa woliin lafa qabanu takka gurgurate.
2 He kept back part of the proceeds for himself, with his wife aware, and brought only a portion, laying it at the apostles' feet. Ammoo haadha manaa ta ifii woliin wolii galiisaan beesee irraa hamburatee, taan fidee ergantootatti kenne.
3 But Peter said, "Ananias, why has Satan filled your heart to lie to the Holy Spirit and keep back part of the land's price? Pheexroos isaan, «Anaaniiyaas! Akka ati Ayyaana Woyyicha sodduu fi beesee lafa itti gurguratte akka hambifattu, seexanni yaada keeti akka toowatu maaf itti lakkitte?
4 Wasn't it yours while unsold? After selling, wasn't the money yours to control? Why did you plan this in your heart? You didn't lie to people, but to our Father." Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti» jedheen.
5 Hearing these words, Ananias fell down and died; great fear seized all who heard. Anaaniiyaas akkuma jecha kana dhage'een, jigee du'e; worri marroo waan kanaa dhage'ane duudiille bararaqane.
6 Then the young men rose, wrapped up his body, carried him out, and buried him. Dargaggooti dhufanee, reeffa isaa maranee, geessanee awwaalane.
7 About three hours later his wife came in, not knowing what had happened. Gara saatii sadiitiin duubatti, haati manaa isaa waan te'eeru adoo hin beekin dhutte.
8 Peter asked her, "Tell me, did you sell the land for this much?" She said, "Yes, for that much." Pheexroos isi'iin, «Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?» jedhee gaafate; Isiille deebittee, «Eeti, haguma kana» jetteen.
9 Then Peter said to her, "Why did you conspire to test the Spirit of our Father? Look, the feet of those who buried your husband are at the door, and they'll carry you out too." Maarre Pheexroos isi'iin, «Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan» jedhe.
10 At once she fell at his feet and died. The young men came in, found her dead, carried her out, and buried her beside her husband. Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane.
11 And great fear came upon the whole church and upon all who heard of these things. Wolde'ooti kiristaanaatii fi worri waan kana dhage'ane duudiin bararaqane.
12 Many signs and wonders happened among the people through the apostles' hands. They all gathered together in Solomon's Portico. Baasaa fi bilbaasi hedduun kolbaa oddu'utti ergantootaan hujamane. Dhugeeffattooti duudiin soroo manaa ka Solomoonii jalatti wolitti qabamaniiyyu.
13 None of the rest dared to join them, but the people held them in high honor. Worra dhibii keessaa isaanitti makamiisaaf ka itti game tokkolle hin jiru; te'ulle kolbaan isaan ulfeessitiiyyu.
14 Even more believers were added to the Lord—crowds of men and women, Ammoo worri Gootta'atti dhugeeffatane gumiin hedduun dhiiraa fi dubartiin isaanitti ede'amane.
15 so they even carried the sick into the streets and put them on cots and mats, hoping that at least Peter's shadow might fall on some of them as he passed. Yennaa Pheexroos karaa san dabaru gaaddiddummaan isaalle isaan keessaa tokko tokko akka tuxxuuf, worra dhibameeru taqe'ee fi itille'een fidanee karaa irra keyane.
16 Crowds also came from towns around Jerusalem, bringing the sick and those tormented by unclean spirits, and all were healed. Kolbaan qachoota adaala Yerusaalemii jiranu, worra dhibameeruu fi worra ayyaana hama'aan qabameeru fidane; isaan martinuu fayyane.
17 The high priest rose up, and all with him, the Sadducee party, and they were filled with jealousy. Achiin duuba Hayyichi gudda'aa fi worri isa woliin jiru, ka isa gargaaranu saduqoota duudii woliin hinaaffa'aan guutamanee ergantoota irratti ka'ane.
18 They arrested the apostles and put them in the public prison. Isaan ergantoota qabanee mana hidha'aatitti galchane.
19 But at night an angel of our Father opened the prison doors, led them out, and said, Halkan san ammoo ergamaan Waaqaa balbala mana hidha'aa banee, ergantootaan dura deemaa, gad baasee, isaaniin,
20 "Go, stand in the temple and speak to the people all the words of this Life." «Dhaqa'aatii Galma Waaqaa keessa dhaabbadha'aa, marroo jiruu haareya tanaa, kolba'atti hima'a» jedhe.
21 Hearing this, they went into the temple at dawn and began teaching. When the high priest and those with him arrived, they convened the council—the full assembly of elders of Israel—and sent to the jail to have them brought. Isaan dubbii tana fudhatanee, akkuma latti bariiteen Galma Waaqaa seenanee barsiisuu jalqabane. Hayyichi guddaan worra isa gargaaranu woliin dhufee, miseensota kora mura'aatii fi jaarsota Yihudootaa wolitti waamee, ergantoota worra hidhamaneeranu san fichisiisu'uuf gara mana hidha'aa nama erge.
22 But the guards found no one there when they arrived; they returned and reported, Worri ergamane ammoo, barattoota mana hidha'aa keessaa dhabanee, gara Kora Mura'aa deebi'anee,
23 "We found the prison locked tight, guards standing at the doors, but opening them, found no one inside." «Nuuti yennaa mana hidha'aa geenne, balbalti jabeeffantee cufantee, eeddoti balbala dura jiranuun dhaggine; ammoo yennaa balbala banne, namuu keessatti hin dhaggine» jedhane.
24 Hearing this, the temple guard captain and chief priests were baffled, wondering where it would lead. Sooreyyiin hayyootaatii fi dura bu'aan eeddota Galma Waaqaa yennaa waan kana dhage'ane, waan ergantoota irratti te'e baaseffatanee, waan godhanu wollaalane.
25 Someone came and reported, "Look, the men you jailed are standing in the temple teaching the people!" Achiin duuba nami tokko dhufee isaaniin, «Dhage'a'a! Namooti isin mana hidha'aa galchitane Galma Waaqaa keessatti, kolbaa barsiisiisatti jiran!» jedhe.
26 Then the captain and officers went and brought them, without force, fearing the people would stone them. Maarre dura bu'aan Galma Waaqaa worra isa woliin huju woliin dhaqee ergantoota fidee dhufe. Isaan kolbaan dhaka'aan nu tunti jedhanee waan sodaataneef, hunnaan hin finne.
27 When they had brought them, they set them before the council. And the high priest questioned them, Isaan ergantoota fidanee, Kora Mura'aa dura dhaabbachiisanee, hayyichi guddaan isaan qoree,
28 saying, "We strictly ordered you not to teach in this name, yet you've filled Jerusalem with your teaching and intend to bring this man's blood on us." «Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan» jedhe.
29 But Peter and the apostles answered, "We must obey our Father rather than men. Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, «Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna.
30 The God of our fathers raised Jesus, whom you killed by hanging him on a tree. Waaqi Abbootii teennaa, Yesuusii isin muka irratti fannittanee ijjeettane du'aa kaaseera.
31 Our Father exalted him to his own right hand as Ruler and Savior, to give Israel repentance and forgiveness of sins. Akka Yesuus kolbaa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araara cubbu'uu kennuuf, Waaqi sooressaa fi fayyisaa godhee midda ifiititti ol isa fuudheera.
32 We are witnesses of these things, and so is the Holy Spirit, whom our Father gave to those who obey him." Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya'a» jedhane.
33 When they heard this, they were enraged and wanted to kill them. Korri Mura'aa yennaa waan kana dhage'ane, guddoo aaranee ergantoota ijjeesiisa barbaadane.
34 But a Pharisee named Gamaliel, a law teacher honored by all the people, stood up in the council and ordered the men taken outside briefly. Isaan keessaa ammoo Fariisaayichi, barsiisaa Seera Muuse'ee te'e, maqaan isaa Gamaali'el ka jedhamu, ka nami duudiin guddoo ulfeessu tokko, Kora Mura'aa keessaa ol ka'ee, ergantoota san yennaa diqqoo ala akka tursiisanu ajaje.
35 He told them, "Israelites, think carefully about what you're about to do with these men. Achiin duuba inni kora Mura'aatiin, «Kolbaa Israa'elii! Waan jara tana gootanu irratti ifi eegadha'a.
36 Before this, Theudas appeared, claiming to be somebody; about 400 men followed him. He was killed, his followers all scattered, and it came to nothing. Tanaan dura namichi Toyidaas jedhamu ka'ee, ani nama jaba'a ifiin jedhe; namooti gara dhibba afurii te'anu isa woliin hujane. Ammoo inni ijjeefamee, worri isa woliin huju duudiin bittinnowanee, wonni sun achumatti dhumatte.
37 After him, Judas the Galilean rose up during the census and drew people away after him. He too died, and all who followed him were scattered. Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofattooti isaa duudiin bittinnootte.
38 Now I tell you: stay away from these men and leave them alone. If this plan or work is from men, it will fail. Maarre ammalle, jara tana irratti waan hantuu tokkolle akka hin goone ani isinitti hima. Isaan lakkisa'a! Wonni isaan yaadanee hujane nama irraa yoo teete, hin baddi;
39 But if it's from our Father, you won't be able to overthrow them; you might even find yourselves fighting our Father." So they were persuaded by him. ammoo yoo ta Waaqa irraa dhutte teete, isaan balleessuu hin dandeettanu; isin ifiifuu Waaqaan loltanuun ifi dhaggitan» jedheenii jennaan, isaanille gorsa Gamaali'elii fudhatane.
40 Persuaded by him, they called in the apostles, beat them, ordered them not to speak in the name of Jesus, and released them. Isaan ergantoota ol waamanee deebisanee, dhaananee, lammeessoo maqaa Yesuusiitiin akka hin dubbanne ajajane; achiin duuba gad lakkisane.
41 So they left the council, rejoicing they'd been counted worthy to be shamed for the name. Ergantooti Yesuusiif farriisaa fi salphatiisa akka waan dansa'aatitti laakkowanee, gammadaan Kora Mura'aa biraa gad bayane.
42 Every day, in the temple and house to house, they never stopped teaching and proclaiming the good news: the Christ is Jesus. Isaan guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessaa fi mana kolba'aa keessatti, Oduu Gammadaa ta Yesuusii Masiihiicha te'ee, barsiisiisaa fi lallabiisa hin lakkinne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]