Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

James 5 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Come now, you who are rich, weep and wail over the miseries that are coming upon you. Amma isin dureeyyiille caqasa'a! Gaddi waan isinitti dhufaaruuf, wiiccifadha'aa bowa'a.
2 Your riches have rotted, and your clothes have become moth-eaten. Karri teessan alootteerti; woyaan teessanille bili'iin nyaatanteerti.
3 Your gold and silver have rusted; their rust will witness against you and burn your flesh like fire. You piled up riches in the last days. Worqi'ii fi meetiin teessan ciilteerti; ciilli isaanii kun isin irratti dhugaa hin baya, akka ibiddaalle foon nafa keessanii hin nyaata. Guyyoota gara muumme'ee kana keessatti karra wolitti qabattaneertan.
4 Look: the wages you held back from the workers who mowed your fields cry out, and the harvesters' cries have reached the ears of the Father of heaven's armies. Caqasa'a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan Waan Mara Dade iyyansa isaanii dhage'eera.
5 You lived on earth in luxury and indulgence. You fattened your hearts in a day of slaughter. Isin qanani'ii fi gammadaan lafa irra leetaneertan; guyyaa itti qalantanuuf ifi gabbifattaneertan.
6 You have condemned and murdered the righteous one, who does not resist you. Isin nama balchaa isin hin morminetti murtanee ijjeettaneertan.
7 So be patient, brothers and sisters, until the Lord's coming. Think of the farmer: he waits patiently for the land's precious fruit, until it gets the early and late rains. Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi'ee dhufutti ossadha'a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege'ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala'a.
8 You too must be patient. Strengthen your hearts, because the coming of the Lord is near. Isinille akkasuma ossadha'a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha'a.
9 Don't grumble against each other, brothers and sisters, or you'll be judged. Look—the Judge stands at the doors. Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin muranne wolitti hin gungumina'a! Kunoo yennaan abbaan mura'aa dhufu geetteerti.
10 Brothers and sisters, take the prophets who spoke in the name of our Father as examples of suffering and patience. Obboleeyyan tiyya! Marroo rakkatiisaatii fi ossatiisaa, raagota maqaa Gootta'aatiin dubbatane akka fakkeennaatitti fudhadha'a!
11 See, we call those who endured blessed. You've heard of Job's endurance and seen what our Father brought about—our Father is rich in compassion and mercy. Worra ciniinnatee ossaa ture san, nuuti akka worra badhaadheetitti isaan ilaalla. Iyoob attam akka ciniinnatee osse dhageettaneertan; muummee irratti waan Goottaan godhe dhaggitaneertan; sababille Goottaan marara'aa fi gadhi-laafessa.
12 Above all, my brothers and sisters, do not swear—neither by heaven, nor earth, nor any other oath. Let your yes be yes and your no, no, so you won't fall under judgment. Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina'a! Ol-gubba'aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille'een hin kakatina'a! «Eetiin» teessan eeti, «Waawwoon» teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te'in, isinitti hin muranti.
13 Is anyone among you suffering? Let them pray. Is anyone cheerful? Let them sing praises. Odduu teessan nami rakkatiisatti jiru jiraa? Inni daadimatuu ti! Nami gammadeeru jiraa? Inni faaruu galataa faarfatuu ti.
14 Anyone sick among you? Have them call for the church elders, and have the elders pray over them, anointing them with oil in the name of the Lord. Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde'a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta'aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti.
15 The prayer of faith will save the sick person, and the Lord will raise him up. And if he has sinned, he will be forgiven. Daadimannaan dhugeeffanna'aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf.
16 So confess your sins to each other and pray for each other, that you may be healed. A righteous person's prayer is powerful and effective. Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha'a, woliifille daadimadha'a! Daadimannaan nama balcha'aa hunnaametti'ii fi bu'aa qabeetti'i.
17 Elijah was a man like us, and he prayed hard that it not rain; it did not rain on the land for three years and six months. Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji'a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne.
18 Then he prayed again, and the heavens gave rain, and the earth produced its fruit. Yennaa inni deebi'ee daadimate ammoo, gubbaan bokkeya kennitee, lattille midhaan baache.
19 My brothers and sisters, if anyone among you wanders from the truth and someone turns them back, Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami tokko dhugaa irraa goreeruun, nami dhibiin dhuga'atti yoo isa deebise,
20 know this: whoever turns a sinner from their wrong way saves that person's soul from death and covers a multitude of sins. ka nama cubbaalessa cubbuu irraa deebisu, lubbuu nama cubbaalessaa du'a irraa fayyisee, cubbuu heddu'uufille akka inni araara dhaggatu akka godhe beekuu ti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]