Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

James 4 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Where do wars and fights among you come from? Isn't it your cravings warring inside you? Lolaa fi falmiin odduu teessan jirtu, eessaa dhutte? Halchaa nafa keessan keessatti wol loltu irraa dhuttii motii?
2 You want and don't have—you kill. You crave and can't get it—you quarrel and fight. You don't have because you don't ask. Isin waan tokko hin halchitan, ammoo hin dhaggattanu; tanaaf nama ijjeettan. Jabaattaneelle woy halchitan, dhaggatiisaaf hin dandeettanu; tanaaf wol falmaa wol loltan. Waan hin daadimanneef, waan barbaaddanu hin dhaggattanu.
3 You ask and do not receive, because you ask wrongly, to spend it on your own pleasures. Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra oolchiisaaf, yaada hama'aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu.
4 You adulterous people! Don't you know friendship with the world is hostility toward our Father? Whoever chooses to be its friend becomes an enemy of our Father. Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te'uu halchu, diina Waaqaa hin te'a.
5 Or does Scripture speak for nothing, saying the spirit he placed in us longs jealously? Yookiin Barreeffam Woyyichi, «Waaqi, ayyaana nu keessa keyeef hin hinaafa» yennaa jedhu, akkasumaan ka dubbatu isinitti fakkaataa?
6 But he gives more grace. That is why Scripture says, "Our Father opposes the proud but gives grace to the humble." Waaqi ammoo badhaadha irra caalu hin kenna; tanaaf Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma, worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna» jedha.
7 Submit yourselves, then, to our Father. Resist the devil, and he will flee from you. Maarre Waaqaaf ajajama'a; Seexana ammoo morma'a, innille isin baqata.
8 Come close to our Father, and he will come close to you. Cleanse your hands, sinners; purify your hearts, double-minded. Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a.
9 Grieve, mourn, and weep. Turn your laughter to mourning and your joy to gloom. Laaleffadha'a, gadda'a, bowa'a! Kolli keessan gara gaddaa, gammadi keessan gara bowiisaa jijjiiramuu ti.
10 Humble yourselves before our Father, and he will lift you up. Goottaa duratti gad ifi qaba'a, innille ol isin hin qaba.
11 Don't speak against each other, brothers and sisters. Whoever speaks against a brother, or judges him, speaks against the law and judges it. But if you judge the law, you're not keeping it—you're judging it. Obboleeyyan tiyya, waan hantuu wol irratti hin dubbatina'a! Nami waan hantuu obboleessa irratti dubbatu yookiin obboleessa ifiititti muru, seera irratti hantuu dubbata, ittille hin mura; ati seera irratti yoo murte ammoo, nama seera irratti muru malee, nama seera hujii irra oolchuu moti.
12 Only one gives the law and judges—able to save or destroy. Who are you to judge your neighbor? Ka seera baasuu fi murulle Waaquma tokkocha; ka fayyisiisaa fi balleessiisa dande'ulle isuma calla'a; ati ka namatti murtu eennu ree?
13 Come now, you who say, "Today or tomorrow we will go to this or that city, spend a year, trade, and profit." Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu'aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa'a!
14 You don't know what tomorrow brings. What is your life? For you're a mist, visible briefly, then gone. Isin waan boru te'u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo'oof mudhattee deebitee badduu ti.
15 Instead you ought to say, "If our Father wills, we will live and do this or that." Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane.
16 As it is, you boast in your arrogance. All such boasting is evil. Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu'u.
17 So whoever knows the good to do and fails to do it, sin is theirs. Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]