Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 6 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Darius appointed 120 satraps over the kingdom, stationed throughout the whole kingdom, Daariyos kutaa mootummaa isaa mara akka bulchanuuf, bulchitoota dhibbaa fi diddama muuduu barbaade;
2 and three officials over them, one of them Daniel, so the satraps would answer to them and the king lose nothing. isaan irratti namoota sad itti gaafatantoota godhe; isaan sadiin keessaa tokkochi Daani'eliiyyu; mootichi akka hin rakkanneef bulchitooti sun worra sadiin kanaaf deebii kennaniiyyu.
3 Daniel outshone the administrators and satraps, because an extraordinary spirit was in him, and the king planned to set him over the whole kingdom. Daani'el qondaaltotaa fi bulchitoota caalaa ayyaana adda te'e waan qabuuf, mootichi kutaa mootummaa ifii mara irratti isa bulchaa godhuu barbaade.
4 Administrators and satraps sought grounds to charge Daniel over the kingdom, but found none—no corruption—since he was faithful; no negligence or corruption was found in him. Sababa kanaaf, qondaaltotii fi bulchitooti, hujii mootumma'aa ta Daani'el hujuun isa himatiisaaf barbaadane; inni addatamaa, wonni dokonkore yookiin yakke waan hin jirreef, isaa ammoo dokonkora yookiin balleessa tokkolle isa irratti dhagguu hin dandeenne.
5 Then these men said, "We'll find no charge against Daniel unless we find one in his God's law." Tanaaf jarri tun, «Dhuggeeffannaa inni Waaqa ifiititti dhugeeffatuun malee, waan Daani'el ittiin himannu hin dhagganu» woliin jedhane.
6 So the administrators and satraps went together to the king and said, "King Darius, live forever! Maarre qondaaltotii fi bulchitooti gara mootichaa dhaqanee, «Ee mootii Daariyos, haga bara baraa le'i!
7 All the kingdom's administrators, prefects, satraps, counselors, and governors agreed the king should issue a royal statute and firm decree: whoever petitions any god or man but you, king, for thirty days, will be thrown into the lions' den. Ee mooticha, haga guyyaa soddomaa eennulle gara keeti malee, gara namaa yookiin gara waaqa dhibi'ii akka hin daadimanne, ati mootichi ajaja baattee, ajaji sunille akka muummeffamu, nami ajaja kana hin muummessine boolla neenqaatitti akka gatamu, nuuti qondaaltoti mootumma'aa gugurdoon, sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti wolii galleerra.
8 Now, king, issue the decree and sign it in writing, unalterable, under the law of the Medes and Persians, which cannot be revoked. Amma, ee mooticha, ajaji kun akka seera Medooniitii fi Faaresii ka jijjiiramuu hin dandeennee akka te'u, barreessiitii itti mallatteessi» jedhane.
9 So King Darius signed the document and the ordinance." Tanaaf mootichi Daariyos ajaja kana barreessee itti mallatteesse.
10 Learning the decree was signed, Daniel went home to his upstairs room, windows open toward Jerusalem, knelt three times daily, and prayed, giving thanks before his Father as always. Daani'el ajaji akka itti mallatteeffame yennaa beeke, gara mana ifii ka kolloon mana irraa ka foddaan isi'ii fuullee Yerusaalemiititti banameeruu ol bayee, akkuma dur godhu guyya'atti yennaa sad jilbiiffatee gara Waaqa ifii daadimatee, leellifate.
11 Then these men came together and found Daniel praying and pleading for mercy before his Father. Namooti sun, Daani'el gara Waaqa ifii daadimataa, isa irralle'ee qarqaarsa gaafatuun dhaggane.
12 They approached the king about the decree: "Did you not sign a decree that for thirty days, anyone petitioning any god or man except you, king, would be thrown into the lions' den?" The king answered, "The matter stands, by the law of the Medes and Persians, unchangeable." Achiin duuba isaan Daani'el himatiisaaf gara mootichaa dhaqanee, marroo ajaja baye saniitiif, «Ee mooticha, nami guyyaa soddoma kana keessatti gara keeti qofa malee, gara waaqa dhibi'ii yookiin gara namaa daadimate, boolla neenqaatitti akka gatamuuf ajaja bayetti mallatteessiteertaayyuu motii?» jedhane. Mootichi deebisee, «Eeti'i, ajaji akkuma seera Medooniitii fi Faaresii ka hin jijjiirannee bayeera» jedhe.
13 They told the king, "Daniel, one of Judah's exiles, ignores you, king, and your signed decree—praying three times daily." Achiin duuba isaan mootichaan, «Ee mooticha, Daani'el worra biyya Yihuda'aatii booji'amane keessaa tokko ka te'e sun, si'iif yookiin ajaja ati itti mallatteessiteef ulfinna hin kennu. Inni haga ammaa guyya'atti yennaa sad gara Waaqa ifii daadimata» jedhane.
14 Hearing this, the king was deeply troubled, determined to save Daniel, and worked until sunset to rescue him. Mootichi tana yennaa dhage'e guddoo gadde; inni Daani'el baasiisaaf murteeffatee, haga aduun seentutti mala isa ittiin baasu mara wodhaane.
15 Then these men gathered before the king and said, "Know, king: by law of the Medes and Persians, no decree or edict the king issues can be changed." Achiin duuba namooti sun, gara mootichaa dhufanee mootichaan, «Ee mooticha, akka seera Medooniitii fi Faaresiititti lassiin yookiin ajaji mootichi baase tokko jijjiiramuu akka hin dandeenne beeki» jedhane.
16 Then the king gave the command, and they brought Daniel and threw him into the lions' den. The king said to Daniel, "May your God, whom you serve continually, rescue you." Tanaaf mootichi ajajee jennaan, Daani'el qabanee fidanee boolla neenqaatitti gatane; mootichille Daani'eliin, «Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu si baasuu ti» jedhe.
17 A stone was brought, placed over the den's mouth, and sealed by the king with his signet ring and his nobles' rings, so nothing about Daniel could change. Dhakaa tokko fidanee afaan boollaa irra keyanee, eennulle Daani'el baasiisaaf akka hin wodhaanne, mootichi chaappaa qubee quba ifiitii fi ta qondaaltota ifiitiin dhakaa san irratti mallatteesse.
18 Then the king went to his palace and fasted that night; no entertainment was brought before him, and sleep fled from him. Achiin duuba mootichi gara mootummaa ifii deebi'ee, halkan san sagalee adoo hin nyaatin, wonni isa gammachiisulle akka isaaf dhikaattu adoo hin barbaadin, hirriiba dhabee bule.
19 Then, at the first light of dawn, the king rose and hurried to the den of lions. Ganama akkuma boruun dayya'een mootichi ka'ee, ariiti'iin gara boolla neenqaa dhaqe.
20 Nearing the den, he cried out to Daniel anxiously. The king said to Daniel, "Daniel, servant of the living God, has your God, whom you serve continually, been able to rescue you from the lions?" Inni yennaa boolla bira geye qoonqoo gaddaatiin, «Daani'el, tajaajilaa Waaqa jiraata'aa, Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu neenqa jalaa si baasuu dande'eera?» jedhee waame.
21 Then Daniel said to the king, "King, may you live forever! Daani'el deebisee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i!
22 My Father sent his angel and shut the lions' mouths. They haven't harmed me, because I was found innocent before him, and before you, king, I've done no wrong." Ani Waaqa kiyya duratti ka komii hin qanne te'ee waan dhaggameef, akka neenqi na hin miine, inni ergamaa ifii ergee afaan neenqaa cufe; ee mooticha, ani si duralle'etti dokonkora hin hunye» jedhe.
23 The king was overjoyed and ordered Daniel lifted from the den. Daniel was lifted out with no injury at all, for he had trusted in his Father. Mootichi guddoo gammadee, Daani'el boolla san keessaa akka ol baasanu ajaje; maarre isaan boolla san keessaa isa ol baasane; Daani'el Waaqa ifiititti waan addateeruuf, madaan takkaalle isa irratti hin dhaggane.
24 The king ordered the men who had falsely accused Daniel brought and thrown into the lions' den—with their children and wives. Before they reached the bottom, the lions overpowered them and crushed all their bones. Ajaja mootichaatiin worra Daani'el dharaan himate san niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii woliin fidanee, boolla neenqaatitti gatane; adoo isaan boolla keessa lafa hin geyin, neenqoti isaan bubbutanee lafee isaanii mara butuchane.
25 Then King Darius wrote to all peoples, nations, and languages living on earth: "May your peace overflow! Achiin duuba mootichi Daariyos gara kolbaa heddu'uu, gosa biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu ta biyya lafaa duudii keessa leetuu barreessee, «Nageenni isiniif te'u!
26 I decree: in all my kingdom, people must tremble and fear before Daniel's God—the living God, enduring forever. His kingdom will never be destroyed; his rule never ends. Kolbaan mootummaa tiyya keessa jirtu marti Waaqa Daani'elii akka sodaattuu fi ulfeessitu ani lassii baaseera. «Inni Waaqa jiraataa haga bara baraa le'u. Mootummaan isaa ijjumaan hin baddu; barri mootummaa isaalle ijjumaa dhuma hin qabu.
27 He rescues and delivers; he works signs and wonders in the heavens and on the earth; he is the one who rescued Daniel from the power of the lions." Inni hin fayyisa; hin baasalle'e; inni ol-gubba'aa fi lafa irratti bilbaasaa fi maadee hin godha. Inni Daani'el neenqa jalaa baaseera» jedhe.
28 So this Daniel thrived in the reign of Darius and of Cyrus the Persian. Bara bulchiinsa mooticha Daariyositii fi bara bulchiinsa Qiirosii mooticha Faaresii keessa Daani'eliif le'iin tolte.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]