Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 5 guj

Show guj only
Verse × ×
1 King Belshazzar held a great feast for 1,000 nobles, drinking wine in the presence of the 1,000. Gaafa tokko mootichi Belshaazaar qondaaltota gugurdoo kuma tokkoof jila qopheesse; innille isaan woliin daadhii woyni'ii uniisatti jiraayyu.
2 While tasting the wine, Belshazzar ordered in the gold and silver vessels his father Nebuchadnezzar took from Jerusalem's temple, for the king, his nobles, wives, and concubines to drink from. Belshaazaar daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiruu, meya worqi'iitii fi meeti'ii ka abbaan isaa Nebukadnezaar galma Yerusaalemii keessaa baase innii fi qondaaltoti isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unanuuf akka fidanu ajaje.
3 Then they brought the gold vessels taken from the temple, our Father's house in Jerusalem; the king, his nobles, wives, and concubines drank from them. Maarre worri ajajame meya worqi'iitii fi meeti'ii, ka Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa baafame san fidanee, mootichi, qondaaltoti gugurdoon isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unane.
4 They drank the wine and praised the gods of gold, silver, bronze, iron, wood, and stone. Isaan daadhii woyni'ii unaa, waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane leellifatane.
5 Just then a human hand's fingers appeared and wrote on the plaster of the king's palace wall opposite the lampstand, and the king watched the hand writing. Dedhuma qubi harka namaa mudhatee, mana mootumma'aa keessatti dhoobbuu dalleyaa, ta fuullee waan issaan irra keyamuu jirtuu irratti barreessuu jalqabe. Mootichi quba barreessiisatti jiru san dhagge.
6 The king's face changed color, his thoughts terrified him, his hips gave way, and his knees knocked. Achiin duuba mootichi guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; harkii fi miilli isa irraa bu'ee, jilbi isaalle wol dhowe.
7 The king shouted for the enchanters, astrologers, and fortune-tellers, telling Babylon's wise men, "Whoever reads this writing and tells me what it means will wear purple, a gold chain on his neck, and rule third in the kingdom." Mootichi qoonqoo guddo'oon, worra xanu, worra moruu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka ol seensisanu ajaje. Yennaa isaan ol seenane inni isaaniin, «Nama barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti himutti woyaan dhiilleen isatti hin uffifanti; worqiin mormaa morma isaatitti hin keyanti; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulcha» jedhe.
8 Then all the king's wise men came in, but none could read the writing or tell him its meaning. Achiin duuba qarooleen mootichaa marti ol seenane; ammoo barreeffama dubbisuu yookiin hiikkaa isaa mootichatti himuu hin dandeenne.
9 So King Belshazzar grew even more terrified, his face paler still, and his nobles were bewildered. Maarre mootichi Belshaazaar ka durii caalaa guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; qondaaltoti isaalle waan jettu wollaalte.
10 At the king's and his nobles' words, the queen entered the banquet hall, saying, "King, live forever! Don't let your thoughts terrify you or your face turn pale. Haati mootichaa qoonqoo mootichaatii fi qondaaltota isaa yennaa dhageette, gara addee jilaa ol seentee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Hin raafamin; fuulli keetille hin jijjiiramin!
11 A man in your kingdom has the spirit of the holy gods. In your father's days he showed insight, understanding, and wisdom like the gods' wisdom. King Nebuchadnezzar your father—your father the king—made him chief of magicians, enchanters, astrologers, and fortune-tellers, Mootummaa teeti keessa nami ayyaanni waaqota woyyootaa isa keessa jiru tokko jira; nami sun bara mootummaa abbaa keetii akka waaqotaa beekkumsaan, hubanti'ii fi qarumma'aan guutamee dhaggameera; abbaan keeti mootichi Nebukadnezaar worra xanu, worra moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, irratti itti gaafatamaa isa godheera.
12 because extraordinary spirit, knowledge, and understanding—interpreting dreams, explaining riddles, untying knots—were found in this Daniel, whom the king named Belteshazzar. Now call Daniel; he will interpret." Nami sun Daani'el ka mootichi, ‹Belxishaazaar› jedhee moggaase; inni oojjuu hiikiisaaf, hiibboo hiikiisaaf, waan dhossa'aa mudhisiisaaf, ayyaana dansaa beekkumsaa fi hubantii nama qabu; inni barreeffama san dubbisee, hiikkaa isaa himiisa waan dande'uuf, isa waansis» jette.
13 Daniel was brought before the king, who asked, "Are you Daniel, one of the Judean exiles my father the king brought from Judah? Maarre Daani'el mooticha duratti dhikeessane; mootichille Daani'eliin, «Ati worra Yihuda'aa ka abbaan kiyya mootichi biyya Yihuda'aatii booji'ee fide keessaa tokkoo?
14 I heard the spirit of the gods is in you—light, understanding, and rare wisdom found in you. Ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa akka jiru, beekkumsa, hubanti'ii fi qarummaa akka qaddu dhage'eera.
15 The wise men and enchanters were brought before me to read this writing and tell me its meaning, but couldn't. Qaroole'ee fi worri moru barreeffama kana dubbisee, hiikkaa isaa akka natti beessisanuuf na dura dhikaataneeraniiyyu; ammoo hiikkaa barreeffama sanii naaf himiisa hin dandeenne.
16 I've heard you can interpret and untie knots. If you read this writing and tell me its meaning, you'll wear purple, a gold chain on your neck, and rule third in the kingdom." Ati ammoo hiikkaa kennuu, waan nama rakkisulle hiikuu akka dandeettu ani dhage'eera; amma barreeffama dubbisuu, hiikaa isaalle natti beessisuu yoo dandeette, woyaan dhiilleen sitti hin uffifanti; worqiin mormaalle morma keetitti hin keyama; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulchita» jedhe.
17 Daniel answered the king, "Keep your gifts; give your rewards to another. Still, I will read the king the writing and tell him its meaning. Achiin duuba Daani'el deebisee, mootichaan, «Kennansi keeti si'umaaf hafuuti, badhaasa keetille nama dhibi'iif kenni. Ani ammoo barreeffama si mootichaaf dubbisee, hiikaa isaalle sitti hin beessisa.
18 Your Majesty, the Most High our Father gave your father Nebuchadnezzar the kingdom, greatness, glory, and majesty. «Ee mooticha, Waaqi Ol Aanaan abbaa keeti Nebukadnezaariif mootummaa, guddinna, ulfinnaa fi arnya kenneeraayyu.
19 Because of the greatness he gave him, all peoples, nations, and languages trembled and feared before him. He killed whom he wished, let live whom he wished, raised whom he wished, humbled whom he wished. Sababa Waaqi guddinna isaaf kenneef, kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaa, kolbaan afaan adda addaa dubbattu martinuu sodaattee, fuula isaa duratti hollatte; inni worra ijjeesuu barbaade ijjeese; worra hamburuu barbaade hambure; worra ulfeessuu barbaade ulfeesse; worra gad qabuu barbaade gad qabe.
20 When his heart grew proud and his spirit hardened into arrogance, he was deposed from his royal throne and his glory taken away. Yennaa inni kooree, mataa jabaate ammoo, barcumaa mootummaa ifii irraa bu'ee, ulfinni isaalle isa irraa fudhatame;
21 He was driven from people, his mind made like an animal's; he lived with wild donkeys, was fed grass like an ox, and the dew of heaven soaked him—until he knew the Most High our Father rules the kingdom of men and sets over it whomever he chooses. Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii fedheef akka kennu, haga inni beekutti, inni kolbaa keessaa ari'amee, qalbiin isaa jijjiirantee, akka bineensaa te'e; harree didaa woliin le'ee akka hori'ii marra dheede; nafi isaalle fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe.
22 But you, Belshazzar his son, have not humbled your heart, though you knew all this. «Atille Belshaazaar ilmi isaa tana mara adoo beettuu, ifi gad hin qanne;
23 Instead, you lifted yourself against heaven's Sovereign. You had his house's vessels brought before you, and you, your nobles, wives, and concubines drank wine from them. You praised gods of silver, gold, bronze, iron, wood, and stone—gods that cannot see, hear, or know anything. But the One holding your breath in his hand, who owns all your ways—our Father—you have not honored. ati Goottaa ol-gubba'aa mormitee, ifi ol qadde; meya Galma Waaqaa keessaa akka fidanu goote; atii fi qondaaltoti teeti, niitotii fi gursumeeyyiin teeti, daadhii woyni'ii itti untane. Ati waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka hin dhaggine yookiin ka hin dhageenne yookiin ka womaa hubatuu hin dandeenne leellifatte malee, Waaqa jiru'u fi ideensa keeti toowatuuf ulfinnaa hin kennine.
24 Therefore he sent the hand that wrote this inscription. Tanaaf Waaqi harka barreeffama san barreesse erge.
25 This is the writing that was inscribed: MENE, MENE, TEKEL, PARSIN. «Barreeffam barreeffamelle, ‹Mene, mene, teqel, u-faarsiin› ka jedhu.
26 This is what it means: MENE—our Father counted your kingdom's days and ended it. Hiikkaan dubbii tanaalle, ‹Mene, mene›, jechuun ‹Laakkowee, laakkowee› jechu'u; tanaaf Waaqi bara mootummaa teetii laakkowee, mootummaan teeti akka dhumattu godheera.
27 TEKEL—you have been weighed on the scales and found wanting. ‹Teqel› jechuun, ‹Madaala› jechu'u; tanaaf ati madaala irra keyantee, sallattee dhaggante.
28 PERES—your kingdom has been divided and given to the Medes and Persians." ‹U-faarsiin› jechuun, ‹Gargar qoodante› jechu'u; tanaaf mootummaan teeti gargar qoodantee, worra Medooniitii fi Faaresiitiif kennate» jedhe.
29 Then Belshazzar gave the order, and they clothed Daniel in purple, put a gold chain on his neck, and proclaimed him third ruler in the kingdom. Achiin duuba Belshaazaar woyaa dhiillee Daani'elitti akka uffisanu, worqii mormaa morma isaatitti akka keyanu ajaje; mootummaa ifii keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee akka bulchu lassii baase.
30 That very night Belshazzar, king of the Babylonians, was killed. Mootiin worra Baabilonii Belshaazaar halkanuma san ijjeefamee,
31 And Darius the Mede received the kingdom, being about sixty-two years old. Daariyos nami biyya Medoonii ka woggaa jaatamii lamaa, mootummaa san fudhate.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]